Gorsa Fayyaa : DHUKKUBA JUUZAMII(Leprosy) – Dr.Nuredin Luke



Dhukkubni Juuzamii dhukkuba daddarbaa baakteriyaa Mycobacterium Leprea jedhamuun dhufudha. Dhukkuba kanaan wolqabatee hawaasa keenya keessa hubannoo ykn odeeffannoo sirrii hin tahin heddutu jira. Isaan keessa akka waan sanyiin daddarbuu fi abaarsa waaqaatiin dhufuu, akkasumas dhukkuba yaalamee fayyuu hin dandeenye fi nama cubbuu ykn sanyii badaa irraa dhalate irratti mul’ate godhamee laallamuu fa’atu jira. Kun hundi ammoo sirrii kan hin ta’iniifii dhukkubni kun kan baakteeriya daddarbaa ta’een dhufu ta’uun isaa habatamuu qaba.

Namoota baakteriyaa dhukkuba Juuzamii fiduuf saaxilaman keessaa muraasa isaanii qofatu dhukkuba kanaan hubamuu danda’a. Isaan parsantii 95 ta’an baakteeriyaa kanaaf saaxilamaniyyuu dhukkuba kanaan akka hin qabmneef sirni ittisa qaamaa keenya kan dhoorku ta’a jechuudha. Isaan parsantii shan ta’an kan dhukkuba kana horachuu danda’an ammoo:
* Isaan nama dhukkuba kana qabuun wojji hariiroo dhihoo woggaa dheeraa qabaatan
* Isaan sirni ittisa qaamaa isaanii sababa garagaraatiif dadhabaa ta’e. Fkn Isaan yaala qoricha kaanserii fudhatan
* Sababa ifa hin ta’iniif shamara caalaa dachaa hanga lamaatiin dhiira irratti hedduminnaan mul’ata.

* Dhukkubni Juuzaamii irra jireessaan biyyoota guddataa jiran keessatti mul’ata. Namoota magaalaa caalaa kan baadiya irratti, akkasumas isaan galii jireenya gadi aanaa fi nyaata madaalama hin arganne irratti isaan kaan caalaa mul’ata.

  • Haalli baakteeriyaan kun nama tokko irraa kan biraatti dabaru un ammoo hariiroo wolitti dhihoo yeroo dheera qabaatan irraa hafuuraan gara sirna hargansuu nama kaanii seenuuni jedhamee amanama.
  • Garuu waan gogaa irratti bahe sana tuttuquun qorannoo hedduu irratti daddarbuu dhukkuba kanaaf shoora guddaa akka hin taphanne mul’isa.

* Uffata wolii uffachuun, siree tokko fayyadamuun, wojjin nyaachuun, fi mana fincaanii tokkotti fayyadamuun dhukkubni kun nama isa qabu irraa gara nama kaanitti hin darbu.

Mallattoon dhukkuba kanaa maali?
* Dhukkubni Juuzamii irra jireessaan gogaafi narvii keenya kan miidhudha.
~ Mallatoon isaa ijoon: Gogaa keenya irratti iddoo muraasa daalachayee ykn xiqqoo addaatee mul’atudha. Iddoon kun ammoo miira dhukkubbi fi yoo tuttuqan mirri kan itti hin dhagahamne ta’uu isaa irraa kan ka’a mammada’uu kan danda’udha. Dabalataaniis iddoon sun miira hoo’aa kan addaan hin baasne ta’uu irraa kan ka’e haaluma salphaa ta’een gubachuu danda’a.
~ Kuun ammoo narviileen keenya tokko tokko ni gurguddatu akkasumas yoo tuttuqan dhukkubbii qabaatu; kana ammoo ogeeyyileen fayyaa kan adda baasan ta’a.
~ Namoota parsantii 50 ta’an irratti ammoo sochii ykn tattaafii sirni ittisa qaamaa keenya baakteriya kana balleesuuf godhu keessatti iddoon gogaa sun i’iita’uu, madaa’uu, waan akka kormommaa fi finnisaa fa’a funyaani fi gurra keenya irratti mul’achuu.

~ Turtii keessa lafeen harkaa fi lukaa nyaatamuun, akkasumas harki ykn lukti kenya madaa’ee miidhamuu irraan Kan ka’e qubbin harkaafii miilaa nyaatamuu danda’u.

Yaalli isaa hoo akkam?
* Yaalli isaa baay’inna mallatoo googaa irratti mul’atee fi narvii miidhame irratti hundaa’uun ji’a jaha ykn ji’a kudha lamaaf qoricha fudhatamu ta’a.
* Qoricha kanniin ammoo guyyaa digdamii saddet saddeetiin mana yaalaa san deema ilaalamaa kan fudhatamu ta’a.
* Yaala dhukkuba kanaa keessatti inni ijoon qoricha addaan kutuu dhabuudha. Qoricha yoo addaan kunne baakteriyaan sun qoricha kaana haala salphaa ta’een dandamachuu danda’a, kanaaf qoricha kannin (yoo ogeessi ajaje malee) gonkumaa addaan kutuun hin barbaachisu.

* Hubannoo gahaa hawaasa keenya keesaatti uumuun, dhukkubni kun kan yaalamee fayyu ta’uu ibsuuniifi namoota mallatoon kun irratti mul’ate yeroodhaan gara mana yaalaa dhufanii akka yaalaman gochuun shoora nurraa eegamu taphachuun barbaachisaadha

Ulfaadhaa!
Horaa, bulaa, deebanaa!

Fayyaa ta’aa, fayyaa dahaa!

©Dr. Nuredin L.


Waliif Hiraa<share>
  • 9
    Shares
  • 9
    Shares

AFAAN OROMO - Oromo Language

Blogger, AFAAN OROMO Software Developer

You May Also Like

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *