EEGGANNOO NAMOONNI DHUKKUBA SUKKAARAA (DIABETES MELLITUS) QABAN GOCHUU QABAN:- Dr Gurmeessaa


EEGGANNOO NAMOONNI DHUKKUBA SUKKAARAA (DIABETES MELLITUS) QABAN GOCHUU QABAN. (Warreen dubbisuu hin dandeenye garuu dhukkuba kana qaban, warreen carraa fb fayyadamuu hin qabne, daa’immanii fi harmoolii, abbootii keenyaaf dubbisnee yoo ibsine lubbuu isaanii baraaruuf ga’ee lammummaa keenyaa baanee jirra.)
1. EGGANNOO QAAMAA
– Yoo qeensa qoratan of eeggannoo guddaadhaan akka of hin murretti qeensa gadi hambisuun qorachuu.
– Yoo kophee godhatan kophee baballaa ykn kan duraan kaa’atan irra lakkoofsa tokkoo ol dabalanii kaa’achuu.
– Yoo deeman miilla qullaa fi kopheewwan miilla mulisan kaa’achuu irraa of eeggachuu.
-Yoo miilla dhiqatan bishaan dilallaa’aadhaan dhiqachuu.
– Miilla isaanii irra yeroo yerootti akka madaan irra jiruuf hin jirre caqasuu qabu.
-Sababa adda addaatiin madaan miilla isaanii irratti yoo ba’e akka warra kaanii ofiin fayyuun waan yeroo dheeraa fudhatuuf mana yaalaa deemuu qaban.
2. QORICHA.
– Qoricha mana yaalaa nnuuf kennamu seeraan eegnee yoo fudhanne glukoosii qaama keenya keessaa ggarmalee akka olhin kaane taasisuudhaan rakkoo dhukkubi kun onnee kalee fi qaamota biroo irraan ga’u akka dafee hin dhufne tasisa.
3. NYAATA
– Waantoota qabiyyee sukkaaraa qaban kanneen akka shayii, dhugaatii lallaafaa mi’aawaa, fi kkf. Irraa of qusachuu qabna. Asirratti yeroo tokko tokko sukkaara baay’ibaay’isanii nyaachuudhaan dhukkubni sukkaaraa nama qaba jedhanii kan yaadan dogoggora. Erga dhukkuba sukkaaraan qabamnee garuu nyaachuu hin qabnu.)
– nyaata coomaa fi dhadhaaan itti bayyate nyaachuu irraa of qusachuu. Kunis nyaanni kun oofuma isaatiin illee rakkoo qaamota keenya akka onnee fi hiddoota dhiigaa irratti waan fiduuf warra dhukkuba kana qaban irratti ammoo waan irra hammaatuuf.
– Sababa adda addaatiin yoo sukkaarri qaama keessaa gadi bu’e mallattoo akka dafqisiisuu, dadhabsiisuu, rukkuttaan onnee garmalee akka nama fiigaa jiruutti rukkutuu fi of wallaaluu yoo argitan daftanii waan sukkaara qabu xiqqoo fudhachuu qabdu. Kan akka karamellaa, lallaafaa……. AKKUMA MALLATTOON SIRRAA’EEN GARUU DHAABUU QABNA. Yoo irra deddeebi’ededdeebi’ee yeroo baay’ebaay’ee nutti dhufe tarii dosen qoricha fudhachaa jirruu olka’aa ta’uu waan danda’uuf mana yaalaa deemnee sirreessisuu qabna.

 


Dr. Gurmeessaa
Galatoomaa!