Eebba Cidha Lataa Qana’ii fi Yaadannoo Baayisaa
Cidha Keessan: #Eebba Oromootiin Eebbisee Gammachuu koo ibsadhe kunoo:
Leta Kenei Aga fi Yaadannoo Baayisaa
Qabattanii aaga qabadhaa
Rafaa abjuu qabaadhaa
Adeemaa milkii qabaadhaa
Miilaan lafa qabadhaa
Harkaan Waaqa qabadhaa
Coqorsa loo’aa ta’aa
Gannaafi Bona lalisaa
Odaa dagaagaa ta’aa
Gannaafi Bona garbaabaa
Aannanii fi garaa ta’aa
Dhadhaafi mataa ta’aa
Akka biiftuu aanga’aa
Cirracha Abbayyaa ta’aa
Lakkaa’anii isin hin fixin
Madda Walaabuu ta’aa
Waraabanii isin hin fixin
Jalduu Biikkoo ta’aa
Qomaa fi dugdatti baadhaa
Goomattuu, adawiifi tolfattuun isin hin danda’in
Bonaaf hoongee baraaramaa
Ganna balaqqee ofkalaa
Hamaa fi hamtuu isin irraa haa qabu
Kumaatama horaa
Kan hortaniin wajjin bulaa
Walbira oolaa-bulaa
Safuu waliif qabaadhaa
Eebbi kun eebba Oromootii,
Qabatee isin biraa hin hafin
Amiin Yaa Waaqa Uumaa!
Yoo dogoggoreef na hoofkalchaa
Obboleessa kee
Abdisa Bencha Jara
Barreessaa Marsariitii Afaan Oromo Online

Udessa sali
September 4, 2017 at 3:54 am
Ee wonti aadaa keenyyaa attamitti bareeddi!!akka kanaan yoo deemne aadaa keenna bakkatti deebi’e tole natti .
Yosan Diribsa
June 1, 2018 at 6:40 am
Baay’ee nama barsiisa nama gammachiisa…….Galatoomaa