Akka seenaa Oromootti Safuu, Woyyuu fi Woyyooma

0
338

************************************************************************
Ummani kuush Gurraachi Uumamaa fi Uumaa isaatiif ulfina /kabajaa olnaa qaba.

Ayyaana Irreecha Oromoo

Ummata gurraacha kuush keessaa ammoo Ummanni oromoo safuu Uumamaa fi Uumee isaatiif Eeguudhaan kan dhalootaa dhalootatti dabarsuudhaan asiin gaheedha.

Uumamaa fi Uumee yoo jennu:-Uumamni uumama Waaqni uumeedha. uumaan ammoo Waaqa tokkicha.

Sirna Araara ABO fi ODP – Ambo

Akka dhugeeffannaa Oromootti, #Safuun seera uumaa umamaa isa jalqabaa yookin ganamaati.
Hariiroon uumaa fi uumamaa (lubbuu qabeeyyii fi lubbu dhabeeyyii) gidduu jiru #Safuu jedhama. Uumamni marti Safuu uumaan isaanii kenniteen qajeelfama.

Akka Oromoon jedhutti Safuun yoo jal’ate ykn cabe,madaalliin uumamaa ni jeeqama Balaa, gidiraa, rakkoo, cubbuu fi kkf Walaabuutti dhufa. jeequmsatu Walaabu keessatti uumama.
.
Seerri Makkoo Biliitis Safuu ilaalchisee akkana jedha
“Ilmi abbaaf haadhaa Safuudha; Saafuu waliif haa Kennan! Saalfii fi qaanii wal haa hedatan, kabaja walii haa kennan! ” jedha. Waan kana ilaalchisee ammo Seera Ulfaata, #Woyyooma (Woyyuu) jedhamutu jira.
.

Abbootii Gadaafi Haadha Siinqee

#Woyyuu, jechuun gabaabumatti, aadaa Oromoo Keessatti: Ilmi, nama abbatti ooluuf, dubartii
haadhatti ooltuuf, Ykn nama ilmatti namaa oolu, Soddaa Soddaatii wajjiin, warra roga kanaan wal-
Kabajaniin jechuu dha.

Fakkeenyaaf, Dubartiin haadhatti yookiin intalatti namaa ooltu, namni abbatti yookin ilmatti namaa oolu marti Woyyuu.

Woyyoomni ammo aadaa Oromoo Keessatti Seera ulfaataa. Namni tokko akkuma intala gosa Isaa taate wajjiin hin ciifneefi hin fuunellee san, dubartii intalatti ooltuuf (ta abbaa tawuuf) [“Sugar Daddy”] yookiin ammoo, ta haadha Isaa taatuu [“Sugar Mummy”] wajjiin hinrafus hin fuudhuus jechuu dha,  Seera aadaa ka Woyyoomaatu dhoorga.Akkas gochuun Safuu uumaa fi uumamaa cabsuu ykn jallisuu dha!!!

Kanumaaf ummanni oromoo yoo Eebbifatu/faateffatu.

Irreeffannaa

Hayye Waaqa
Waaqa Uumaa
Waaqa Uumama Maraa
Waaqa jechuun kan hundaa

Gurraacha Garaan garbaa
Tokkicha maqaan dhibbaa
Leemmoo Rooba taliilaa
Waaqa bokkuu gurraachaa
Waaqa ciicoo gurraattii
Waaqa haroo wolaabuu

Ateetee Dubartoota Oromoo

Waaqa sagaltama garbaa 
Waaqa saglan booranaa
Waaqa saddeeta marsaa gadaa
Waaqa torban baareentuu
Waaqa jahan wayyoomaa
Waaqa Gadaa shananii 
Waaqa shanan tuma odaa oromoo
Waaqa afurtamman gadoomaa
Waaqa soddomman Uumee ambaa
Waaqa lamaan orom kan Booranaa fi Baareentuu
Tokkicha hundaa olii.

Uumama maraa qajeelchitee
Samii utubaa malee dhaabdee
Lafa dhisaa malee diriirsitee
Biiftuu bahaan baaftee dhihaan buuftee halkanii fi guyyaa uumtee
Woraana malee loltee
Araara malee toltee
Yaa’ii/gumii malee waamurtee
Si waamannu nuu dhuftee.

Jechuudhaan Ummanni Oromoo Uumaa isaa akkanaan dhugeeffata. Ummanni kuni waaqa isaa akka kanaan beeka jechuu dha.

Ummanni oromoo Uumaa qofaa miti Waan Waaqni uumefis iddoo guddaa kennudhaan ni kabaja safuu uumamaa uumee eeggata waan lubbuu qabaa akkuma argetti lubbuu isaa hin baasu hattaa biqltootaayyuu akkuma arge hin muru hin ciru hin barbadeessu osoo gogaan jiru jiidhaa hin muru osoo dabaan jiru qajeelaa hin muru ni kunuunsa.

Woyyooma ni Eeggata ni kabaja ni ulfeeffata.Woyyuu/woyyooma jechuun Ummata oromoo biratti ulfina fi kabajaa guddaa kan qabuudha. Kanumaaf Oromoon waan jahan woyyuu jedha.


Jahan woyyoomaa Kan jedhaman:-

Ummata gurraacha kuush keessaa ammoo Ummanni oromoo safuu Uumamaa fi Uumee isaatiif Eeguudhaan kan dhalootaa dhalootatti dabarsuudhaan asiin gaheedha.
Uumamaa fi Uumee yoo jennu:-Uumamni uumama Waaqni uumeedha. uumaan ammoo Waaqa tokkicha.
Akka dhugeeffannaa Oromootti, #Safuun seera uumaa umamaa isa jalqabaa yookin ganamaati.
Hariiroon uumaa fi uumamaa (lubbuu qabeeyyii fi lubbu dhabeeyyii) gidduu jiru #Safuu jedhama. Uumamni marti Safuu uumaan isaanii kenniteen qajeelfama.
  1. Waaqni woyyu
    Kanumaaf Waaqni woyyuu nu wayyi jedhama
  2. Lafti woyyu
    Kanumaaf Lafti wayyuu nu wayyi jedhama
  3. Qaalluun woyyu
    Kanaaf Qaalluun wayyuu nu wayyi jedhama.
  4. Soddaa fi soddaatiin woyyu
  5. Jaalaa fi Jaaltittiin woyyu
  6. Abbaa fi Haati woyyuu nu woyyi jedhan


Woyyoomni ummata oromoo biratti waa jahan kana qofaa osoo hin taane.hedduu dha fkn meeshaa kabajaa ulfoo oromoo kan akka kallachaa bokkuu , callee caaccuu siinqee hororoo gaadii halangee kanumaaf elmituu gaadiin woyyuu hayyichaa halngeen ykn shabbeenni woyyuu jedhamama

Barreessaan: ABDIISAA BAANCAA JAARRAA.

Maddi: Kan dubbisee fi Aadaa keessatti guddadherraa


Waliif Hiraa<share>
  • 460
  •  
  •  
  •  
  •  
  •  
  •  
  •  
  •  
  •  
    460
    Shares
  •  
    102
    Shares
  • 102
  •  
  •  
  •  
  •  
  •  
  •  
  •   
  •  

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here