QOTAA NAJJOO: Lammiisaaf Tasfaayeetiin


QOTAA NAJJOO: Lammiisaaf Tasfaayeetiin


Godina wallaggaa Lixaa Magaalaa Najjoo Marsee lafa qalaadii 24 jechuun dheerina Kiiloomeetira 25 magaalattii marsee argama.
Ilmi Dajjaazmaach MORODAA BAKAREE Dajjaash Kumsaa Morodaa, aangoo abbaa isaa erga dhaalee booda, bara 1893 irraa eegalee teessoo mootummaa isaa Naqamteerraa gara Najjootti jijjiiruun Najjoo giddu galeessa godhachuun Sibuu fi Leeqaa dabalatee guutummaa wallaggaa bulchaa hanga bara 1905 tti turuu isaa seenaan ni ibsa. Bara teessoon mootummaa Najjoo turettis Masaraa mootiif ta’u ijaarsisuun isaa ni yaadatama(bakka amma Dhaabbanni B.L.T.O. Najjoo irra jirutti.)
Bara bulchiinsa mootummaa isaa kanas,Dahannoo Qotaa Najjoo jedhamu Magaalaattii Naannessee qochisiise.
√ Dahannoon kun uummata Sibuu dhidheessaa fi Daabbus gidduu, dhiira kan ta’ee fi Jaarsoolii umuriin raagan dabalatee hundatu dirqamaan yaa’ee qote.uummanni Sibuu galaa mataa isaanii qabatanii guyyaa hunda dahannoo kana qotuun dararamaa ture.
Qotaan Najjoo si’a lama qotame. Waggaa sadii guutuu bara 1897-1900 tti qotame. Marsaan jalqabaa bara 1897-1899 tti waggaa lama guutuuf qotame,baldhina dhundhuma saddet fi gadi fageenya dhundhuma saddet (dalga 4m fi gadi 4m ) qotamee erga xumurameen booda, Namni qomoo Waambaraa ta’e kan JAARRAA BIIFTUU jedhamu qawwee wacafoo baatee waan fardaan utaaleef bal’inniifi gadi fageenyi isaa akka itti dabalamu taasifame. Dalgi isaa meetira 7 fi gadi meetira 7 taasifamee bara 1900tti xumurame. Har’a waggaa 110 ta’eera.

Sababni qotamuu Qotaa Najjoo akkan jaarsoolii biyyaa irraa qoradhetti Dur mootii biyya Kanaa (naannoo wallaggaa) kan turan Dajjaash Kumsaa Morodaan waa’ee sanyiin wal tuffaannaa irratti Dajjazmaach TASAMMAA NAADOO waliin wal dhaban.
Yeroo kana Dajjaash Tasammaan Dajjaash Kumsaatti dhaadatee akka lolaan isa mo’atu waan itti himeef, Dajjaash Kumsaa Bakareen gara biyyaatti deebi’anii Uummata sibuu dirqamsiisanii yaasuun akka qotaniif ajaja dabarsan.

Qotaan kun balbala afur, kan ganama banamee galgala cufamu qaba. Balballi kunis Fiitaawuraarii 4’n eegama.
1) balballi jalqabaa :-karaa gara Finfinneetti geessu Fiitaawuraarii KABAA TOOBOOn
2) balbala 2ffaa :- kara laga Alaltuun ce’ee gara Cocciitti geessu Fiitaawuraarii LIDDII BAKAREEN
3) balbala 3ffaa :- kara Qammiitti geessu Fiitaawuraarii DISAASAA WAAQAYYOOn
4) Balbala 4ffaa :- karaa Hoomee kan gara Meexxiitti geessu Fiitaawuraarii AMANTEE BAKAREEn kan eegamaniidha.

Fiitaawuraarii kunneen warra Leeqaa keessaa Dajjaash Kumsaa duukaa dhufan jedhu Maanguddoonni Sibuu ani iyyaafadhe.

Kaayyoo qotichi qotameef:-
1) Guddisee fi bakka bu’aa Lij Iyyaasuu kan ture Raas Tasammaa Naadoo bulchaa iluu abbaa booraa waan tureef lafa sibuu gara daangaa bulchiinsa isaatti dabaluu waan barbaaduuf weerara banuu danda’a sodaa jedhurraa.
2) Mahaadistoonni sudaan deebi’anii Lola banuu sodaa jedhuun.

Qotaa kana lubbuu isaa dabarsee kan qotaa ture Oromoo Sibuu ture. Utuu qotaa jiranii yoo namni jalaa du’ellee utuu gadda hin taa’in awwaalanii qotuutti deebi’aa turan.
Qotaan Najjoo yaadannoo seenaa uummataati.yeroo ammaa kana bakki kun eegumsa dhabuun dhabuun Duudee bakkaa badaa jira. Kanaaf Qaamni dhimmi isaa ilaallatu hundi itti haa yaaduun dhaamsa kooti.
..


Horaa Bulaa.
Lammiisaaf Tasfaayee.


Waliif Hiraa<share>

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

error: Content is protected !!