Afoola Oromoo


Afoolli bifa ‘liitireecharii’ ta’ee aadaa, seenaa, duudhaa, seenaa fi eenyummaa dhaloota darbee himaamsa
afaaniitiin gara dhaloota itti aanutti ykn dhaloota dhufutti kan dabarsuudha.

Amaloota Afoolaa:
Afoolli: Gocha wajjiin kan walqabate.
*Yeroo baay’ee yaada ifa ta’e hubachuuf kan rakkisuu miti.
*Afaaniin dhalootaa dhalootatti waan daddarbuuf jijjiiramni yaadaa jiraachuu ni danda’a.
*yeroo baay’ee gumiidhaan dalagama.
*Yeroo baay’ee waan darbe irratti xiyyeeffata.

Afoolli jiruuf jireenya ilma namaa keessatti faayidaa heddu qaba. Isaan keessaa muraasni:
#Afoolli ummata qubee mataasaa hin qabne seenaasaa ittiin daddabarsuuf
#Barnootni afaaniffaan itti kennama
#Ittiin har’a galfachuu fi ittiin bashannanuuf.
#Amantii fi kabaja hawaasni tokko waan tokko irratti qabu agarsiisuudhaaf.
#Afoolli yeroo hedduu barruudhaaf madda ta’uun ni tajaajila.

 

AKAAKUU AFOOLAA


1. Hibboo
Hibboon akaakuu afoolaa ta’ee mala gaaffii fi deebiitiin dhiyaata.
Yeroo baay’ee hibboon maatiiwwan warra tokkoo walitti qabamanii bakka jiranitti galgala ykn
yeroo boqonnaa namootni hedduu walgahan ykn waarii kan dubbatamu ykn taphatamu waan ta’eef gamtaadhaan
haala hoo’aan hordofama.Hirmaannaa cimaatu keessatti godhama.

2. Mammaaksa
Mammaksis gosa afoolaa ta’ee yaada ykn dubbii dheeraa hima gabaabaan mala kurfeessanii teessisaniidha.
Yeroo baay’ee iddoo jaarsoliin Oromoo dubbii dubbatanitti mammaaksi iddoo guddaa qaba.
Haasawa tokko keessatti jechoota muraasaan yaada dheeraa gadi fageenya qabu ibsuuf fakkii dubbii sanii
yaada bal’aa fi dheeraa ta’e gabaabsanii walitti qabuu fi nama biraatiif dabarsuuf mammaaksi iddoo guddaa qaba.

3. Eebba Oromoo
Eebbi yaada hawwii gaarii akka qabeenya dagaagatan,
akka jireenya hawaasummaa jaalatamaa ta’an namni tokko nama biraatiif hawwu ykn
waaqayyoon kadhachuufii jechuudha.Yeroo baay’ee akka seera Oromootti eebbi Jaarsolii,
Manguddoo fi hangafoota ta’aniin gaggeeffama, Hangafni Boorana waan ta’eef osoo booranni iddoo sana
jiru Oromoon biraa dursuu hin danda’u, haala kanaan tartiba eeggatee wal affeeree ykn wal ofkolchee waleebbisa Oromoon.

Eebba Oromoo >>

1. Hibboo
Hibboon akaakuu afoolaa ta’ee mala gaaffii fi deebiitiin dhiyaata.
Yeroo baay’ee hibboon maatiiwwan warra tokkoo walitti qabamanii bakka jiranitti galgala ykn
yeroo boqonnaa namootni hedduu walgahan ykn waarii kan dubbatamu ykn taphatamu waan ta’eef gamtaadhaan
haala hoo’aan hordofama.Hirmaannaa cimaatu keessatti godhama.

 


Imaanaa Jaalalaa – Asoosama Gabaabaa: Mootii Abbaltiin

Imaanaa Jaalalaa - Asoosama Gabaabaa Kutaa - Afur Borumtaa isaa barfadheen dhufe. Hirriba halkan qe'ee koo lagatee bule gara barii ...
Guutummaasaa>>

Jechama Afaan Oromoo

Jechama Afaan Oromoo Jechamni Afoola Afaan Oromoo yommuu ta'u, Haasawa tokko keessatti mi'eessuuf ykn bareechuuf itti fayyadamna. Jechamni Afaan Oromoos ...
Guutummaasaa>>

Afoola Oromoo

AFOOLA  OROMOO. Afoolli bifa 'liitireecharii' ta'ee aadaa, seenaa, duudhaa, seenaa fi eenyummaa dhaloota darbee himaamsa afaaniitiin gara dhaloota itti aanutti ...
Guutummaasaa>>
Loading...


Waliif Hiraa<share>
  • 7
    Shares
  • 7
    Shares
error: Content is protected !!