Jecha Afaan Oromoo


Jecha Afaan Oromoo


Jechimmoo kan uumamu Walitti dhufiinsa sagaleetiin ykn
‘Sagalee + Sagalee = Jecha’ ta’a.
Jechootni kan uumaman, sagaleen dubbii akkaataa hiika kennuu danda’anitti walfaana dhufuudhaan.
Sagaleef sagaleen walitti dhufuun jecha uuma.
Sagaleen gara garaa akkaataa hiik qabaaachuu dandaánitti yoo walitti dhufan, jechoota adda addaaa uuma.
Jechi sagaleewwan ykn sagaleelee garagaraa lamaa fi isaa oli irraa ijaarama.
Afaan Oromoo keessatti jechi bifa adda addaaatiin ijaarama: Isaanis:
1. Sagalee dubbachiiftuu fi dubbifamaa irraa
Ma + na = Mana
Ka + na = Kana
Bo + so + na = Bosona
I + ja = Ija
Mar + ga = Marga fi kkf jechoota sagalee adda addaarraa uumamaniidha.

  1. Jecha tokko irraa jecha biraa baasuu:
    Jecha tokko fudhannee, jecha sanarraa jechoota biroo heddu uumuun ni dandaáma.
    Fkn: Mirkanaaé: Jecha Mirkanaaé jedhurraa jechootni hedduu bahuu danda’u.
    Isaanis: -kana -aanaa
    -miá -karaa
    -ana -naannaé
  2. Hundee jechaa irraa dhaalatoo baasuu.
    Deem: Hundee kana irraa jechootni uumamuu dandaán:
    -Deeme
    -Deemte
    -Deemne
    -Deeman fikkf faá.

 

Dhamjecha:


Jechi tokko dhaamsa ykn ergaa tokko ykn tokkoo ol of keessaa qabaachuu danda’a.
Jechi tokko dhaamsaawwan tokkoo ol yoo of keessaa qabaate, unkaawwan(forms) dhaamsaawwan adda addaa agarsiisan,
addaan baafatanii beekuun ni danda’ama. Unkaan dhaamsa tokko qofa qabu Dhamjecha jedhama.

Fkn: Jecha ‘’Saroota’’ jechu yoo fudhanne dhaamsa lama dabarsa.
1. ‘’Saree’’ ykn beeylada miila afurii kan jedhu yoo taú
2. ‘-oota’ kan jedhu immoo baayina agarsiisa.
Walumaagalatti jechi ‘saree’jedhu dhamjecha tokko yommuu taú,
jechi ‘-oota’ jedhu dhamjecha biraati.
Sararri xiqqaan(-) kun, dhamjechi kun dhamjecha biraa irraa foxxoquu agarsiisa.

 

Dhamjecha Hirkata:


Dhamjechi hirkataan gosa sadi(3) qaba.
1. Dhamjecha hirkataa duree(prefix).
2. Dhamjecha hirkataa gidduu(infix).
3. Dhamjecha hirkataa duubee(suffix).
Dhamjechi hirkataan dureen, dhamjecha jalqaba jechootaarratti maxxanee dhufuudha.
Fkn: al- alidilee
Wal- walmaddii
Gar- garmalee… fkkf fakeenyota dhamjecha dureeti.

Dhamjechi hirkaan gidduu, dhamjechaa hundee jechaa gidduu galuudha.
Hub: Afaan Oromoo dhamjecha kana hin qabu.

Dhamjecha hirkataa duubee; kunis dhamjecha dhuma jechaarratti maxxanee galuudha.
Fkn: ‘-oota’ jecha saroota jedhu irraa cite
‘-icha’ jecha namicha jedhurraa fudhanne
‘-dhaan’ jecha eboodhaan jedhu ilaaluu dandeenya….
Fikkf dhamjechoota dhuma jechootaarratti maxxanuun baayína, akkaataa, fikkf agarsiisaniidha.

 

Jecha Tishoo


Jechoota hiika qaban lama walitti fiduundhaan jecha hiika qabu tokkoo fi baay’achuu ykn danachuu danda’u uumu, Jecha Tishoo jedhama.
Akka seerluga Afaan Oromootti, Jechoota tisheessuun haala lamaan ijaaramuu danda’a. Isaanis:
1. Sarara xiqqaan walitti fiduu(-)
Haala kanaan jechootni tisheeffaman jechoota lamaan gidduu sarara xiqqaa galchuudhaan.
Jechi inni jalqaba irratti dhufu sun yoo sagalee dheeraan xumurama ta’e qubee tokko irraa gatuun sararri xiqqaan gidduu gala.
Fkn: Seenaa + qabeessa = seena-qabeessa
mataa + duree = mata-duree
faayidaa + qabeessa = faayida-qabeessa
Jechi inni jalqabaa sun sagalee gabaabaan xumurama taanaan, sagalee sana irraa haqnee sarara xiqqaa itti hiina.
Fkn: koola + galtuu = kool-galtuu
roga + sadee = rog-sadee
saba + lammii = sab-lammii

  1. Walitti Siiqsuun barreessuudha.
    Inni kun mala jechoota tisheessuu isa lammaffaa yommuu ta’u,
    innis jechoota lameen walitti siiqsanii iddoo duwwaa gidduu jechootatti osoo hin hambisin
    afuura tokkoon akka dubbifamuuf, walitti siiqsanii barreessuudha.
    Fkn: gara + dhabeessa = gardhabeessa
    saba + lammii = sablammii
    mataa + duree = mataduree

Jechi Tishoo jechoota qeenxee fi danoomuu danda’uudha.
Qeenxee: ……. Danuu
seena-qabeessa …… seena-qabeeyyii
mata-duree …… mata-dureewwan
faayida-qabeessa ……. faayida-qabeeyyii
kool-galtuu …….. kool-galtoota
rog-sadee ……. rog-sadoota
sablammii …… sablammiilee/sablammoota
gardhabeessa ……. gardhabeeyyii

 


AFAAN OROMO -Oromo Language


Waliif Hiraa<share>
  • 1
    Share
  • 1
    Share

AFAAN OROMO - Oromo Language

Blogger, AFAAN OROMO Software Developer

You May Also Like

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *