Eebba Oromoo


Eebba Oromoo Kutaalee Oromiyaa garagaraa

Eebba yeroo Eebbisan qabxii garagaara qaba.

  1. Seensa
  2. Gaaffiii nagaa
  3. Hawwii jiru uumama siidaa godhatanii ibsuu fi
  4. Xumura.

Qabxileen kun hundinuu namni eebbisu sunii fi warri jalaa qaban waan jedhan qaban; seeraa fi naamusa mataa isaatiis qaba.

1) Inni duraa Waaqa waamaniitu galateeffatu
2) Nagaa yeroo gaafatan– Maatii, Hortee fi badhaasa uumaa tartiibaan gaafatu, warri jalaa qaban Nagaa jedhanii deebisu! Dhumarratti nagaan kan waaqi, galata jedhu.
3-ffan hawwii fi abjuu qaban, uumamoota
siidaadhan ibsatu. Warri jalaa qaban, leel jedhanii
deebisu. Leel jechuun, waan jedhame guutee akka leelee
qabatee haa raagu, jechuudha jedhu maanguddoonni.

4) 4) Xumura irratti, gaaffii gaafatu,
Afaan kuni, afaan maali?
Afaan Waaq
Kana maaltu jedhe?
Waaqatu jedhe
Amma natti muldhisen eebbise
Kan hafe inni itti haa guutu
Gadaan Roobaa gabbina
Gabbisi yaa waaq
Gabbisi yaa Waaq
Oofkali jedhu


No posts found.