Dhaha ykn Kalaandarii Oromoo fi Simannaa Bara Haaraa Oromoo biratti guyyaa 11 booda.



Dhaha jechuun guyyoottan baatii keessatti argaman jechuudha. Dhaha (Calendar) jechuun faana buutuu Gadaa Oromoo jechuudha.

Oromoon yoo bara lakkaayu akka biyyoota biroo Aduu dhiitee bariitu qofa irratti hundaa’a osoo hin taane sochii Ji’aa(baatii) fi Urjii irratti illee kan hundaa’e dha.kunis Dhaha Urjii ykn” Guided by Stars” jedhama.Akka Kalaandarii Oromootti Ji’a tokko ykn Baatii Tokko kan jedhamu Guyyoota digdamii sagalii fi Walakkaa (29.5) of keessaa qaba.”Guyyaan Walakkaa jedhamu eessaa ba’e?” jettanii gaafachuu dandeessu. Oromoon cal’isee Aduu baatee seentuun Guyyaa tokko hin jedhu. warra aduu baatee galtuun guyyaa tokko jedhan illee qorattoonni dhimma kana irratti qorannoo adeemsisan yeroo tokko tokko Guyyaan dheeratee halkan waan gabaabbatuuf yeroo mara guyyaa fi halkan akka tokko hin taane bira ga’uu dhaan dhimma kana fashaleessaniiru.Oromoon garuu kana osoo qorattoonni kaleessa dhalatte hin dhalatin waan beekuuf Aduu dhiitee bariituun Guyyaa tokko jedhee hin fudhatu.kanaaf Ji’a Ilaaluu dhaan guyyaa murteessa.akka Ayyaantonni Oromoo jedhanitti Ji’i gaafa baatu keessa isheetti sarara Geengoo ykn Marfata qabdi jedhu.”Ayyaantota” jechuun warra Ji’a Ilaalanii guyyaa murteessan jechuu dha.Ji’a kan Ilaalan meeshaa dhaan osoo hin taane kennaa Waaqni ganama kenneefitti dhimma ba’uu dhaan qaroo ykn Ija isaanii qofaan Ilaalu. Ayyaantonni kun Sirna Gadaa keessattis ta’e uummata Oromoo biratti kabajaa fi Iddoo guddaa qabu.

Ji’i tokko baatee gaafa Goobantu dhuma irratti Sararri Geengoo(marfati) ji’a kana keessaa mul’atu Guutuu 29 fi Walakkaa dha.sararri Geengoo ji’a kana keessaa mul’attu tokkoon ishee naannoftee gaafa wal quunnamtu Guyyaa tokko jedhamti.Ji’i kun garuu jalqaba gaafa baatu walakkaa qofatu ba’a.kanaaf sararri dhuma irratti Ji’a tokko keessaa mul’atu 29 fi walakkaa ta’a.kanaafuu ALOtti Ji’i tokko Guyyaa 29 fi walakkaa qabdi jechuu dha.akka Kalaandarii Addunyaan kun itti bultutti Ji’i Onkololeessaa(February) jedhamtu kan murtoofte miti. Fknf bara 2012 guyyaa 29’n dhumte.bara(2013,2014,2015) immoo guyyaa 28’n dhumti.deebitee 2016 guyyaa 29’n dhumti.Ji’i February ykn Onkololeessa jedhamtu kun Guyyaa 28’n haa beekamtu malee waggaa afuritti si’a tokko 29 taati.habashoonnis kalaandarii isaanii kan addunyaa waliin wal qixxeessuuf ji’a 13ffaa Qaammee ykn Phaagumee kan jedhamtu waggaa afuritti si’a tokko kan Guyyaa shan turte Ja’a taati.kanaaf sababa yoo gaafattan kalaandariin Addunyaas ta’e kan Habashaa deebii quubsaa ta’e isiniif hin laatu.kalaandariin keessan kalaandariin Oromoo garuu kanaaf sababa quubsaa ta’e qaba.akka kalaandarii Oromootti ji’i tokko guyyaa 29 fi Walakkaa haa qabaatu malee waggaa afuritti si’a tokko Ji’i Onkololeessaa guyyaa soddoma taati.Guyyaa kana akkuma Ji’aa, Urjiiwwan Oromoon guyyaa murteessuuf itti dhimma ba’u kanneen (Lamii,Buusan,Bakkalcha,Algaajimaa,Arba,Gaadduu fi Wallaa) kanneen jedhaman torban osoo sarara isaanii irra naanna’anii waggaa afuritti si’a tokko sararri isaanii wal argee Guyyaa kana wal irra oolu. baatiin Urjiiwwan kunneen wal irra oolan baatii itti ji’i Onkololeessaa baatu dha.yeroo kanas ji’i kanaan dura jalqaba walakkaa qofa taatee baatu Guutuu taatee jalqabdi.kanaaf dhuma irratti sararri Geengoo(marfati) ji’a kana keessaa mul’atu Guutuu soddama taati.Guyyaan Ji’a kana keessa lakkaa’amus Soddoma ta’a.akka sirna Gadaatti guyyaan kun guyyaa itti Abbaan Gadaa Aangoo qabatee jiru bara hojii isaa itti walakkeeffatu dha.guyyaa kanas hojiin inni waggaa afran darban keessatti raawwate sakatta’amee wantoonni sirrachuu qaban waggaa Afran dhufan keessatti akka sirrataniif yeroo itti Gabaasni Abbaa Gadaatiif dhiyaatu jedhamee beekama. akkuma kanaan olitti ibsame Kalaandarii Oromoo keessatti Guyyoonni ji’a tokko keessatti argaman walitti Ida’amanii Ji’oota waggaa tokko keessatti mul’atan Kudha Lamaan yoo baayyifaman Guyyoota 354 ta’u (29.5*12=354).kalaandariin Addunyaa garuu guyyoonni waggaa tokko keessa jiran 365 dha jedha.dhimma kana irratti Kalaandariin Oromoo sababa quubsaa ta’e dhiyeessuu dhaan kansaa sirrii ta’uu mirkaneessa malee akka Kalaandarii Habashootaa Addunyaa waliin wal qixxeeffachuu dhaaf Ji’a dabalataa ykn Qaammee(Phaagumee) uumee waan hin jirre hin dalagu.sababni Oromoon dhimma kana irratti dhiyeessu maali laata? Akka Kalaandarii Oromootti guyyaan barri haaraa itti wal jijjiiru yoomi?

Akka Kalaandarii Oromootti Guyyoonni Waggaa tokko keessa jiran 354 dha.Kalandariin Addunyaa immoo Guyyoonni waggaa tokko keessa jiran 365 dha jedha.Kamtu sirrii akka ta’e mirkaneeffachuuf dhufaatii Kalandarii Addunyaan kun ittiin bultu(Gregorian Calender) haa ilaallu.

Kaalaandariin Girigooriyaa Bara 1582 nama “Pop Gregory XIII” jedhamuun dalagame.isa dura Addunyaan kun Kaalendarii Roomaa “Julian Calender” jedhamuun fayyadamaa turte.Kalaandariin warra Roomaa kun waggaa tokkotti sekoondii 10.3 boodatti hafaa ture jechuu dhaan sababa Pop Gregory dhiyeesse irratti wal mormii guddaan uumamu illee Addunyaan kun kaalendarii haala teessuma biyyoota Addunyaa hunda giddu galeeffate Kaalendarii Girigooriyaa fudhachuuf dirqamte.gaafa Gregorian calender hojii irra oole akka warra Julianitti oct/4/1582 ture.Kalaandariin Girigooriyaa garuu kanaan dura guyyaan boodatti hafe jira jedhee waan amanuuf Oct/15/1582 jedhee jalqabe.guyyaa 11tu itti dabalame jechuu dha.dhimma kana irrattis faransay,spain fi Portugal yeroo dhaaf mormii dhiyeessani fudhachuu baatanis kalaandarii mataa isaanii waan hin qabneef waggaa muraasa booda fudhataniiru.warri Roomaa garuu hanga har’aatti garaa garummaan guyyaa 11 waan gidduutti uumameef Kalaandariin Girigooriyaa guyyaa 11 hateera jedhanii falmu.fakkeenyaaf Turkii yoo fudhanne kalaandariin Girigooriyaa kun guyyaa 11 seeraan ala itti dabaleera jettee osoo falmituu dhuma irratti kalaandarii dhuunfaa ishee waan hin qabneef jan/01/1927 fudhachuu dandeesseetti.Oromoonis hanga har’aatti Kalaandarii fi eenyummaan isaa hin ukkaamfane osoo ta’ee akkuma biyyoota kanaa Kalaandariin Girigooriyaa guyyaa 11 hateera jedhee warra dubbatu ture.sababni isaas kalaandariin Girigooriyaa waggaa keessa guyyaa 365’tu jira jechaa jira kan Oromoo garuu 354’tu jira jechaa jirti.kana gidduu garaa garummaa guyyaa 11tu jira.haa ta’u malee Pop Gregory gaafa kalaandarii kana uume biyyoonni Addunyaa irra jiran kaalendarii mataa isaanii akka hin uumne hin daangessine.Kaalendariin inni uume kun kan Biyyoota hunda Giddugaleeffate dha jedhe malee biyyoota hunda sirriitti bakka bu’u hin jenne.kanaaf Kalaandariin Oromiyaa sababa quubsaa waan qabuuf akka teessuma lafa Oromiyaatti Guyyoonni waggaa tokko keessa jiran 354 dha jedhee yoo dhiyeeffate namni Lakkii 365 dha jedhee isa mormu hin jiru.sababni isaas inni 365 jedhu kan biyyoota hunda Giddugaleeffate waan ta’eef.Habashoonnis akka kaalendarii isaaniitti Ji’i hundi guyyaa 30 qaba jedhanii waan amananiif kudha Lamaan baayyisanii waggaa tokko keessa guyyoota 360’tu jira jechuu ni danda’u turan.garuu ragaa waan hin qabneef akkasumas haalli lakkoofsa isaanii maal irratti akka hundaa’e waan hin beekamneef gara kan Addunyaatti siqsiisuuf dirqaman. kanaafis ji’a 13ffaa uumuu dhaan guyyaa shan itti dabalanii kan addunyaa waliin wal qixxeessan.kun immo kalaandariin habashootaa kun soba irratti akka hundaa’e agarsiisa!!!fakkeenya biroo yoo kaasne biyyoonni hedduu December/mudde 25 “chirismass day” jechuu dhaan bara haaraa simatu.akkasumas warri Almerian jedhaman “old chrismass” kan jedhamu Jan/06 kabajuu dhaan bara haaraa simatu.kana gidduus yoo ilaalle garaa garummaa guyyaa 11tu jira.walumaa gala yeroo kaleendariin Julian cufamee Gregorian banamu guyyaan 11 itti dabalamte sun biyyoota baayyee biratti rakkoo uumtee jirti.kalaandarii Oromoos kan mudate kanuma.malee kalaandariin Oromoo dhugaa irratti kan hundaa’e dha!!

Dhimmi Ijoo keenya inni Lammaffaan “Oroomoon Guyyaa Kam Bara haaraa simata?” kan jedhu dha.Oromoon waa’ee bara haaraa waan beektu hin qabdu.Oromoon kan beektu bara haaraa osoo hin taane Gadaa Haaraa dha.Oromoo biratti bara haaraa ykn Gadaa Haaraa kan jedhamu gaafa Abbaan Gadaa Aangoo irra jiru Abbaa Gadaa isa itti aanuuf Aangoo dabarsu dha.Guyyaa kana wanti hundumtuu ni haareffama.kanaaf Gadaa Haaraa ykn Bara Haaraa jedhama.
Fknf Intala ykn Ilma Oromoo tokkon “bara kam dhalatte?” jettee hin gaafattu.”Gadaa kam dhalatte?” jettee gaafatta malee.isheenis “Gadaa Ebeluun dhaladhe” jettee siif deebisti.malee Oromoo biratti wanti sirna Gadaan ala ta’ee Bara Haaraa jedhamu hin jiru.bara Haaraa ykn Gadaa Haaraa kan jedhamu gaafa Oromoon Aangoo waliif dabarsistu dha!!!
Bara lakkaahuun yoo barbaachisèmmo oromoon amma bara 6411 keessa kan jiru yoo ta’u bara haaraa kan simatu ji’a muddee fixee amajjii gara jalqabaati.

Akka dhaha Oromootti waggaan tokko baatiiwwan kudha lama qaba.
Guyyoonni ji’a keessa jiran hundumtuu maqaafi hiika mataa isaanii qabu jedhama.

Guyyoota ji’a keessatti argaman:-

  1. Innika

  2. Soonsa

  3. Alkaajima

  4. Arba

  5. Walqaa

  6. Basaa duraa

  7. Basaa boodaa

  8. Carraa

  9. Dureettii

  10. Dullattii duraa

  11. Dullattii boodaa

  12. Salbaana duraa

  13. Salbaana jidduu

  14. Salbaana boodaa

  15. Gardaaduma

  16. Waata

  17. Ruuruma

  18. Lumaasaa

  19. Gidaadaa

  20. Ruuda

  21. Areerii duraa

  22. Areerii boodaa

  23. Aduulaa duraa

  24. Aduulaa boodaa

  25. Garba duraa

  26. Garba jidduu

  27. Garba boodaa

  28. Bitaa

Guyyoonni ji’aa armaan olitti ibsaman hundi isaanii hiikaafi milkii mataa isaanii qabu.

Kanamalees, guyyoonni torban keessatti argaman hiikaafi milkii mataa isaanii qabu.

Isaanis;

Wixata ~ guyyaa ekeraa

kibxata ~ guyyaa biqilaa

Roobii ~ guyyaa cagginoo

Kamisa ~ guyyaa ateetee

Jimaata ~ Jimuu dhiigaa

Sambata ~ Dhaabaa lakkuu

Dilbata ~ Dhaabaa lakkuuti.

Walumaa galatti, aadaa uummanni Oromoo ittiin beekamu keessaa kan baay’ee nama ajaa’ibsiisu lakkoofsa guyyaafi kan waggaa ofiisaa qabaachuu isaati.
Maddi waantotan gamaa gamanaa dubbiserraa!!!


Waliif Hiraa<share>
  • 1
    Share
  • 1
    Share

5 thoughts on “Dhaha ykn Kalaandarii Oromoo fi Simannaa Bara Haaraa Oromoo biratti guyyaa 11 booda.

  1. Please also refer to Baatanii Diidaa’s Book named #Jaarraa. According to him OROMO clander has no weeks and but has 27 ayyaanaas (Days) 12 months and the New year lies on the first day of Abraasa (Muddee) on the day of Areerii Duraa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

error: Content is protected !!