Dhiirota Qofaaf – SHamarran wajjiin CHAT yeroo Gootan : – Dr Gurmeessaa

Dhiirota Qofaaf – SHamarran wajjiin CHAT yeroo Gootan : – Dr Gurmeessaa


Yeroon itti shamarree waliin chat godhan; waliin qoosanii haasaadhaan kofalsiisanii gaggabsan; waan ishiin jette hiriyyaa ofii waliin haasa’anii irratti mari’atan; murteessuu dadhabanii akka dhallaadduu bishaan keessaa kirkiran; ishii kanarraa amala ishii sanarraa bareeda tokkorraa sabboonummaa kaanirraa garraamummaa…. jaalatanii laga kun hundumtuu itti walga’ee yaa’uu waraabachuuf jedhanii dheebotanii dhaban ni darba. Kan kana hundaa rakkannee, muddamnee, calculate goonee, mari’annee jennu TAKKITTII rabbi nuu kaa’e san argachuufidha. Waanti ani har’a haasa’uu barbaade garuu ishii gaafa argannu gara boqonnaa biraatti ceena! Ni ulfoofti ykn garaatti baatti. Kun eebbaa waaqaa fi kabajaa guddaadha; nama gammachiisa. Akkamiin yoo ishiin mucaa lamaan keenyaa garaatti baattu haa kunuunsinuun dhimmakoo har’aati.
YOO HAATI MANAAKEE GARAATTI BAATTU AKKAMIIN KUNUUNSITAA?
1. Akkuma ulfaa’uu ishii barteen akka gammachuun guddaan sitti dhaga’ame itti himi. Tarii karoora kee malee dhufe ta’a; garuu karoora rabbii malee hin dhufne. Accept it!
2. Danda’aa ta’i. Haati manaakee yoo ulfooftu amalli ishii ni jijjiirama. Gaafii ni gammaddi; gaafii immoo sababuma malee lafaa katee boossi. Kana kan fidu hoormoonii qaama ishii keessaa jijjiiramu malee rakkoo ishii miti.
3. Akka ofii kee garaatti baatteetti jiraadhu. Kana jechuun fkn yoo dooktarri ishii buna hin dhugiin jedheera ta’e atis waliin dhiisi. Bira teessee dhugdee akka itti dhaga’amu hin godhiin. Alkoolii, fi kkf illlee akkasuma.
4. Gara mana yaalaa yoo ishiin deemtu yeroo hunda waliin deemi. Uumaa rabbii ta’ee ishiin garaatti baatte malee mucaan gaafa dhalatu qixxeedha. Waan salphaa miti kun hedduu sitti gammaddi.
5. Akkuma dur yeroo hin ulfaa’iinii sana akka ishiin bareeddu itti himi. Yoo ulfooftu haati manaakee qaamaan kan duraa irraa baay’ee jijjiiramti. Kanaaf jecha akka iji kee ammallee ishii irra jiru, akka sitti bareeddu beekuu barbaaddi. Sin gaafattu, utuma ishiin sin gaafatiin itti himi.
6. Yoo dhukkubaatti cinaa dhaabadhu. Dubartoonni ulfaa 75% kan ta’an morning sickness ni dhukkubsatu. Nyaanni yoo nyaatan garaa hin taa’u oldeebi’a. Atimmoo zinjibila danfisii kenniif.
WE ARE RESPONSIBLE TO MAKE HAPPY FAMILY!
“Deessuun qananiidha”