Seenaa Jaalalaa


Seenaa Jaalalaa –  Oroliyaanaa Daani’eeliitiin

 


Eessaa akkan siif jalqabu ana rakkisa; Addunyaa kana irratti namni jaalalaaf jedhee murtoo murteesseen jaalala dhugaa dhabe ana tahuu hin oluu jedhen shakka. Leemmanee koo, jaalladhe akkan si hin dhabne beekta; garuu sii hubachuu dhiisuu kootu kana na godhe. Humna ol si jaallachuu kootu kana natti fide. Ati anaaf, qulqulluu akka bishaan talilaa turte; dhimbiibamtuu! Ani garuu, waanan si jaalladhuufan sin amanu ture. Waan ati keessa kee jaalalaaf jettee na dhokfattu natti fakkaata ture. Bareedduu koo, maal taha yeroo sana osoon jireenya keenya amane ta’ee, jaalalan sii jaalladhu sana keessa osoon jiraadhe ta’ee? Ani Digiriin eebbifameen magaalaa keessan keessatti qacaramee osoon hojjedhuun si bare. Ati immoo yeros, barattuu kutaa kudha tokkoo turte. Anaafi atis yeros wal barre.
Leemmoo koo, ati Namummaa koo jaallatte malee, homaa tokko akka ati anarra hin feene sirrittan beeka. Ta’us garuu jaalala kee shakkuu dhiisee hin beeku. Sababnisaa yeroo hiriyoonni kee si biraa cululuqanii, dhagaa cululuqaa (sirraammoo) fakkaatanii deeman, an baay’een siif isaanitti inaafa. Torban torbaniin rifeensa hojjechifatanii, urgoftuu jabanaa gosa garaagaraa ofitti dibanii, akka #’Kiliyoopatraa’ giiftii warra Gibxii durii sana qaama ittiin dhiqatanii firiqisaa yeroosaan sii walin yaa’an, an iddoo keen inaafa. Ofiikoonin ofitti gunguma “carraa maaliitu anatti ishee qabeen” jedha. Ofiif si barbaadaan, waan si barbaachisu keessa of barbaada. Leemmoo koo, siif bareedinni bareedina uumaa akka ta’e bareecheen beeka’ Hiriyoota kee akka nama beeksisa Koosmotikisii hojjetuutti guyyaa guyyaatti urgoftuu ofitti firfirsan sana caalaa bareedduu akka ati taate sirriittan beeka. Anatti qofaa osoo hin taane eenyuttiyyuu dhugaan kun fagootti ifee mul’atta. bilchinni yaada keetii umurii kee ol tahuu jechoota afaan nama qaheelaarra ba’an kan ati yeroo mara dubbattu sanarraa dhugeeffadheera. Ati anaan ana caalaa beekta. Ana caalaa naaf yaadda; hiriiyonni kee, akka uffata guyyaa guyyaan gegedderan sanaatti, yeroosaan jaalallee jijijjiranii bashannanii, waan fedhan akka fedhanitti yeroo argatan sana garuu, anaan “qalbiin koo yoom isheef akkas goota?” jedhe na ceephaa. Ceepha’ees nan dhiisu; naaf ta’uu kee akkan shakku na godha. Leemmookoo, ni beekta mindaa koo! Maqaafaan digiriidhaan eebbifamee muuxannoo qabadhee mana mootumma keessa gosophaa’a oola malee waanan buufadhe tokkoyyuu hin jiru. Isayyuu kan na biraa hojii dhabes kumaatama. Miindaa koo keessaa harkaa 30-40 qofaan fudhadha malee, inni kaan deebi’ee bakka isatti gala. Gaaf gaaf yeroon yaadu, biyya kana anaaf warrota ana fakkaatan qofatu, dijiitii guddinashee kudha tokkoon (11) fiigsisa. Kudha tokkoottis fiigsisa, jedheen yaada. Sababnisaammoo, Abbootii taayitaaf kan barcumaa nutu kaffala. Durgoon isaanii miinda keenya irraa dhibbantaan cita. Murtii dabaa akka isaan natti murteessanifan leenjiif walgahii garaagaraatti narraa isa citeenan isaan erga. Xumuramuu baatus, isa ‘#Abbaayiin‘ ittiin hidhsmaa jirus,dhibbantaan miindaakoorraa kutu. Sababoota kana da’eeffadheen guyya tokko kophee tokko illee siif bitee hin beeku. Waan xixinnoo shamarraniif barbaachisan illee sii guutuuf yeroon yaalu, akkaataa ati itti ana amansiiftee ana dhorkitu sana amma yeroon yaadadhu baayyee na dinqa “ ammati miindaan kee kun mindaa ta’ee jennaanii, kan ati anaaf dhiphattu? Dhiisi anaaf yaadikee inni qulqulluun sun qoftuu naa gaha” jettee morma koo jala “xambas” gootee na dhungatta. Silaa akkan dhungannaa keen addunyaa kana irraa godaanu beekta. “Kaaffee tokko teenyee haasofna!” yoon siin jedhe illee akka nama wayitti haajamee, “lakki hin ta’u; daandiirra deemaa haasofna; qillensa kana fudhachaa jaalala keenya haaressina” jettee harka kee harka koo keessa galchitee, akka misirroowwaniitti karaa Asfaaltii dheera sana irra na fudhattee imalta. sagalee kee keessaa muuziqaa malee gurra nama qirqidu sanaan “Boonaa koo kan kaaffee hin teenyeef waan biraaf sitti hin fakkaatin, akkas akka garaa koo sii waalin tahuuf jedheni malee” jettee dubbi gara dabrsita. …ati garuu baasii irraa ana baraaruuf akkas goota turte (ogeettiikoo).
Ani immoo egaa yeros yeroon haalotakee isa reef natti argamu kana ilaalu, utuman si jaalladhuun, si amanuu dadhaba. Xiinsammun kee, akka biyyaa siif ta’uu dadhabuukoof waan midhamuu natti fakkateen yaadda’a. Sammuu kootu, “jaalallee keetiim isheen. Isheen afaanii baaftee yoo “kana naaf godhi” jettee sii gaafachu didde, humnaan hin gootuufi ati rakkataa wayii!” nan jedhee na himata.
Leemmoo koo, Sii caalaa xinsammu koon geggeeffameen, si dhiisee biyya Ambaa deemee hojjechuf murtesse. Byya koo keessatti baradhee ergaan gatii dhamaatii koo hin argannee ta’ee jedheen biyya faranjiitti namaaf garba tahuuf murtesse. Jaalala keenya waggaa tokko karraatti kuteen si biraa godaane. Yoon sitti hime ana dhorkita jedhee waanan yaadda’eef dhaamsa siif kaaheen, qarshii muraasa kadhaa karaa hin caalleen argadheen biyya ba’e. (silaa namni biyya ofii keessatti hojjedhu naman jedhee maallaqa nama hin gargaarre, biyyaa sii baasuuf hin dhabu)
Tahuus egaa carraa ta’ee biyyi Ambaas akkan yaadetti naaf hin taane. Jireenyi gingilchaatti bishaan warabuu natti tahe. Ittan naqa naaf hin guutu; yaaliin achi taa’e si argachuuf godhes tasa naaf hin milkoofne. Ati edaa biyyaa bahuu koon onneen kee cabee, sammuun kee miidhamee qormata biyyaleessa kutaa kudha lamaa kuftee akka heerumte kanan dhagahe ergan waggaa booda biyyatti deebi’e ture.
Qaamaan miti, bilbilaan illee si arguuf yaalin godhe homaa naaf hin milkoofne. Lemmanee koo, yeroo mara qalbiin koo si bira jira. Kanan deeme jaalalaaf ture. Borii keenya fooyyessuuf, of jijjiruuf, humna ol si jaallachuun koo akkan keessa kee hin amanne na taasisuun, na jalaa midhamta na yaachisee goddannisa barabaraa jireenya kee irratti chaappesse. Maallaqaanin jaalala keenya jabeessa jedheen akka lafaa kahuu hin dandeenyetti unkuttesseen onnee kee dhiiga qulqulluu qofa hin raabsine, isa jaalala qulqulluus dhiigatti dabalee facaasu sana magalaa volkaanoon dhaane godhe.
Dur yeroo ana hammattu qaamni kee natti rigate sun akka haqata Xirinyii natti urgaa’ee nagaa ana dhoowwata. Hidhiin kee an gurshadhe sun, hidhii koo irratti hafee yeroo maran dhandhama. Gartokkeen qaama kee ana bira jiru, yoomuu akka nagaa anaaf hin keennines nan amana.
Silaas, anatoo jaalalaaf jedhee si Miidhehooti, atii giiftiin jaalalaa, kan yeroo mara jaalala faacaftu, akka taates bareeche beeka. Ammas kan kanaan duraa caalaa, beekuurra darbee nan amana; jiruu gaarii jiraadhu Leemmanee koo.
.
Sin jaalladha.
.
Yaa dubbiftoota Jaalalaan jaamtanii Onnee nama Jaallattanii dubbisuu dhiisuu isin yaa baraaru, Jaalalli wal hubachuudha.


Waliif Hiraa<share>
  • 32
    Shares
  • 32
    Shares

1 thought on “Seenaa Jaalalaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

error: Content is protected !!