CIRRACHA HADHOOFTUU – Gall Stone or Cholelithiasis: Dr.Nuredin Luke


CIRRACHA HADHOOFTUU – Gall Stone or Cholelithiasis: Dr.Nuredin Luke


Baattuun hadhooftuu qaamota bullayina nyaataf gargaaran keessaa tokko yoo taatu kan argamtus garaa keenya gara mirgaatiin Tiruu jalatti argamti. Hadhooftuun/baattuun hadhooftuu/ hammi fi bocni ishii Abukaadoo xiqqaa kan ga’u ta’ee dhangala’aa bullaa’iinsa Lipiidii (coomaa, dhadhaa, buuphaafa’aaf) tajaajilu kan tiruun oomishite erga bishaan keessaa dhimbiibdee tottolchitee booda gara mar’umaan xiqqaa ujummoo hadhooftuutiin dabarsiti.

Cirrachi qaama kana keessati uumamu hammaan gumaa xaafii kan gahuu kaase hanga kubbaa teenisii gahuu danda’a. Cirrachi kunis lakkofsaan gumaa tokko ykn gumaa hedduu ta’uu danda’a.
Cirrachi baattuu hadhooftuu keessatti uumamu akaaku lama qaba:
1- Cirracha Koolestirooli: Inni kun yeroo hedduu haalluu boora kan qabu yoo ta’u cirracha akaakuu lammataa caalaa kan yeroo hedduu argamuudha. Akkuma maqaan isaa addeessu cirrachi kun Koolestirool baay’inaan qaba.

2- Cirracha Piigimantii: kun ammoo halluu gurraacha cilee ykn xiqqoo daalachayu kan qabu yoo ta’u innis piigimantii bilirubin jedhamu irraa uumama.

Cirracha Hadhooftuutiif wontoota nama saaxilan keessaa:
– Nyaata Koolestirool hedduu qabu kana akka coomaa fayyadamuu.
– Fuduraaf kuduraa adda addaa fayyadamuu dhabuu.
– Dhiira irra dubara irratti heddumaata.
– Dhukkuba Sukkaaraa qabaachuu
– Furdinnaa qaamaa gar malee guddaa ta’e qabaachuu.
– Yeroo kaan caalaa yeroo ulfaa ni heddumaata.

– Dhukkuba dhiigaa tokko tokko qabaachun wontoota cirracha hadhooftuutiif nama saaxilan keessaa ijoo kan ta’anii dha.

Mallatoolee dhukkuba Cirracha Hadhooftuu:
* Yeroo hedduu cirrachi hadhooftuu mallatoo dhukkuba kan hin agarsiifne yoo ta’u; namoota tokko tokko irratti carrachi/cirrachoonni baattuu hadhooftuu keessa jiran ujummoo hadhooftuu daddabarsitu kessaatti cuqqalamuu danda’u. Yeroo kana:
– Garaa keenya gara harka mirgaa ykn laphee irratti dhukkubbiin namatti dhagahamu. Dhukkubbiin kunis sa’aa muraasaaf ture kan badu ta’uu isaafi yeroo biraas dhukkubbiin akkasii namatti deebi’ee dhagahamu. Yeroma kana ceekuu gara mirgaa/ dugda keenya gara gubbaa jechuun lafee ceekuu lamaan jidduutti dhukkubiin namatti dhagahamu.
– Nama lolloojjessuu ykn haqqisiisuu.

– Nyaata zayitiin itti baay’ate yoo nyaannu dhukkubbiin armaan olitti ibsamee jiraachuu ykn erga nyaanne booda miirri akkasii namatti dhagahamuu.

  • Amma dura cirracha hadhooftuu qabaachuu keenya beeknee:
    -Dhukkubbii garaa kenyaa kan gara gubbaa kan gara mirgaatti dhukkubbiin hamaan yoo nutti dhagahame.
  • Hoo’i qaamaa fu dadhabiin dhukkubbii kana wojjiin yoo jiraate

– Akkasumas ijji keenya ykn gogaan keenya yoo boora ta’e hatattamaan gara mana yaalaa deemuun barbaachisaa dha.


Maal haa goonu?
*Dhukkubbiin/mallatoolee armaan olitti eeraman yoo of irratti agarre mana yaalaa deemnee qorannoo adda addaa kan Doktorri kenyaa nuuf ajaje (kan akka Ulitrasawuundii fa’a) gochu.

  • Cirrachi hadhooftuu tasa dhukkuba biraa ilaaluuf jiraachuun isaa beekame kan dhukkubbii/ mallatoo dhukkuba sanaa hin qabne yaala hatattamaas ta’e ykn guutumaan gutuutti yaala kan hin barbaanne dha. Haa ta’u malee namoota dhukkuba sukkaaraa qaban akkasumas kan doktoriin otoo dhukkubni hin jiraatin yaalamuu qaba jedhe qofatu yaalama jechu dha.

  • Yaalli cirracha hadhooftuu dhukkuba qabuuf taasifamu baqaqsanii, muranii baasuu baattuu hadhooftu (Cholecystectomy) ta’uu mala. Qorichoonni yeroo dheeraaf fudhatamanii Ji’oota/Woggotta hedduu booda cirracha san bulbulan ni jiru. Garuu Qorichoonni kunniin bulbuluu dhabuu danda’u kanaaf yaalli bu’a qabeessa ta’e kan Opereeshiinin baafamu san jechudha.


Ulfaadhaa!

Horaa, bulaa, deebanaa!

©Dr. Nuredin L.


Waliif Hiraa<share>
  • 3
    Shares
  • 3
    Shares

AFAAN OROMO - Oromo Language

Blogger, AFAAN OROMO Software Developer

You May Also Like

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *