Dhiphuu (stress)
…………..

Dhiphuun miira yeroo baayyee nama mudatuu fi yoo madaala isaa eeggate(yeroo gabaabaa fi haala keessa jiran wajjin wal kan gitu) ta’e bu’a qabeessa .fkn qormaatni yoo ga’e dhiphuu madaalamaan akka qayyabatan nama godha,yoo waanti nama miidhuu namatti dhufe dhiibbaa dhiiga dabaluu fi rukuttaa onnee dabaluun dhiigni qaama hunda akka wal ga’u gochuun ofirraa faccisuu ykn boqachuu nama dandeessisa.

Yeroo dheeraaf dhiphachuun qaama ofii utuu hin fiigiin akka waan waa baqataa ykn fiigaa jirtaniitti yeroo hunda akka hojjetu gochuudha. Kun immoo qor-qalbii fi qaama namaa kaan irratti miidhaa hedduu geesssisa.

Dhiphuun kun mallattoolee kanneen akka jeequmsa hirribaa,yaada ofii sassaabuu dadhabuu, waa xiqqoon aaruu, nyaata jibbisiisuu, dudda kutaa,dhukkubbii qaama keessaa,garaa kaasaa fi kkfniin mullachuu danda’a.

Kanneen armaan gadii miidhaalee yeroo dheeraaf dhiphacuun fidan keessaa muraasa

  1. Namootni yeroo baayyee dhiphatan carraan dhibee dhiibbaa dhiiga (hypertension) fi onneetiif qabamuu isaanii ni dabala.

  2. Dhibee asmii yoo silumaa qabu ta’e dhipuun ni hammeessa ,kan dura hin qabne keessumatti da’immman dhiphuu guddisan dhibee kanaaf ni saaxilamu

  3. Ulfaatina qaama garmalee dabaluuf fi dhibee sukkaaraatii nama saaxila

  4. Dhibee mukaa’uu/gaddabba’uu fi yaaddoo tiif nama saaxila

5.Dhibee garaachaatiif akka saaxilaman nama godha.namoota silumaa madaa garaachaa (gastric ulcer) qaban immoo akka isaan hin fayyine itti hammeessa.

  1. Mataa cabsaa deddeebi’uuf nama saaxila

  2. Dhibee irraanfachuu (Alzheimer)f nama saaxila

  3. Dulluma namatti ariifachiisuu irrayyuu du’a yeroo maleef nama saaxila

  4. Fedhiin saalquunnamtii jeeqamuu kun immoo walitti dhufeenya hiriyaa ofii wajjinii ni jeeqa

  5. Qulqullina hirriba namaa jeequu,hirriba dhabuu ykn hirriba baayyisuu ta’uu danda’a

11.Dhibee gogaa sooriyaasis jedhamu hammeesuu irrattis ga’ee qaba

MAALTU DHIPHUU NAMATTI FIDAA?

Namootni baayyeen waantootni dhiphuu dhala namaatti fidan taateewwan badoo ta’an qofa jedhanii yaadu,garuu waantootni alaan qabataa (positive) fakkaatan garuu qaama (Sammuu) namaa sanaa anniisaa dabaltaa gaafatan marti dhiphuu itti fiduu danda’u.kanneen armaan gadii Waantoota dhiphuu namatti fidan keessaa muraasa

*Hojii dhabuu

*Miidhamni qaama ofii irra ga’uu ykn dhibee hamaa qabaachuu ofii baruu

*Du’aan fira/aantee ofii dhabuu

*Gaa’ila keessa galuu (fuudhuu ykn eerumuu), gaa’ila ofii diiguu ykn adda ba’uu

*Lafa hojii ofiitii ykn gara manaatii (ollaa ykn maatii) hariiroo gaarii dhabuu

*Lafa jireenyaa jijjiirrachuu. Magaaluma tokko keessatti mana jijjiirrachuu ta’uu danda’a darbees biyyaa yeroo hundumaa hawwaa turtan dhaquullee ta’uu danda’a.

*Ulfaa’uu fi haadha/abbaa ta’uu(daa’ima argachuu)

*Waa eeguu ,waanta firiin isaa hin beekamne eeguun akkam akka nama dhiphisu namuu nibeeka.

*Amala dhuunfaa kanneen akka yeroo baay’ee yaada hir’ataa (negative) qabaachuu,waa gar malee abdachuu,yaada ofiitti cichaa ta’uu fi dhugaa fudhachuu dadhabuun dhiphuuf karaa banu.

FURMAATA

√Dhiphuu ittisuu fi yaaluuf qaama ofii sirriitti hordofuun beekuun baay’ee barbaachisaadha

√Hariiroo namoota wajjin qaban fayya-qabeessa gochuu. Rakkoo ofii

/dhiphuu ofii nama saalfii malee biratti haasa’uu fi miira ofii ba’an qabaachuu.

√Jiruu ofii sagantaan gochuu (Kan dursuu qabuuf dursa kennuu). Galii /manii qabaachuu fi galii ofii san kan yeroo gababaa keessatti raawwatamanitti caccabsuun hojjechuu

√ Waantoota ittiin Sammuu ofii boqachiisan baruun gochuu. Waanti nama tokko bohaarsu kaan bohaarsuu dhiisuu danda’a kanaaf kan ofii argachuun barbaachisaadha.

√Sochii qaamaa idileen gochuufi nyaata madaalamaa nyaachuun carraa dhiphuun qabamuu baayyee hir’isuu danda’a

√Waa’ee darbefi kan dhufu dhiisuun amma irratti xiyyeeffannoo gochuu. Lachuu humna namaa ol.

√Haala keessa jiran miiraan utuu hin ta’in tasgabbiin hubachuun kan furamu furuu. Gaafa dhiphatan dhiphuu ofii furuuf gara amala araada fidan gara garaa dhaquun namoota baayyee biratti beekamaadha.kun rakkoo san yeroof kan fure fakkeessuun nama daga.kanaaf amalli kun hammeessuu malee bu’aa akka hin qabne beekuun irraa of fageessuun furmaata dhugumaa barbaaduu dha.

√Waantoota dhabdan dhiistanii kan argattaniif galateeffachuu shaakaluu

√Hunda caalaa of baruu. Waanta sirreessuu (gochuu) dandeessanii fi hin dandeenye adda baafachuu. Addunyaa kana keessa namni waa hunda sirreessuu danda’u hin jiru.

√Jireenya hafuuraa ofii guddisuu/jabeessuu

‘ FAYYAA SAMMUU MALEE FAYYAAN HIN JIRU
Dr. Daawwitiin kan qophaa’e


Waliif Hiraa<share>
  • 18
    Shares
  • 18
    Shares

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *