Haalli yeroo ammaa naannoo Arsii jiru Gabbara moo Daldala: Abdiisaa Bancaatiin


Haalli yeroo ammaa naannoo Arsii jiru Gabbara moo Daldala: Abdiisaa Bancaatiin(hubannoof-qofa)


Haalli Naannoo keenyatti ta’aa jiru #Gabbara Moo#Daldala
*******************************
Abdisa Bencha Jaratiin~~~~~~~Hubannoodhaaf qofa

~Abbaan, intalli koo digrii xumurtee jirti, Gabbara 100,000 fidi,
~Gurbaan mucayyoo sana fuudhuu hedu Ameerikaa jiraata, Gabbara 150,000 itti qabadhaa,
~Intalli tiyya Biyya Arabaatii galte Gabbara olkaasee qabadha.
~Abdiisaan Mindaa guddaa nyaata, gabbara wayyaa qabu irraa fuudhaa…… fii haalli kana fakkaatu babaldhachaa dhufee Gabbara Aadaa ture Daldalatti jijjiiruuf jedha.

Gabbarri Gosoota Fuudhaaf heeruma naannoo Arsitti beekkamu keessaa isa tokko. Innis, Warri intalaa, Gurbaan fuudhu ykn Maatiin gurbichatti qabeenya tilmaamaan hanga barbaadan qabatanii irraa fudhachuun intala isaanii kan kennaniifiidha.
Gabbarri yeroo garagaraattiifii naannoo garagaraatti akkasuma Qabeenya ykn humna maatiin intalaa ykn gurbaa qabu, bareedina intalaafi Sadarkaa barnootaa irratti hundaayee garaagarummaa qabaachuu dandada’a. Akkasumas Haala amantiidhaan walqabsiisee maatiin guutumatti hin barbaadnes ofuma keessanii waan qabdaniin wal bulfadhaa, nuti homaa hin barbaadnu jechuudhaan kanneen gabbara kana didanis yeroo ammaa hedduumachaa dhufee jira.

Kun osoo akkasumaan jiruu naannoo tokko tokkotti haalli hamaan uumamaa jiru immoo mata-duree koo kana GABBARA MOO DALDALA akkan jedhu na taasiise. Mee muudannoo Hawaasa keessatti dhaladhee guddadhe naannoo Arsii isiniif qooda.

Gabbarri aadaa Oromooti. Hardhas Aadaadha, borus aadaa ta’ee jiraata. Garuu haalli naannoo tokko tokkoo kan nama sodaachisuufi dargaggootni fuudha akka sodaatan, shammarran carraa heerumaa akka dhabaniif sababa ta’uu mala sodaa jedhu qaba. kunis waa malee miti. mee fakkeenya wajjiin durirraa kaanee haa ilaallu:
Abbaan koo harmee koo gaafa fuudhu, Saawwan 35 fi Huccuu(wayaa) 12, Damma fe’aa farda lama fikkf gabbare naan jette harmeen koo. Garuu kun akkamitti ta’e beektuu, Maatiin walitti dhufe dureessa jedhaniitu gurra wal barbaadanii walirraa fuudhan jedhama. Gaafa Harmeen abbaa kootti heerumte Abbaan koo fudhatee galuun immoo Maatiin ishee Saawwan 80 geegayoo jedhamu kennaniif jedhama. Kanaafuu abbaan koo waan miidhame natti hin fakkaanne.
Obboleessi koo gaafa fuudhu, xiqqaachaa dhufe loon 15, huccuu 8, damma fe’aa tokko ture.
haalli kun gadi bu’aa dhufe, Obboleettiin koo gaafa heerumtu, gurbaan homaa hin qabu jedhanii Loon 5 fi Huccuu 8 fidi jedhamee Loon tokkoyyuu irraa hin fudhanne, ni laatameef malee,
Hiriyyaan koo gaafa fuudhu immoo Gabbara waan jedhamuu hin gabbarre, Of danda’aa jiraadhaa jedhanii intala laataniif. Haalli Fakkeenya kennaa jiru kun Arsiifi Baale naannoo heddutti walfakkaata.

Garuu dhiyeenya kana, haalli kanaan ala ta’e kan daldala fakkaatu eegalamuun hawaasa naannoo hedduu mufachiisuufi walirraa ilaalee naannoo gara naannotti babaldhachaa jiraachutu muldhataa jira.

Abbaan, intalli koo digrii xumurtee jirti, Gabbara 100,000 fidi,
Ilmi mucayyoo sana fuudhuu hedu Ameerikaa jiraata, Gabbara 150,000 itti qabadhaa,
Intalli tiyya Biyya Arabaatii galte Gabbara olkaasee qabadha.
Abdiisaan Mindaa guddaa nyaata, gabbara wayyaa qabu irraa fuudhaa…… fii haalli kana fakkaatu babaldhachaa dhufee Gabbara Aadaa ture Daldalatti jijjiiruuf jedha.

Kanaaf Fakkeenyi Gaariin:
Gurbaan waggaa tokko dura Ameerikaa dhufe tokko intala fuudhuuf dhufe gabbara qarshii 100,000 fi Birdilibsii 50 itti qabatan, Dhiisee lixuuf nama AMARIKAA dhufe, fuudhuuf qabeenyi gaafatame nama sodaachisa, cinqameetuma gabbaree fuudhe, ji’a tokko osoo hin guutin isaan wal lolte isheen, lafatti gatee bade gara Amarikaa isaa, hanga hardhaa Maatiisaatiillee hin bilbilu.

Fakkeenyi Lammataa: Intala barnoota Digrii xumurtee hojii mootummaa qabdu tokko Gurbaan barsiisaa tokko jaalatee isheen waliigalanii maatitti gaafa ergatu, Maatiin isheemmoo qarshii 150,000 fiddu malee jedhaniin. Barsiisaan kun amma maal haa kafalu kaa?

Haalli kanaafi kana fakkaatu yeroo ammaa dargaggootairratti sodaa guddaa fiduu argaa jirru, Kanaaf fakkeeny guddaan Mucaa Anaana Shaallaa kan Muka koree Jaalallee koo naa fiddan malee hin bu’u jedhe fudhachuu dandeenya, ka’umsi wanta sanaa gabbara humnaa olii akka ta’e himama.

Haalli kun miidhaa hedduu geessisu keessaa:
1) Shammarran hedduu maatii waakkattee Jaalallee wajjiin baddee seeratti dhiheessaa jiraachuun isa tokko.
2) Sodaa drgaggootaa hammeessuufi Shamarraniif carraan cufamaa dhufaa jiraachuu
3) Olaantummaa fi gadi aantummatti wali ilaaluun wal tuffiin balbaldhachaa jiraaachuu
4) Jaalala Qulqulluu gara fuula duraatti dargaggootni abdiin itti imalaa jiran fashalleessuun jireenya ijoollee kanaa balleessuu fii kkf hedduu tarreessu dandeenya.



Yoon Dogoggoreef na hoffolchaa
HORAA BULAA
Abdisa Bencha Jara

 — feeling Concerned.


Waliif Hiraa<share>
  • 60
    Shares
  • 60
    Shares

AFAAN OROMO - Oromo Language

Blogger, AFAAN OROMO Software Developer

You May Also Like

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *