Toora Barnoota Afaan Oromoo[afaan-oromoo.com]
******************************************
Afaan Oromoo toorarratti barachuuf kanneen barbaaddan Odeeffannoo fi Meeshaalee Deeggarsa Barnoota Afaan Oromoo marsariitii keenyarraa argattanitti dhimma baatanii yeroo gabaabaa keessatti Afaan Oromoo keessan fooyyeffachuu ni dandeessu.
Marsariitiin keenya daa’imman, dargaggootaafi Hawaasni keenya Biyya keessaa fi Idil-Addunyaa Afaan Oromoo barachuu barbaadu kan biyya kamiinuu jiraatu fageenyaafi yeroon osoo hin daangessine Afaan Oromoo akka baratuuf yaadamee kan qophaayeedha.
Kaayyoon keenya Barnoota BILISAA[Online Free Tutor] hawaasa Afaan Oromoo barachuu barbaadu kamiiyyuu daangaa fageenyaa fi yerootiin malee yeroo barbaadetti barachuu akka danda’u gochuudha.