Afaan Oromoo osoo Abbaa itti gaafatamummaan irratti hojjatu qabaatee Addunyaarraatti Afaanota Gurguddoo keessaa Sadarkaa 20ffaa argata ture.

Guddina Afaan Oromoofi Rakkoolee ijoo Afaan Oromootiin walqabatu kanneen beekuu qabnu

1
345

Guddina Afaan Oromoofi Rakkoolee ijoo Afaan Oromootiin walqabatu kanneen beekuu qabnu


 

  • Afaan Oromoo osoo Abbaa itti gaafatamummaan irratti hojjatu qabaatee Addunyaarraatti Afaanota Gurguddoo keessaa Sadarkaa 20ffaa argata ture.
  • Guddina Afaan Oromoo kan quucarse Mootummaa Naannoo Oromiyaati.
  • Afaan Oromoo Afaan hojii Mootummaa Federaalaa ta’uun dura Afaan hojii Waajjiraalee Mootummaa Naannoo Oromiyaa tahuu qaba.
  • Ani, ati, isheen, inni, isaan, isin hundi keenya AFAAN Jaalannu kanaaf maal gumaachine?
  • Yaada Furmaataa……

 

  • Afaan Oromoo osoo Abbaa itti gaafatamummaan irratti hojjatu qabaatee Addunyaarraatti Afaanota Gurguddoo keessaa Sadarkaa 20ffaa ta’a ture.

Yeroo ammaa akka ragaalee Marsaalee Toorarraa tokko tokko agarsiisanitti Sadarkaa Afaanota Addunyaa bara baraan lakkoofsa baay’ina ummata afaan sana dubbatuutiin gulantaaleen guddina Afaanota Addunyaa sadarkaa kan qabatu yommuu tahu, haaluma kanaan Marsaa toora interneetaa heddurratti ni baha, isaan keessaa akka ragaan marsariitii ‘ethnologue.com’ jedhu agarsiisutti Afaan Oromoo baay’inna dubbattootaa osoo Ummatni Oromoo Mil.45-60 qofa ta’eeyyuu Afaan keenya Addunyaa irraa Sadarkaa 20ffaa – 22ffaa qabata ture. Haaluma kanaan Afaan ‘Urdu jedhamu dubbattoota mil.58 kan qabu 20ffaa, fi Chinese[CFR] kan dubbattoota Mil.49 qabu 21ffaa qabateera.

  Hubadhaa: Yeroo ammaa Afaan Oromoo Afaanota Biyyoota Afrikaa keessatti hedduuminaan dubbbatamu keessaa 6ffaa yommuu tahu, Afaanota Afrikaa keessaa immoo 3ffaadha.   Maal goota kaa? keenya Hawaasatu fayyadama malee Abbaan Afaan kun kiyya, dhimmi afaan kanaa na ilaallata jedhee hojjatu hin jiru waan taheef Afaan gurguddoo Addunyaa wajjiin hiriiruu hin dandeenye.

 

  • Afaan Oromoo Afaan hojii Mootummaa Federaalaa ta’uun dura Afaan hojii Waajjiraalee Mootummaa Naannoo Oromiyaa tahuu qaba.

MNO Afaan Oromoo akka Afaan hojii isaatti ilaalee hin beeku, kanaaf Waggoota 27’n darban kana keessatti kunuunsi tokkollee Afaan kanaaf godhame hin jiru. Afaan kun sodaa sabni Afaan kiyyaan baradha jedheef qofa kitaaba tokko maxxansanii mana barumsaa qofatti hiruun Afaanicha hin guddisu. Afaan Oromoo kanaaf quucare, Dhimma Afaan kanaa namni Abbaa kanaa jedhu hin jiru, gara Saayinsiif Teekinoolojiitiin dhimma afaan kanaatiif MNO Saantima takka baasuu hin beeku, kun immoo Afaan Ummata Miliyoona 50 ol dubbatu qabu, isaayyuu Dhalattota Afaanii biiya Xoobiyaa kana keessaa qofa, osoo Kanneen biyya alaa jiraataniifi Sabaaf Sablammootni Afaan kana fayyadaman itti dabalamee ammoo hedduu kanarra olka’a.

Kunimmoo kan Naannoo ummanni dhalattoota Afaan kanaa qofa jirutti malee Addunyaatti akka hin babaldhanne sakaale keessaa isa ijoofi jalqabaati. Hanga hardhaallee Adeemsi sun akkasumatti jira. Dhimmaaf waajjira isaanii yoo deemtan namoota 10 keessaa 1 ykn 2tu Afaan Oromootiin nama dubbisa.

#Simpooziyeemii Afaan Oromoo Afaan hojii Mootummaa Federaalaa akka tahu BATO fi Yuunivarsiitiin Amboo qopheesse hordofee miira gaarii na keessatti uume.

Afaan Oromoo Afaan hojii Mootummaa federaala haa ta’u erga jennee akkamittii? Afaaniin qofaanimoo gochaa dabalateetuu? Qabatama amma jiruun akkamitti gaaffiin kun milkaayuu danda’a? Afaan kana Afaan hojii Mootummaa Federaalaa taasisuuf Maal hojjachuun barbaachisa, ulaagaa maalii guutuu qaba, Namni Afaan kana baruu barbaade eessaa argatee barachuu danda’a Gaaffilee jedhutu deebii argachuu qaba.

  • Ani, ati, isheen, inni, isaan, isin hundi keenya AFAAN Jaalannu kanaaf maal gumaachine?

Ani, ati, isheen, inni, isaan, isin, ofumaafuu fayyadamaa jirraa? Ittiin barreessaa jirraa?, ittiin hojjachaa jirraa? Ilmaan ittiin barsiifachaa jirraa? Aadaaf Aartii Afaan kanaatiif tumsaa jirraa? Maqaa Lafa keenyaa, Maqaa Magaalaa keenyaa Afaan Oromootiin waamnee waamsisaa jirraa? Yeroo takka mee tajaajila geejjibaafi Buufata Konkolaataa yaadadhaa: – ‘Addis Ababa neh’, – ‘tihedale’, – ‘weraj’ – ‘giba’ – ‘xegaa jedhiif’, – ‘boota ale’,fi kkf hedduutu mataa keenyatti dhufa, Kanaafuu ‘Guddina Afaan kanaatiif ati maal tumsaa jirtaree? Maal gumaachaa jirra mee? manni yaalaas, waajjiirri poolisiis, waajjirri kamiyyuu kanuma laaqaa oolu. Kun qabatamaan waajjiraalee Oromiyaa hedduu yoo dhimmaaf deemtan taajjabdaniirtu yoo ta’e nama dhimmaaf dhufe silaa Afaan Amaaraatiin duubisu, kan nama ajaa’ibummoo hojjatumti mana keessa jiru dhimma walii isaaniiyyuu Afaan Oromootiin nama dubbatu dhagahuuf dharraatu, hundi Afaan Amaaraa yaabbatee oofa.

Yeroo ammaa Biiroolee Waajjira BMNO kaasee hanga Aanaaf Gandaatti bu’u hojjattootni dhibbeentaa 65% olitti tilaamamu Afaan Amaaraatiin ofii fayyadamuu bira darbee hawaasa Afaan kana hin dhageennellee dirqamaan dubbadhu Ani Afaan Oromoo hin beeku hanga jechuutti gahaniiru, Hawaasni Afaan oromoo waan dubbatuuf tajaajila argachuu dhabee waajjiraa ari’atame qabatamaan argaa turre. Haala kanaan MNO gaaffii ummanni gaafachaa jiru deebifna jedhee Afaan federaalaa taasisuuf tattaaffiin gochaa jiru gaariidha kan nama jechisiisu ta’us Faayidaa Siyaasaa bira kan darbe faayidaa addaa natti hin muldhatu, Gaaffii Boqonnaa Afaan Oromoo afaan Hojii Federalaawaa akka tahu jedhame deebifneedhaaf yoo taate malee.

  • Yaada furmaataa

Yoo Dhugumaan Mootummaan Afaan kana ceesisuu barbaade, Tarkaanfii kanneen asii gadii kana hatattamatti fudhachuu qaba. Isaanis:

1ffaaGaree(Waajjira) Addaa kan hatattamatti dhimma Afaan Oromoo qofarratti hojjatu hundeessuu.

– Gareen kun Hayyoota Afaanii, Hayyoota Seenaa, barsiisotaafi barattoota Muummee Afaanii Barnoota Olaanaarraa fi Ogeessota Tekinoolojii kanneen ilmaan Oromoo tahan kutaan, Amantiin, gandaa, ykn Dhaaba Siyaasaatiin osoo hin daangeffamin ofkeessatti hammachuu qaba ykn ammoo Garichi dhiibbaa Siyaasaa kamirraayyuu bilisa tahuu qaba jechuu kooti.

– Garee kanaaf Mootummaan Baajata barbaachisaa ramaduu qaba. – Kana booda Garichi akkaataa dandeettiifi hayyummaatiin miseensotaaf caasaa too’annaa(Management Structure) qopheessa. Garichi Boordiidhaan hoogganamuu danda’a, kunimmoo miseensotni hojii guyyaa guyyaan hojjatan adeemsa itti too’achuuf tolu kan haala mijeessuufi hojii saffisiisu ta’a natti fakkaata Sana booda Gareen kun Karoora Gabaabaafi dheeraa(Short term and long Term Plan) baafatee:

– Jalqabarratti Afaanumti Oromooyyuu sadarkaa maalii irra akka gahe qorata. – Qoranichi Jabinaafi hanqina Afaan kanaa adda baafatee dhiyeessa

– Jabinaafi Hanqina dhiyaate irratti hundaayee gareen kun Guddina Afaan kanaatiif Afaan kana dorgomaa taasisuuf hojiilee hojjatamuu qaban walduraa duubaan tarreessa. – Miseensotni asiin olitti eeraman akkaataa barbaachisummaafi dandeettiisaaniitiin iddoo iddoo isaanii qabatanii karoora qabameen Afaan kanaaf gumaacha barbaachisu gochuu qabu.

– Kutaaleen hawaasaafi ilmaan oromoo kamuu deeggarsa isaanirraa eegamu bahuun dirqama taha. * Ani, ati, isheen, inni, isaan, isin fi hundi keenyaayyuu dhimmi Afaan kanaa nu ilaallata jennee halkanii guyyaa irratti hojjachuun dirqama akka tahe hundi keenya hubachuun dirqama taha. Kana yoo hin taane, Afaan Oromoo dubbattoota Miliyoona 60 ol qaba jennee afaanumaan dhaadachaa kan deemnu ta’ee hafa.  


HORAA BULAA DEEBANAA

Waan itti dabale ykn waan hanqise ykn dogoggora yoo qabaadhe Ijaaf arraba irraa na hambisaa


Abdisa Bencha Jara

IT Specialist and technical Consultants

CEO/Director of Qubee Tecnologies|OROMO ICT<oroict.comm>

<<Kaayyoon keenya Hawaasa keenyaaf furmaata Tekinoolojii tahuudha!>>

Cell: +251904432625 /+251911660303

Email: oromoict@gmail.com or info@oroict.com or contact@oroict.com

Web: www.oroict.com – ICT Consultancy(Dhaabbata Tekinoolojii Qubee)

: www.afan-oromoo.com – Marsariitii Barnoota Afaan Oromoo

: www.hojii.net – Employment Company

: https://fayyaa.afaan-oromoo.com – Health Advice


Waliif Hiraa<share>
  • 460
  •  
  •  
  •  
  •  
  •  
  •  
  •  
  •  
  •  
    460
    Shares
  •  
    256
    Shares
  • 256
  •  
  •  
  •  
  •  
  •  
  •  
  •   
  •  

1 COMMENT

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here