CAASAA BARREEFFAMA AFAAN OROMOO – B/sa Fedhasaa Taaddasaatiin



Guddinni afaanii bu’aa waliigalteeti. Hawaasni akka dubbatutti waliigalee, akka waliigalutti dubbata. Caasaan barreeffamaas akkaataa hawaasni itti dubbatuun hinsirratu yoo ta’e, afaanichi gara biraatti daba. Sababnisaa, hawaasni akka dubbatutti dubbisa.

Afaan Oromoo keessatti rakkoon mul’atu kana. Akka hawaasni itti dubbatu dhiifnee akka faranjiin barreessitutti barreessuuf dhamaana. Saayinsii barreeffamaa afaan biraatiin baranne waan ta’eefis akkuma barannetti qindeessina. Kunimmoo, Afaan Oromoo caasaa ofiisaa akka hinqabaanne gochuurra darbee afaan jijjiirraan dhufe (kan of hindandeenye) fakkeessa. Kanaafuu, dhimmi caasaa Afaan Oromoo uummata afaanicha dubbatu bakka bu’uutu irraa eegama. Osoo caasaa barreeffamaa sirreessuu hinjalqabin akkaataa itti dhalataan Oromoo caasaa dubbiin mul’isu qorachuu barbaachisa.

Kana ta’uu baannaan saayinsii warri dhidhimaa (Faranjiin) ittiin waliigalteef jennee akkaataa Oromoon itti waliigalu faallessuu ta’a. Fakkeenyaaf, jechi tokko caasaa barreeffamaa keessatti qofaa dhaabachuufi jecha biraatiin walitti hidhachuusaa mirkaneessuuf, afaan biraa keessatti akkamitti caaseffame jennee gaafachuu hinbarbaachisu. Afaan Oromoo keessatti yeroo dubbatamu akkamitti caaseffamee akka jiru dhaggeeffachuun ga’aadha. Sababnisaa, yeroo baay’ee Afaan Oromoo akkuma dubbatamutti barreeffama. Kunimmoo, caasaa dubbiifi barreeffama keenyaa irra caalaatti tokko taasisa. Yaada kana hubadhaa! Yeroo hundaa hinjenne. Yeroo baay’een jedhe malee. Tarii yeroo tokko tokko waanuma dubbannu barreessuu hindandeenyu ta’a; sanas gara caasaa waliigalteetti fiduun wayyuma. Ammaaf garuu isa akka dubbannutti barreessuu dandeenyurratti hubannoo uumnee kana haferratti mariyanna.

Akkaataa itti Oromoon afaansaa caaseffatu beekuuf jalqabumarratti moggaasa maqaasaa ilaaluun hubachuun nidandaa’ama. Mee maquma ‘FEDHASAA’ jedhu haalaallu. Maqaan kun jechoota lama [fedha+isaa] jedhurraa caaseffame. Jechoota lamaanuu akkuma dubbatanitti walitti erbuun waamanii moggaasan.

Maqaalee akka Waaqasaa, [Waaqa+isaa] Biraanee [bira+aanee], Asafaa (as+afaa), Hundarraa [Hunda+irraa],Waaqumaa [Waaqa+uumaa], Bariisaa [barii+isaa]… tarreessinee fixuu waan dandeenyu miti. Kun maaliif akkas ta’e? Jechoota lamaan dhimma tokkoof fayyadamaa jiru. Yeroo dubbatanis qaawwaan gidduutti mul’atu hinjiru. Kanaaf walitti fifsiisuun caasessus jechuudha.

Ilaalchi caaseffama haala barreeffama haaraa kunis kanarraa madde. Caasaa afaan biroo hordofuuf jecha, caasaa afaan keenyaa balleessuu hinqabnu. Kun silumayyuu, afaan biraa Afaan Oromootiin barreessuudha. Fakkeenyaaf, Afaan Ingiliziin ’for’ kan jedhu Afaan Oromootiin qubee ’f’ qofaan bakka bu’a.[Its profit only for you] isa jedhuuf, Afaan Oromootiin”Bu’aansaa siif qofa” jenna. Afaan Ingilizii keessatti, ’for’ qofaa dhaabatti jennee Afaan Oromoo keessatti ’f’ qofaa dhaabnuun tasayyuu ta’uu hindanda’u. Inni biraas akkasiin sirrachuu barbaada.

Rakkoolee mul’atan keessaa tokko caasaa barreeffamaafi tajaajila jechootaa waliin makuudha. Jarreen kun garuu waan adda addaati. Fkn. jechi ‘irra’ jettu tajaajilli isheen laattu firoomsuudha. Ta’us caasaa barreeffamaa keessatti jechatti fufuun barreeffamti. “Sangaan kee tabbarra dheeda” hima jedhu keessatti ‘irra’ kan jettu sun caasaa sanaan barreeffamtee tajaajila firoomsee (proposition) laatti. Isa Afaan Inglizii keessatti jecha ofdandeesse taatee dhaabattu sana Afaan Oromoo keessatti fufii taati jechuudha.

Kanarraa kan hubatamu, Afaan Oromoo keessatti jechi ofdanda’uyyuu fufii/ maxxantuu ta’uu danda’uusaati. Sana kan murteessus akkaataa dubbii ummataati jechuudha. Yeroo dubbatamu qaawwaan (space) gidduutti mul’atu hinjiru taanaan wanti nuti addaan bunnuuf hinjiru.

Asitti tajaajilaafi caasaa adda baafnee ilaaluu barbaachisa. Yeroo tokko tokko tajaajila jechi sun qabuun barreeffama keessatti caasessuuf deemna. Sun dogoggora. Sababnisaa, akkaataa itti abbaan Afaanichaa dubbatuun caasessina malee caasaa haaraa afaan biraan walbira qabnee hinuumnu. Mee keeyyata yaada falmii caasaa duraanii dhiyeessu kan hiriyaan koo tokko fuula fb irratti barreesse haalaallu! (Nama sana maqaa dhahuu beekuman dhiise)

“Jechoonni maxxantuu qofaa isaanii dhaabbatanii hiika laachuu hin dandeenye akkasumas qophaa ijaajjanii mirkaneessitoota ykn abbummaa, kallattii hin agarsiifne itti maxxanuu qabu. Fakkeenyaaf, “mobile koo” jecha jedhu yoo “mobilekoo” jenne jecha of danda’aa lama walitti maxxansine waan ta’eef kun dogoggora. “Mobile + koo= mobile koo” sababnisaa “koo” abbummaa agarsiifti.
Jecha “Tolasaa dha” jedhu yoo “Tolasaadha” jennes sirrii miti. Sababnisaa maxxantuun “dha” mirkaneessituu dha. Kanaafuu, jechi sirriin “Tolasaa dha”
Garuu, maxxantoota qofaa dhaabbatanii hiika hinlaanne maxxansinee barreessina. Fakkeenyaaf: jecha “Dhaabbataniiru” jettu kana yoo ilaalle, Jecha “dhaabbatan” jettutu, maxxantuu “niiruu” jedhu dabalate. “niiruu” jettu kun qofaa hiika hinlaattu; garuu, mirkaneessituu dha. Akkasumas baayyina agarsiifti. Sababa qofaa hiika hinlaanneef itti maxxanuu qabdi!” jedhee barreessa.

Keeyyata kana keessatti caasaa barreeffamaafi tajaajila jechootaa walmakee jira. Jechi tokko bakka gale sanatti tajaajila kennu qabaachuunsaa ifa. Ta’us bakki dhaabbii inni caasaa barreeffamaa keessatti qabu tajaajilaan caalaa caaseffama dubbiin murtaa’a (Afaan Oromoo keessatti). Akka Lalisaan jedhutti “ …‘mobile koo’ jecha jedhu yoo “mobilekoo” jenne jecha of danda’aa lama walitti maxxansine waan ta’eef kun dogoggora. “Mobile + koo= mobile koo” sababnisaa “koo” abbummaa agarsiifti.” jedha. Anillee, gama tajaajila kennituun abbummaa agarsiisuushee hinmormu. Haata’u malee, jecharraa fagaachuufi maxxanuunshee dhimmi kun hinmurteessu. Sababnisaa, dhimmi maxxanuufi ofdanda’uu jechootaa tajaajilaan osoo hintaane, caasaa dubbii afaanichaatiin murtaa’a. Yeroo dubbannu sagaleen addaan citiinsaa dhaga’amee qaawwi uumama yoo ta’e addaan bunna. Dursa sana mirkaneessuu barbaada. Kanaaf, caasaafi tajaajila adda baasanii ilaaluu barbaachisa.

Keeyyata olii sana yeroon dubbisu yaadota waldhahan laman arga. Hima jalqabarra jiru ilaalaa: “Jechoonni maxxantuu qofaa isaanii dhaabbatanii hiika laachuu hindandeenye akkasumas qophaa ijaajjanii mirkaneessitoota ykn abbummaa, kallattii hinagarsiifne itti maxxanuu qabu” jedha. Gadi siqeemmoo “-dha maxxansuun sirii akka hintaane yeroo falmu ’Tolasaadha’ jennee barreessuun sirrii miti” jedha. ‘-dha’ kan jettu kana qofaa yoo dhaabne hiika qabdii? ‘hin-‘ kan jettu kan inni barreeffamicha keessatti qofaa dhaabaa jiru sunoo hiikaa qabdii qofaa dhaabattee? Ibsi inni laataa jiruufi wanti inni barreessaa jiruyyuu waldhahe jechuudha. Rakkoon kun sababa tajaajilaafi caasaan waldhaheef uumame.

Barreeffama hiriyaa kootii sana akka fakkeenyaatti fudhachuun koo hamaaf miti. Jaarraa 21ffaa keessatti oduun osoo hintaane barreeffamaan waliif deebisuun caalaa fudhatama qaba. Isa ani jedhetu sirraadhaa osoo hintaane maaliif akka jedhame ragaan agarsiisuun barbaachisaa waan ta’eef.

Egaa namnoo akkuma barbaade caasessee barreessaa jiraa egereen Afaan Oromoo maalta’aree? Dhimma kanarratti, waggaa lamman darbe Hoggantoota Biiroo Barnoota Oromiyaa waltajjii tokkorratti argannee mariisifnee turre. Yeroo sana caasaa haarawaa kana akka gara dirree barnootaatti seensisaa jiran nuuf himanii turan. Kitaaba barataa amma qophaa’aa jiru keessattis hanga tokko caasicha hojiirra oolchu jedheen abdadha.

Kitaaba Afaan Oromoo kutaa 9ffaa gidduu kana dubbiseen ture. Kitaabicharratti caasaan jechootas ta’e maxxantuulee fufuu qaban kanaa sirrateen arge. Fakkeenyaaf, ’hin-, -dha, -ti, ni-,-(i)rra, -fi, -f, – tti… jechatti maxxanuun caaseffaman. Egaa anis sanatti waliingala! Biiroon barnootaa dhimma kana xiyyeeffannoo keessa galchee barreeffama waltessuu qaba.

Walumaagalatti, akkuma caasaa dubbii Afaan Oromootti barreeffama keenyas sirreeffachuutu barbaachisa. Jecha maxxanuu qabu maxxansinee isa irraa butachuu qabus irraa bunna. Yoo yeroo dubbannu qaawaan uumame irraa bunna. Yoo qaawwaan hinjiru ta’es akkuma dubbannutti barreessina. Kanaaf, jechoota ofdandaa’anii dhaabbachuu danda’anuu seera afaanichaa eeguuf jecha yeroon maxxansinu nijira jechuudha. Fkn. -moo, (i)yyuu, ha(a)- (i)saa, (i)rra, (i)mmoo… karaa sarara xiqqaatiin jecha cina jirutti maxxansuuf yeroo dirqamnu qabna. Kunis, seera dubbii afaanichaa eeguuf raawwatama. Kun ijaarsa caasaatis malee tajaajila jechi sun kennurratti dhiibbaa hinuumu. Keeyyata itti aanu kana akka fakkeenyaatti dubbisaa!
Tolasaafi gaarumaan barattoota ciccimoodha. Guyyaa hundayyuu mana barumsaa deemuu nijaal’atu. Kanarraa kan ka’es, yeroo hundaa daree guutuurratti 1ffaa ba’u. Kunis, bu’aa hordoffii maatiisaaniiti. Ijoolleen kuniin garuu, barnootatti haaciman malee, hojii hinjaal’atan. Hojiimoo barnootatu caalaaree? Ciminni hojiin hinmul’anne bu’aa hinqabu.

Jechoota kanneen bifa kanaan caasessuun bu’aalee gurguddoo sadii qaba.
Isaanis:
1. Qusannoodhaaf baay’ee fayyada. Mormiin qubee Afaan Oromoo irratti ka’aa ture ‘bakka baay’ee fudhata…’ kan jedhu sana bifa kanaan hir’isuun akka dandaa’amu ani argeera. Fkn. Kitaaba fuula 200 qabu caasaa kanaan sirreessee fuula afurtama hir’isuu danda’eera. Sababnisaa, yeroo maxxansinu yoo xiqqaate qubee lama dhabamsiifna.

Hima “Maqaan isaa Beekaa dha” hima jedhu caasaa haarawaa kanaan yeroo barreessinu, “Maqaansaa Beekaadha” jenna. As keessatti qubee sadii hir’isuu dandeenyee jirra (Ilaalaa). Keeyyata tokko keessattii qubee meeqa hir’isuu dandeenya? Kanaaf qusannoof caasaan kun baay’ee fayyada jechuudha.

2. Akka Ummanni Oromoo dubbatutti caasessina. Caasaan barreeffamaa kanuma Oromoo ta’a gaafas. Sababnisaa, duraan caasaa barreeffama afaan biraa kan Afaan Oromoon ibsaa turre malee, Oromoon akkasitti hincaaseffatu. Fkn Abbaan gammachiis yeroo Kitaaba Qulqulluu Afaan Oromootti hiike caasaa nuti reef kaafnu kana fayyadamaa ture. “…Waaqayyo maqaasaaf jedhee sabasaa gargaaruu jaallate…” jedha. Qubeetu kan saabaarraa bocame malee. Kitaabni Qulqulluun boodana Qubee Afaan Oromoon barreeffame garuu caasaa sanarraa kaatee jira “…Waaqayyo maqaa isaaf jedhee saba isaa…” jedha. Isa boodanaa kanarratti namoonni yeroo dubbisan baay’ee danqamu. Sababnisaa, akka dubbataa Afaan Oromootti waan hincaaseffamneefidha.

3. Bareedinaaf baay’ee gargaara. Yeroo caasaa Afaan Oromoo isa haaraa kana fayyadamnu barreeffamni faffaca’ee hinfokkisu. Mee kitaaba caasaa duraafi isa ammaan barreeffame walbira qabaa ilaalaa!

Feesbuukiinis bifa kanaan qindaa’uu qaba. Sababnisaa, miidiyaan afaan waaltessuu keessatti qooda guddaa qaba. Kottaamee, waliigallee barreessina; barreessinee waliigallas. ‘Waliigalan alaagalan’ jedha Oromoon. Egaa jarana muraa ooluun guuraa ooluudha! Anis asumattan gabaabsaa xiyyeeffadhaa dubbisaa!

Goolaba
1. Caasaan Afaan Oromoo akka Oromoon dubbatutti sirratee yoo barreeffame dhiibbaa inni uumu hinjiru.
1. Oromoon akka waliigalutti dubbatee, akka dubbatutti waliigala.
2. Caasaan Afaan Oromoo akka dubbataa afaanichaatti sirratee, qindaa’a malee caasaa afaan biraan walbira hinqabamu.
3. Yeroo baay’ee Afaan Oromoo akkuma dubbatamutti barreeffama (garuu yeroo hunda miti).
4. Caasaa afaan biroo hordofuuf jecha, caasaa afaan keenyaa balleessuu hinqabnu.
5. Caasaa barreeffamaafi tajaajila jechootaa waliin makuun hinta’u
Caasaan barreeffama Afaan Oromoo haarawaa kun rakkoo akkamii fura?

Dhimma afaanii waliigaltee barbaada. Seera namni tokko hundeesseen osoo hintaane akka hawaasni fayyadamutti caaseffamuun seera baafata. Afaan Oromoos akka Oromoon dubbatutti caaseffamee barreeffamuu qaba. Sunis, ummatatti gadi ba’anii qorachuu barbaada.

Jechootas ta’e fufiiwwan maxxanuu qaban bifuma dubbannuun maxxansuun faayidaa gurguddoo sadii qaba. Isaanis:
1. Qusannoodhaaf baay’ee fayyada. Mormii qubee Afaan Oromoo fayyadamuun barreessuurratti ka’aa ture ‘bakka baay’ee fudhataa…’ sanaaf deebii quubsaadha.
2. Dubbataan Afaan Oromoo salphaatti dubbisa; sababnisaa, akkuma ofii dubbatutti barreeffamee argata.
3. Bareedinaaf baay’ee gargaara. Caasaa dubbii keenyaaf barreeffamaa walitti fiduun barreeffamichayyuu nikurfeessa. Sunimmoo, ijatti tola; miidhagaadha.
Kunneen bu’aa akkasiin barreessuurraa maddan taanaan caasaa haarawaa kanatti maaf mormiin itti baay’ata? Waan haaraa sammuu namaatu dafee hinfudhatu. Yaadni namaa yeroo kamuu haaluma kaleessaa keessa turuu barbaada. Kanatu mormii kaasa.

Akka kootti sadarkaa falmii kana qaqqabuun keenyayyuu guddina. Afaan qoratamaa yeroo deemu argannoo haarawaatu mul’ataa deema. Sunimmoo, mormiif karaa saaqa. Qaamni mormus ta’e kan qoratee mormamu karuma karaasaa qorannoo itti fufa. Kanaaf, namni maaf morma jechuurra ragaa amansiisu dhiyeessuun barbaachisaadha.

Bu’aan argamu inni 4ffaan hiika sirrii dabarsuuf gargaara.
Ergan xiyyeeffannoo kana maxxansuu jalqabee as wantoota adda addaa argachaan jira. Caasaa duraanii sana keessatti jechoonni yeroo irraa hiiqanii dhaabbatan hiika akka jijjiiranis bira ga’eera. Fakkeenyota kanaa gadii ilaalaa!
1. Isaan iyyuu dhufaa jiru (caasaa duraanii: walqabsiiftuun ‘iyyuu’ jettu yeroo irraa siqxee qofaa dhaabbattu)
2. Isaaniyyuu dhufaa jiru (caasaa tibbanaa walqabsiiftuun ‘iyyuu’ jettu yeroo jechatti maxxantu)
Himoota lamaan yoolaalle, hiika baay’ee walirraa fagaatan qabu. Haata’u malee, lammanuu jarris dabalataan as adeemaa akka jiran mul’isuuf barreeffaman. Himni jalqabaa (caasaan duraanii) sun sababa walqabsiiftuun ‘iyyuu’ jettu irraa siqxeef hiika jijjiirrateera. “Isaan iyyuu dhufaa jiru” jechuun jarri caraanuu, boo’uu, gurra qabatanii wawwaachuuf as adeemaa akka jiran agarsiisa (barreessaan garuu sana barreessuuf yaadee miti).
Himni lammataa akkuma dubbatamutti waan barreeffameef isa yaadameef hiika sirrii qabaatee jira. Walqabsiiftuun ‘iyyuu’ jettus tajaajila sirrii laatte jechuudha. Himni lammataa kun ‘Jarris as adeemaa jiru’ yaada jedhuuf ergaa sirrii dabarsa. Kun kan agarsiisu garaagarummaa ijaarsa caasaa duukaa hiiknillee akka jijjiiramudha. Fakkeenyonni biraan:
3. Mana isaa isa tulluu duubaa deeme (isaa irraa butuun).
4. Manasaa isa tulluu duubaa deeme (isaa itti butuun)
Himoonni kun hiika adda addaa qabu. Inni jalqabaa, namichi mana nama maqaansaa ‘Isaa’ jedhamuu dhaqee akka jechuutti hiikama. Inni lammataammoo, namichumti mana ofiisaa akka deeme mul’isa. Kanneen akka fakkeenyaattin kaase malee, rakkooleen akkasii baay’eetu jiru. Kanaaf, osoo itti butuu qabnuu irraa butuun sun (Afaan Oromoo keessatti) hiika jijjiiruu dandaa’a jechuudha. Kanaaf, sirriitti dhimma kanaaf xiyyeeffannoo gochuun barbaachisaadha.

Xiyyee Afaan Oromoo itti fufa…
Afaan Oromoo niguddata; addunyaattis nimul’ata.

Horaa bulaa!

Fedhasaa Taaddasaati.


Waliif Hiraa<share>
  • 40
    Shares
  • 40
    Shares

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

error: Content is protected !!