Sirna Siinqee Aadaa Oromoo


 Sirna Siiqqee Aadaa oromoo


Seerri siinqee ulee qal’oo sorooroo muka harooressaa irraa muranii tolchan, kan dubartiin heerumte qabattuun ibsama. Mukti harooressaa qaqal’aa fi sorooroo wanta qabuu fi kan laayyootti hin cabne waan ta’eef filatama. Siinqee dheerina dubartii qabattu akka gitutti muru. Siinqeen akka diimatee bareedu baaxii manaa jala bakka aara argatutti suuqu. Siinqee akka uleetti hin fayyadaman, horii ittiin hin haleelan. Yeroo qabatan illee akka dhadhaabbataatti hin fayyadaman.

Dubartoonni siinqee qabatanii gurumuudhaan sirna hawaasummaa fi amantaa heddu wanta raawwataniif siinqeen waraana dubartii ti jedhu.

Siinqeen Idaayyiif Kennamuu

Haati intala heerumsiistu, siinqee, boraatii fi baarree qopheessiti. Siinqeen mallattoo birmadummaa (uumamaan bilisa ta’uu) ti. Boraatiin muka irraa soqamee tolfamee, calleedhaan faayame immoo mallattoo haadha-warrummaa ti. Baarreen qodaa aannanii waan ta’eef mallattoo qabeenyaa ti.

Cidha gaa’elaa irratti yeroo idaayyichi idaayyittii fudhatee galuuf ka’u, haati ishii siinqee, boraatii fi baarree harkatti qabattee, balbala fuula dura teessi. Idaayyichi haadha idaayyittii bira ga’ee dhaabbata. Haati idaayyittii “hoo baarree, hoo barsee” jettee siinqee, boraatii fi baarree itti kenniti. “Hoo barsee” jechuun yaboo sirra keewwadhee jechuu dha.

Hamaamonni oggaa qe’ee ga’u, idaayyichi siinqee, boraatii fi baarree idaayyittiitti kenna. Idaayyittiin seera hirma furaa booda, siinqee boraatii fi baarree qabattee ol seentee gola ishii keessi. Kanumaan haadha siinqee taati. Yeroo eebbisanillee “siinqee baarree oofkalaa” jedhu. Kunis fuudha kana nagaadhaan keessa fulla’aa ykn ofkalaa jechuu dha.

Siinqee seeraan kenname kanaan mirga haadha-warrummaa ishiin qabdu ittiin tikfatti. Hawaasa keessattis dubartoota siinqee qaban waliin gurmuu uummatanii seera adda addaa ittiin raawwachiisu.

Ulfina Haadha Siiqqee

Dubartiin siinqee qabatte, hawaasa keessatti ulfina guddaa qabdi. Dubartii siinqee qabattee karaa deemtutti yoo dhufan hin qaxxaamuran. keessattuu dhiirti yoo ishiin hayyama kenniteefii dabarsite malee bira hin darbu. Dhaabbatee ishii dabarsuuf dirqama qaba. Lagas ishii dura hin ce’an.

Dubartoonni siinqee qabatanii wal faana yaa’an/bayima ba’an, Ateetee/Ganyaa jedhamu. Dubartoonni bayima ba’anii, siinqee faarfachaa deemanitti yoo dhufan, nama tokkoos ta’e nama hedduus ta’an, maanguddoonillee, fardarraa bu’anii, gadi jedhanii marga jiidhaa ciratanii “Ilteeninnaa” jedhanii itti irreeffatu. Dubartoonnis akkasuma marga ciratanii itti irreeffatanii “obbayaa” jedhanii deebisu. Dubartoonni bayima ba’an, otoo isaan hin eebbisiin nama isaan qaxxaamure ari’anii qabanii adabu.

Aangoo Haadha Siinqee

Dhaanicha Abbaa Warraarraa Baraaruu

Sirni Gadaa, seera siinqeetiin, mirgi dubartoota Oromoof kenne, kan ittiin mul’atu keessaa tokko, dubartii abbaa warraatiin dhaanamteef, dubartoota gurmuu uummataniin birmannaa godhamu.

Sagaleen dubartii dhaanamte bakka dhaga’ametti, mallattoo wal waamichaa kan ta’e sagalee ililfannaa, “ililii,ililii,ililii…” jedhu wal dhageessisanii walii qaqqabu. Akka seera siinqeetti, dubartiin sagalee ililfannaa dhageesse, kan daa’ima hoosisaa jirtus, kan sa’a elmitus, kan okkotee ibiddarraa qabduus, hojii of harkaa qabdu battalatti dhiistee, siinqee ofii luqqifattee, hatattamaan birmachuuf dirqama qabdi. Dubartoonni seera siinqee raawwachiisuuf gurmuun deeman, weedduu siinqee weeddifachaa mana dubartii abbaan warraa dhaane sana qaqqabu. Dubartoonni dura qaqqaban, dubartii sana siinqee qabachiisanii manaa baasu.

Namicha haadhawarraa isaa dhaane dabalatee, dhiirti haati warraa isaa gurumuu kana keessa jirtu hundi, qe’een isaa adiyyoo dha. Bultiin abbaa hin qabu. Daa’imni ni booya. Kanaafiyyuu dhiirti marti namicha balleessaa hojjate sana murtiitti dhiyeessuuf carraaqa. Dubartoonni, miseensa isaanii miidhamte itti marsanii, faaruu isaanitiin roorroo didaa, gara caffee/Mana maree Gadaa/ erga seerri Gadaa laaffatee booda jaarsolee gosaatti iyyata deemu.

Qaamni itti iyyatan, waltajjii qabaniifii, ulfina isaanitiif jecha, ofirra taa’anii dubbisu. Kana malees, gadi jedhanii marga jiidhaa ciratanii, “ilteeninnaa” jechuun itti irreeffatu. Dubartoonnis “hobbayaa” jedhanii eebbisu. Yeroo seera kana raawwatan, weeddudhaan siinqee faarsuu hin dagatan.

Qaamni himannaa isaanii dhaga’uuf taa’e, “Wayyooma/ulfina dubartii kan tumaadhaan dhugoomse Gadaa dha.” Jechuun seera jiru mirkaneessuudhaan, waltajjii jalqabu. Sana booda, “ulfoo teenya maaltu bade, maal rakkattan” jedhanii dubartoota gaafatu. Dubartiin gurmuu kana gaggeessitu, dubartii dhaanamte of fuuldura qabdee, waan ishii irratti raawwatame caffee fi yaa’iitti himti. Qaamni seera raawwachiisu, nama miidhaa kana raawwate, waamanii dhiyeessanii, dubbii qoratu. Hanga murteen kennamutti, dubartoonni, roorroon akka irraa dhaabbatu weedduudhaan gaafatu.

Xumura irratti caffeen, miidhaa qaqqabe madaalee, murtee dabarsa. Murteen kun loon inni qabu keessaa isa mararsiifatu sangaa/qotiyyoo isaa qaluu ta’uu danda’a……. itti fufa


Waliif Hiraa<share>
  • 1
    Share
  • 1
    Share

AFAAN OROMO - Oromo Language

Blogger, AFAAN OROMO Software Developer

You May Also Like

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *