Seenaa Barreeffama Afaan Oromoo



Dr. Abdulsamad Muhammed | Waxabajjii 17, 2013

Seera afaan isaaniitiin afaan Oromoo barreessuu yaalan. Rakkoolee gararreetti gara dheerina, gabaabina, laafina fi jabeenya sagalee jennee ibsine sun qaban.
[sagalee takka qubee adda addaa tin bakka buusuu fkf ny —> gn, …]
Kan itti aanu tattaaffii Lola Addunyaa kan Lammaffaa keessa taateedha. Kuni gadaa qubee afaan Oromootiif aduun baate,
gadaa qormaata karaa saayinsii afaaniitiin maalummaan afaan kanaa sirnaan itti hubatame jechuu ni dandeenya.
Tattaaffii ogeessa saayinsii afaanii Martin Moreno warra biyya Xaliyaaniitiin godhameedha.
Kitaaba isaa kan mataduree “Gramatica della Lingua Galla” jechuudhaan moggaasees bara 1939 keessa maxxansiise.
Nama yeroo duraatiif xiinsaga (phonology), xiin-unkaa (morphology) fi walfaanoommii jechootaa sirritti hubate waan
taheef gadaa sanaan “Gadaa Moreno” jedhee yoon moggaase dogongora hintahu.
Qubee MARTIN MORENO
A B C Č
D Ḑ0 E F
G H I
J K L M
N Ñ O H
Q R S
Ṧ T Ṭ U
W Y Z
Lola addunyaa kan lammaffaa booda haala ilmaan biyyaa barnootaaf gara biyya alaa itti imalaniitu dhalate.
Akkaataa biyyaa itti bahaniin immoo,murnoota lamatti qodaman. Murni tokko warra hiree barnootaa bifa qaari’aatiin (scholarship) ykn m
otummaadhaan ergamanii biyya alaatti deemani. Jarri kuni warra barnoota sadarkaa lammaffaa biyya eessatti fixatanii digrii duraatiif alatti imalan ykn
kanneen digrii duraa qaata biyya keessatti univarsitiirraa eebbifamanii digrii Maastersiitiif ykn Doktaraatiif deeman of keessaa qaba.
Isaan kuni biyya itti deeman, universitii itti baratan, maal akka baratan, yeroo hammam keessatti barnoota san akka xumuran,
maallaqa ittiin jiraataniifi meeqa akka argatan beekaniiti xayyaaraanaan gara biyya itti baratan sanitti imalan.
Jarri kun yeroo baay’ee gara biyyoota Awuroopaa ykn gara Ameerikaati deemu.
Garri caalu, Ilmaan Amaaraa haa tahan malee, ilmaan sabootaafi sablammiilee birootis hammi tokko ni jiran.
Barattoonni hiree tana argatanii barnootaaf gara Awuroopaa deeman barnoota qofa osoo hinta’in kaka’umsa siyaasaatis ni horatan.
Siyaasaa gara bitaatti conqoltutti waan amananiif bitaaleeyyii yaada maarkisistii ykn sooshalistiitiin masakamuufi biyyaas ittiin masakuu kajeelan.
Isaan kuni, dura Waldaya Barattoota Itophiyaa kan Awuroopaa jedhamuun beekkamu ijaarratan.
Ilmaan Oromoo miseensoota waldaa kanaa tahan keessaa, kanneen Afaan Oromoo gara afaan barruutitti akka tarkaanfatu hawwaniifi
hawwii sanas dhugoomsuuf hojii nama boonsitu hojjataniifi seenaanis dagachuu hinqabneetu jira.
Isaan kuniis Haylee Fidaatiifi Abdullaahi Yuusuf turan.
Lameen keessaa Qubeefi bara kufiinsa Haylesillaasee booda kan qooda guddaa qabu Haylee Fidaati.
Qubee Martin Moreno fudhatanii jijjiirama xiqqaa itti gochuudhaan ittiin barreessuu jalqaban.
Qubeen isaaniitiis kunoo tana. Qubeefi seera Martin Moreno lafa kaayetti jijjiirama xiqqaa itti godhaniiti kunoo qubee kanatti aantuun as bahan:
A B C Č
D Ḑ E F
G H I J
K L M N
Ñ O H Q
R S ṧ
T Ṭ U
W Y Z
Warri Awuroopaa kuni garuu, waa lama dagatan. Laageen (’) tan namni garii hudhaa ykn hamzaa jedhuun phoneme (dhamsaga) of dandeesse tahuu dagataniiti keessaa hanqisan.
Qabxiin lammaffaan Qubee tanaan biyyatti galanii ittiinis barreessuuf hiree yoo argatan makiinaan barruutiifi manni maxxansaa kanaaf qophaawan jiraachuu dhabuudha dagatan.
Akkasiinuu qubee tana lafa hinkeenye. Bara 1973-1974 keessa kitaabban lama biyya Jarmanitti maxansiisan.
Matadureen kitaabban lameenii: tokko Hirmaata Dubbii Afaan Oromoo kan jedhu yoo ta’u kaan immoo Bara Birraan Barihe jedha.
Kitaabni duraa, akkuma maqaan isaatuu himutti kitaaba seera afaaniiti. Seera afaanii kan bu’uraa bifa gabaabaadhaan dhiheessa.
Kitaaba kana qopheessuurratti maqaan baay’ee dhawamu Haylee Fidaa haatahu malee, jarri kaanis qooda ni qaban.
Kan Bara Birraan Barihe jedhu immoo, roorroo sirni nafxanyaa ummatarraan gayu bifa diraamaatiin dhiheessa.
Kitaabban lameen kunneen jabeenya fi laafina, dheerina fi gabaabina sagaleelee Afaan Oromoo yeroo duraatiif sirritti adda baasanii mul’isan waan tahaniif
seenaa barreeffama Afaan Oromoo keessatti bakka guddaadha qaban. Jarri kitaabban kana qopheesse kuni kufiinsa mootummaa Haylesillaasee booda,
dhaaba siyaasaa “MEISON” jedhu moggaafatanii gara biyyaa deebi’an. Maqaan “MEISON” Kottoonfii maqaa
Afaan Amaaraatiin dhaaba saaniitiif moggaafataniiti (“Mellaa Itiyoophiyaa Soshalist Niqinnaaqee”) Afaan Oromootti (Sochii Soshalistii Idil Tophiyaa) jechuudha.
Yoos sochiin ABO tiis qaata jalqabde. Hoggansa Jaarraa Abbaagadaatiin [Elemo?] qabsoon hidhannoo dhandhaaramte.
Waraanni ijaaramuus barnoota siyaasaa, leenjii lolaatiifi barnoota qalamaa akka argatu, barnoonni kuniis afaan Oromootiin akka kennamu murteeffame.
Kanaafuu, Qubee warri MEISON fide guutumatti fudhatan. Makiinaa Barruutiin barreessuuf immoo, makiinaaleen qubee tanaaf qoramanii tolfaman hinjiran.
Makiinaan jirtu tanuma afaan Ingiliizii qofa. Konkolaataan Afaan Ingiliizii Qubee Haylee Fidaa ittiin barreessuuf hinmijjooftu.
Barkoo ykn baallaa xixiqqoo mallattoolee garii gararreerra (gubbaarra) jiran harriiqqaadhaan bakka buusanii barreessuu jalqaban.
Kuniis golollee waraqaa ooftu oliifi gad qabuudhaan harriiqqaa ykn qabxii itti godhuu dirqama tahe.
Kuniis tarree yaa’a barruu jallisuufi barruus buburreeysuu fide.
Yeroo dheertuu fudhachuu malee rakkoon barruu fokkiftu mul’achuun dhimma furmaata saffee itti barbaadan taate.
Gaafas kitaabni “ Fura Afaan Oromoo” kan Sheek Mahammad somaaliyaarraa hulluuqee gara biyya teenyaa seenuu haahimamu malee, harka namayyuu gayuu hindandeenye.
Garuu, Makiinaan barruu tan biyya keessa jirtuun rakkoo malee ittiin barreessuun akka dandayamu hoggaa dhagayan barbaachaaf karaa bu’an.
Dr. Mahammad Rashaad qunnamuun dirqama tahe. Akkasitti booddee magaalaa guddittii biyya Soomaaliyaa moggaasatti wal qunnamanii haasawaafi marii booda
Qubee Dr. Mahammad Rashaad fudhatanii ittiin fayyadamuu jalqaban.
Qubeen ar’a manbarnoottan keessatti ilmaan Oromiyaa ittiin barataniifi waajjiroota Oromiyaa keessattiis ittiin hojjetan qubee sani.
Qubeen sun kitaaba mataduree “Fura Afaan Oromoo” jedhuun bara 1969 keessa dura harkaan barreeffameeti ganna lama booda yeroo duraatiif maxxamfame.
Namni kana barreessees Sheek Dr. Mahammad Rashaadi.
Qubee Afaan Oromoo bifa arra qabdu kana Sheek Mahammad Rashaad Abdulleetu itti abbaan.


 

 


Waliif Hiraa<share>
  • 28
    Shares
  • 28
    Shares