Abbaan Gadaa yoo jaaru/ qorcaa yoo micciiru(du’u) eenyun bakka bu’a?

0
163

Seera bulchiinsa preezdaantummaa fi mana mareetin muummeen mootummaa yoo du’aan boqatan, paartichi yaa’ii ariifachiisadhaan nama bakka buusa.

Sirna Gadaa waan akkanaa yoo mudate falli maal ta’a seetu?

Akka Booranni jedhutti abbaan Gadaa angoorra jiru utuu baallii hin kennine yoo jaare, akka Gujiin himuttimmoo nami abbaa Gadaa ta’uuf deemu yookaa gadoomarra jiru yoo qorcaa micciire eenyutu bakka bu’a?

Boorana biratti mudannoon akka kanaa kallattii lachaniinuu akka mudatee ture odeeffannoo arganneera.

Abbaan Gadaa baallii fuudhan Kuraa Jaarsoo nama silaaf abbaa Gadaa ta’u dursee filame jaaree jennaan isaan bakka bu’anii obbo Hordofaa Galgaloo nutti himaniiru.

Gosti walii galee obboleessi nama sanaa beekomaa fi bulchiinsa irratti cimaa ta’uun yoo yaadame bakkicha dhaaluu danda’a.

Yookaammoo lubuma sana keessaayi namni kan bakka buufamu.

Fakkeenyummaaf yoo fudhanne abbaan Gadaa Guyyoo Gobbaa irraa baallii kan fuudhan Kuraa Jaarsoo Kuraa waliigaltee gosaatiin bakka ilma obboleessa abbaa isaanii dhaalan.

Silaa Abbaa Gadaa ta’uuf dursee kan filame Guyyoo Morquu duunani.

Fiixee yookaa gogeessa Gadaa Booranaa shananittuu namni lubaan miseensa ta’u guyyaa kuusa ta’erraa kaasee hayyoota Adulaa ja’a filata.

Hayyoota Adulaa kana keessaayi Abbaa Gadaattis kan ce’u.

Aduloota waggootaan dura lallaban ja’an kana keessaa kan itti aanaa abbaa Gadaati jedhame bakka sana bu’ee Gadoomatti akka dhufudha obbo Hordofaan kan himani.

Garuummoo Aduloota kanniin keessaa namni cimaan dhabamnaan gosa isaa keessaa itti dhiheenyaan kan jiru akka muudamu ta’a.

Haala kanaanis kan tolu yoo hin jiraanne Abbaan Gadaa kan Boorana qajeelchu waan milkiin uummata bulchu waan ta’eefuu kan safuuf beekoma qabu,kan wanti aadi malee isa biratti iddoo hin qabaanne ilaalamee Oromuma Booranaa gosa kamuu keessaa filamuun abbaa Gadaa ta’a.

Haalli akka kanaa Gujii biras jira. Fincaan Gujii shananiif wayita miseensa ta’amu bara kuusarra ga’anutti namoonni torba balbala Gujii torban irraa filaman guyyoota 27 ta’aniif mana barnootaa galu.

Agaalla galu jedhaan Gujiin.Agaalla jechuun dallaan ijaaramee sana keessattimmoo galmi tolfamee barnoonni iddoo itti kennamu.

Isaan kuni akka isa ammayyaatiin koree hoji raawwachiiftuu akka jennuuniiti.

Torbiin kuni hundinuu ga’ee mataa isaanii qabu jedhan itti gaafatamaan Waajjira Aadaa fi Turizimii godinichaa obbo Dambii Turcee.

Warri Agaalla galan kunniin namoota torbii filatan inni duraa abbaa Murtiiti.

Boodas Abbaa Gadaa kan ta’u kanuma.Kan Abbaa Murtii gargaarummoo jalkeya jedhama.

Namoonni biroo tartiibaan faga,hayyuu,waamura,torbii fi jaldhaaba.

Rakkoon akka abbaa Gadaa qorcaa micciirsisuu yookaa gorora liqimsuu jechuun du’aan boqachuu isaan mudatu hayyoota torbii kana keessaa baka bu’ama.

Torbii balbala torbaa kana keessaa namni akeeka biyya hogganuu qaba jedhamu abbaa murtiitu filama.

Abbaan Murtii kuni dooroma ga’ee abbaa doorii, Gadaa yoo ga’ummoo abbaa Gadaa ta’a.

Abbaa murtii kanatti kan aanu Jalkeya inni jedhamu yeroo maraa bakka bu’aa abbaa Gadaa ta’uun kan tajaajuludha.

Rakkoon abbaa Gadaa gorora liqimsiistu yoo uumame namoonni torban kuni waliin ta’uuni murtii jalkeyi abbaa Gadaa ta’uu kan mirkaneessani jedhan obbo Dambii Turcee.

Jalkeyi yookaa itti aanaan abbaa Gadaa kunis dandeettii bulchiinsaa kana hin qabu taanaan ni gombifama.Kana jechuun paartiin yookaa lubi suni nama biraa laalee bakka buusa.

Boorana biratti bara abbaa Gadaa 58tessoo haalli Abbaan gadaa adoo angoo hin fixatin itti jaare mudatee kan ture ta’uu eerama.

Obbo Hordofaa Galgaloo himana maanguddoo Booranaa irraa akkan hubadhetti bakka isaanii namni gosaan lallabame abbaa Gadaa ta’ee Gadooma sana xumursiisera.

Abbaan Gadaa duraa jaarraan Liiban Kusee Liiban bakka bu’e jedhama.

Gama Gadaa Tuulamaatiin haalli akka kanaa akkami kan jedhu iyyaafanneerra.

Abbaan Adeemsa hojii tajaajila deeggarsa oogummaa too’annoo fi hordoffii magaala Bishooftuu fi barreessaan Gumii Tokkummaa Abbootii Gadaa obbo Caalaa Soorii erga bara sirni nafxanyaa naannaa giddu galeessaa kana too’ateetuu wa-harkaa fuudhiinsi baallituu seera qabeessa utuu hin ta’in tureera.

Lubni Gadaa shanan bara gadooma isaanii yaa godaananu malee abbaa Gadaa kan ta’u kallattii sirriin baallii fuudhee miti.

Kan adeemsa sirriin baallii fuudhe Abbaa Gadaa Bayyanaa Sanbatoo qofa.

Kanneen sanaan dura turan abbaa Gadaa muul’adhuu qofaan as ga’ani.

Yemmuu caffee godaananitti gadaan jiraa jedhamee yoo gaafatamu anatu gadaadha jedheetu abbaa Gadaa kan ta’aa ture.

Dhimmi waa’ee sirna Gadaa sana keessatti ta’u gama koree hoji raawwachiiftuu Tuulamni Saglan Yaa’ii jedhuutiin raawwatama.

Ta’ullee bara gadaa Bayyana Sanbatoo kanatti seerri abbaan Gadaa yoo du’e kallattiin eenyutu bakka bu’a kan jedhu hin lallabamne jedhan obbo Caalaan.

Qorannoo bara gadaa itti aanu Gadaa Melbaatti ni ilaalama jedhamee eegama.

Haala hayyoota torbii balbala Gujii torbaa filaman,kan booranaa hayyuu Aduulotaa gosootuma Booranaa keessaa ta’uun kan dursee qophaa’u ta’ee yoo qorcaa micciiruun dhufte yookaa jaaran irra deebi’amee baallii itti kennina jedhamee godaansaaf hin ba’amu.

Hayyooti kunniin itti mari’atuun yaa’ii koree hoji raawwachiiftuu ol kan ta’e yaa’ii Caffeetiin uummatatti beeksisu.

Getaachaw Muul’ataa, Shallamaa Kabbee


Waliif Hiraa<share>
  • 460
  •  
  •  
  •  
  •  
  •  
  •  
  •  
  •  
  •  
    460
    Shares
  •  
    460
    Shares
  • 460
  •  
  •  
  •  
  •  
  •  
  •  
  •   
  •  

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here