Seenaa Afaan Oromoo



Dr. Abdulsamad Muhammed | Waxabajjii 17, 2013
Afaan meeshaa walqunnamtiiti; mallattoo eenyummaatiisi. Akeeka barruu tanaatiif meeshaa walqunnamtii tahuu isaa haafuulleeffannu.
Meeshaa walqunnamtii hoggaa jennu moggaalee lama walitti fida; akka riqichaati isaan tajaajila jechuudha.
Kanas bifa lamaan jechuunis: dubbiifi katabbiidhaan ykn barreeffamaan tajaajiluu danda’a.
Dubbiin sagalee ykn qooqa qofaan gargaaramanii walitti dubbatanii ykn haasa’anii hariiroo walhubataniidha.
Haaluma kanaan qubee walitti dhufanii waan katabamaniif ykn barreeffamaniif wal qunnamtii akkasii qabaachuun ni andayama.
Afaan kamuu karaalee lameen himaman kanaan hawaasa isaa akka tajaajilu shakkiin hin qabu. Garuu, har’allee afaannan baay’eetu sadarkaa dubbii qofatti hafee jira.
Kanneen gara katabbiititti dhawaataan ykn adeemsaan tarkaanfachaa jiranis muraasaa miti.
Afaannan sadarkaa afaan dubbii qofatti bara dheeraa turan keessaa, tokko, Afaan Oromooti.

Ragaalee qabnurraa akka hubannutti afaan Oromootiin katabuun erga eegalame hinturre: umriidhaan yoo himne bardhibbee lamaafi walakkaa(cinaa) qofa.
Qabsoo gama kanaan godhamtes dheertuudha; gufuuleen mudatees baay’eedha.
Akeekni barruu kanaa seenaa barreeffama Afaan Oromoo bifa gabaabaadhaan dhiheessuudha.
Afaan tokko afaan katabbii ykn barreeffamaa ta’ee jechuun mallattoolee sagaleelee afaan sana keessa jiran bakka bu’an
moggaafatee sirnaan walfaana tarree galee barruu dhaamsa ittiin dabarfatu ittiin tolchuun danda’ame jechuudha.

Mallattooleen afaan tokko ittiin katabuuf mogaafaman waliigalatti QUBEE jennaan.
Qubeen afaan tokkoo mallattoolee sagaleelee afaan sana keessa jiran guututti bakka bu’an of keessaa qabaachuu qabdi.
Fakkeenyaaf, Afaan Oromoo sagaleelee SODDOMII SADI qaba; soddomii sadan kanarraa ijaarama jechuudha.
Qubeen afaan tokkoof moggaafamtu tan sagaleelee afaan sunii sirriitti bakka buutee haala salphatti ittiin barreessuuf nama dandeessiftu tahuu qabdi.
Gara akeeka barruu kanaatti ce’uun dura, ifaajee ykn bu’aa bayii Afaan Oromootiin barreessuuf godhame ilaalla.

Ragaan harkaa qabnu akka mul’isutti kitaabni duraa Raayya keessatti bara sheekoota Aanniyyi fi Daanniyyi keessa katabame.
Kitaabban kunneen kitaabban, kitaaba Amantii Musliimaa kan manzumaati. Faaruu Rabbiitiifi kan ergamaa Isaati of keessaa qaban jechuudha.
Kitaabban sun qalama dibeetaan tuqachaati harkaan barreeffaman. (qalamni gaafasii gobeensa fiinxi qaraa jechuudha).
Qubeen ittiin barreeffamaniis qubee Arabaati. Qubeen Arabaa seera dheerina, gabaabina, laafinaafi jabeenya sagalee mul’isan sirritti qabdi.
Sababa kanaafis namni Afaan Arabaa dubbisuufi katabuu beeku Qubee Afaan Oromoo dafeeti barata; katabuufi dubbisuus haala salphaan hubata.
Qubeen Arabaa suni immoo, Afaan Oromootiif hanquudha. mallattoolee sagaleelee afaan Oromoo baay’inaan 6 (jaha) tahan bakka bu’an of keessaa hinqabdu.
Isaanis: c, ch, dh, g, ny, ph [q x ?] hinqabdu jechuudha. Isaan kanaaf mallattoolee jiranirratti waa dabalanii mallattoo haaraa itti uumuun ni danda’ama.
Meeshaalee katabbii afaan Arabaatiif tolfamaniin afaan Oromoo katabuun ykn maxxansuun hin danda’amu. haatahu jennee yoo itti seennelle waan
baay’ee barbaachisa: meeshaalee barruutiifi kan mana maxxansaa bifa haarayaan qoranii tolchuu, maallaqa guddaa dhimma kanaaf barbaachisuus
diinnagdee biyyaa agabsanii garasitti ramaduu, hundaa’ol immoo mootummaa dhimma kana akka dantaa ofiititti fudhattee hojiirra oolchuuf qaamaa
qalbiidhaan sossootu aangoorra jiraachuun dirqama taha.
Kanaafuu ifaajeen garasiin godhamaa turte hundi hawwii milkiidhaan wal hingarre taateeti hafte.
Tattaaffiin itti aantu warra kiristaanaatin godhamte.
Toora xumura bardhibhha 19ffa pirotestaantoonni warra Awuroopaa “Macaafa Qulqulluu” gara afaan Oromootti hiikanii maxxansiisuu fedhan.
Hojii saniifis Oromticha Oniisimos Nasiib (Abbaa Gammachiis jedhaniin muudan.
Oonisimoos Nasiib teessoo isaa magaalaa Asmaraa biyya Ertiraa godhatee Macaafa qulqulluu Afaan Amaaraatirraa gara Afaan Oromootti hiikee bara 1986 keessa
achumatti maxxamfames.
Kitaabni sun “Macaafa Qulqulluu” jedhama. Kan hiikees “Oonisimos Nasiib, nama biyya Oromoo’ jedha.
Qubee Saabaatiin barreeffame. Qubeen Saabaa tanuma Afaan Amaaraatiifi afaan Tigree ittiin barreeffamu tana.
Qubeen tuni sababoota lamaaf afaan Oromootiif hin mijoofne. Sababni tokko, seera dheerina, laafina, gabaabina fi jabeenya sagalee mul’isu hinqabdu.
Sababni lammadaa, dubbachiiftoota “vowels” torba qofa qabdi; afaan Oromoo immoo, 10 qaba; kurnanuuti barbaada.
Torban qubeen saabaa qabdu keessaahis lama sagalee afaan Oromoo waliin wal hingitan. Kanaafuu, qubeen Saabaatiin Afaan Oromoo katabuun hindanda’amu.
Tattaaffiin Sadaffaan tan qubee Laatiiniin godhameedha. karaa kanas bakka lamatti qoonnee ilaalu dandeenya.
Tokko kan Lola/waraana addunyaa lammaffaatiin dura taheefi kan Lola/waraana addunyaa lammaffaa keessaafi achiin boodaati.
Tattaaffiin duraa ammas tanuma warra Awuroopaa (Faransaayota, Jaarmaanotaa, Xaaliyaanota) fedhii amantiisaanii babal’isuuf qabaniin godhamee dha.
Kitaabileen xixiqqaa amantii bataskaana pirotestaantii ykn kan kaatolikii barsiisan qubee Laatinii tanuma afaan faransaay,
afaan Jaarman ykn afaan Xaaliyaanif moggaafaman jijjiirama tokkollee osoo itti hingodhin Afaan Oromoo ittiin kataban.


Gara itti aanu Darbi >>

 

 


Waliif Hiraa<share>
  • 26
    Shares
  • 26
    Shares