Afaan Oromoo: ‘Giddu-galeessi to’atu tokko ni barbaachisa’



Biiroon Barnootaa Magaalaa Finfinnee dhiyeenya kana, manneen barnootaa magaalattii keessa jiran keessa Afaan Oromoo akka afaan barnootaa dabalataa akka tahuuf murteesseera.

Kallacha tokkummaa hundee bilisummaa

Afaan Oromoo hundee Oromummaa

Galma aadaa keenyaa

Eegaa seenaa keenya

Afaan Oromoo… jechuudhaan Artist Alii Birraa sirboota isaa barri irraa hin dabarreen akka saayinsiifi siyaasa ittiin dubbisnee barreessinu cimsee dhaama.

Afaan Oromoo kaleessa

Afaan Oromoo yoo xiqqaate waggoota 190 dura Oromoota garbummaan gara Awurooppaatti gurguraman warra akka Ooshuu Aagaa, Akkafedhee Daallee, Waareefi Gaba’oo jedhamnirraa jalqabee barreessuuf yaaliin hedduun taasifamaa turuu seenaan og-barruu Afaanichaa ni mullisa.

Boodarra ammoo warra akka Sheek Bakirii Saphaaloo, Onesmoos Nasiib, Asteer Gannoofi Dimboo Garbaafaatu arkaa fuudhee Afaan Oromoo afaan barreeffamaa akka ta’uu carraaqqii taasisaa akka turan seenaan kun ni ibsa.

Namoota waggoota hedduu dura Afaan Oromoo akka ittiin barreefamuuf dhama’aa turan kanarraa dhaloonni fuudhanii wareegama jajjabaa hanga lubbuutti gaafate itti baasanii ar’a ga’era.

Walaloon “Onnee midhameef qoricha”

Afaan Oromoo afaan hojii mootummaa federaalaaf

Yunivarsitiin Baahirdaar afaan Oromoofi Gi’iizii barsiisu eegaluuf

Afaan Oromoo har’a

Afaan Oromoo afaan afoolaan hedduu badhaadhaa ta’edha. Garuu umuriin og-barruu Afaan Oromoo kichuudha.

Sadeeta sadan darban keessa afaan hojii mootummaa, barnootaafi qorannoo ta’uusaatiin Afaan Oromoo afaan barreeffamaa ta’eera.

Afaan Oromoo akka hundee guddaa qabuufi afoolaan badhaadhaa ta’etti og-barruun isaa guddateera ykn guddataa jraa?

Akka barreessaafi gaazexeessaan beekamaa lammii Naajeeriyaa Chuunaa Acheebee jedhutti afoolli biyyoo gabbataa og-barruun irratti margudha. Akka ayyuun kun jedhutti og-barruun Afaan Oromoo bu’uuraafi lafa mijataa irratti margu qabaata jechuudha.

Meeshaan kee Miidiyaa taphachiisuu hin danda’u Nama Afaan Oromoo waggoota 25’f barsiisaa turaniin wal bara

Yeroo ammaa kana Afaan Oromoo afaan hojii mootummaadha, afaan barnootaafi saayinsiidha. Miidiyaaleenis Afaan Oromootiin babal’achuutti jiru. Gaazexoonni, barruleefi kitaabonni Afaan Oromootiin warra dubbisaniif dhiyaataa jiru.

Yunvarsiitii Finfinneetti kaadhimamaa doktoraafi Yuunvarsiitii Haroomaayaatti ammoo Afaan Oromoo barsiisaa kan ture Abbabaa Lameessaa sadarkaa yeroo ammaa afaanichi irra jiruufi egereen isaa maal ta’uu akka qaburratti BBC Afaan Oromoo gaafatee ture.

Garuma abbaa dhabuutti deemaa jira…

Afaan Oromoo dhimma eenyummaa Oromooti kan jedhu Abbabaan, dhimmi itti gaafatamummaa afaanichaas kanuma Oromoodha jedha.

Akka Abbabaan jedhutti akka sabaatti sabaatti, aadaan dubbisuu gaariin hin jiru. Yoo aadaan dubbisuu jiraates aadaan barreessuummoo jiraata.

“Afaan Oromoo afaan abbaa hin qabne yoo jechuu baadhellee haala amma irra jiru kanaan baayyee nama yaaddeessa. Garuma abbaa dhabuutti deemaa jira,” jechuun soda haala Afaan Oromoo irra jiru ibsa Abbabaan.

Kanaaf yeroo sababii dhiyeessan ammoo, giddu-galeessaan akaadaamiin Afaan Oromoo waal ta’insa afaan kana akka adda-durummaan hoogganuufi to’atuuf itti kana ba’achaa jiru hin jiru.

Afaan waaltessuudhaaf galmee jechootaa, seerlugootaafi kan biroo akka giddu-galeessaatti wabiidhaan tajaajila kennaa jiru waan hin jirreef tattaaffii namoonni dhuunfaadhaan taasisaniin qaawwi kun guutamaa jira jedha Ababbaan.

Akka dhuunfaatti yeroo hojjetaa deeman ammoo loqoduma dhuunfaa bakka buusaa waan deemaniif garaa garaummaa ballisaas jedha.

“Giddu-galeessaan kan to’atu hin jiru yeroo jennu ammoo abbaan isaa dhaabbata ta’uu dhiisee nama dhuunfaa ta’a.”

Kanaaf jedhan, abbaan Afaan Oromoo akka dhaabbataatti dhibe malee akka dubbataa afaaniitti ni jiraata. “Garuu kan nu barbaachisu barreeffama irratti abbaan isaa dhaabbataa ta’uu qaba, dhaabbatichaanis to’atamuu qaba,” jechuun fala ta’uu dubbata Abbabaan.

Fedhasaaa Taaddasaa ammoo Yuunvarsiitii Wallaggaatti barsiisaa Afaan Oromoodha. Innis Afaan Oromoo ilaalchisee qaamni giddu-galeessummaan hojjetu jiraachuun barbaachisaa ta’uu dubbata. “Afaan Oromoo jechoota itti fayyadamuun, seeraafi seerlugaan akka waalta’uuf giddu-galeessa tokkorraa ba’uu qaba.”

Akka barsiisaa Fedhasaan jedhutti afaanichi afaan hojii ta’uu isaatiin, saayinsiiniifi miidiyaaleen itti fayyadamuu isaaniitiin gara waalta’uutti deemaa jira garuu kana haala sirnaawaa ta’een cimsanii gaggeessuuf giddu-galli tokko ni barbaachisa.

Afaan Oromoorratti itti gaafatamummaa fudhatee hojjechuu kan qabu akaadaamiin afaanii hundeeffamuun barbaachisaadha kan jedhu barsiisaa Fedhasaan, hayyoonni argannoofi qorannoo qopheessan achitti walitti fiduudhaan akka gabbisaniifi tokkoomsan gargaara jedha.

Barreessuun afaan waalta’e barbaada…

Akka Abbabaab jedhanitti afaan barreeffamaan (og-barruudhaan) guddachuudhaaf waaltessuu barbaachisa. Afaan waalta’emmoo afaan giddu-galeessaan to’atamu jechuudha.

Afaan to’achuun ammoo qubeessasaa, seerlugasaa akkasumas loqoda sirrii kan namoonni Afaan Oromoo akka afaan lamataatti baratan waaltessuudha jedhu.

Loqonni waalta’aa kuni sirriidha kuni dogoggora jettee ati nama barsiisaa deemtu tokko jiraachuun barbaachisaadha kan jedhan qorataan kun, “Gara sanatti deemaa jirraa kan jedhuuf baayyee rakkisaadha. Sababiin isaas kitaabonni hanga ammaa barreeffamanii dhiyaatan baayyeen isaanii loqoda dhuunfaatiin,” jedhan.

Akka ilaalcha kaadhimamaa doktoraa kanatti waalta’aamoo al-waalta’aa jira kan jedhu gaaffii guddaadha.

Barsiisonni kunneen lamaan, akkaataa namoonni dhuunfaatiin, miidiyaaleerratti, hojii waajiraatiifi barnoota keessatti Afaan Oromootti dhimma ba’an akka cimee waalta’aa deemu gochuu caalaa garaa garummaa bal’isaa deemuu danda’a sodaa jedhu qabu.

Namootaafi qaamota adduma addaan Afaan Oromootti dhimma ba’an akka quba walqabaatan gochuu keessatti dhaabbanni itti gaafatamummaa fudhatee hojjetu jiraachuu qabas jedhu.

Daarekteera Giddu-gala Aadaa Oromoo duraanii Dr. Garramoo Hulluuqaa yaaddoofi gaaffiin Afaan Oromoo ilaalchisee ka’u kun guddina afaanichi irra ga’e ta’uusaa dubbatanii, Afaan Oromoo hanga gama hundaan guddachuun isaaf malu guddisuudhaaf ciminaafi quuqamaan hojjechuun ga’ee nama hundaati jedhu.

“Waalta’inarratti hojiiwwan gurguddaan hojjetamaniiru. Garuummoo akka barbaadameefi afaanichi irra ga’uu qabuun, akka afaan guddaafi saba bal’aa ta’e qabuun giddu-galeessaan waaltessuun alatti isa waalta’e waliin geessisuurratti hanqina guddaatu jira.”

Waanti hanga ammaatti hojjetame gaarii ta’ee, gara fuula duraatti walhubannaadhaan yoo irratti hojjetame malee dhimmi waaltinaa ammallee Afaan Oromootiif rakkoodha, jedhu Dr. Garramoon. “Abbaan isaa anadhaa, warra yuunvarsiitii keessaa barsiisanidha, warra naannoo hoogananidhaa, warra aadaafi turiizimiirra hojjetanidhaa, Oromoota biyya keessaafi ala jiranidha.”

Giddu-gala Aadaa Oromoo jalatti Wirtuun Qorannoo Oromoo gumii afaan waaltessu hundeeffamee hojjechaa turuusaa kan dubbatan Dr. Garramoon, “Yeroo Afaan Oromoo afaan hojii federaalaa goona jennee ejjennoo siyaasaan yeroo itti deemaamaa jiru kanatti kuni ga’aa miti, ammallee hojiiwwan gurguddoo barbaada,” jedhan.

 

Nama Afaan Oromoo waggoota 25’f barsiisaa turaniin wal baraa

 

 


Waliif Hiraa<share>
  • 3
    Shares
  • 3
    Shares

1 thought on “Afaan Oromoo: ‘Giddu-galeessi to’atu tokko ni barbaachisa’

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

error: Content is protected !!