‘Gabbaranii’ fuudhuun kabaja dubartii agarsiisaa?

Aadaan fuudhaafi heerumaa Oromoo keessatti inni fuudhu maatii ishee heerumtuuf kennaa dhiyeessuubaratamaadha. Kennaan kun bakka tokko tokkotti 'gabbara', bakka kaanitti ammoo 'gonfaa' jedhamuun beekama.

0
398
Qarreefi Maanguddoo Oromoo Arsii

Gabbaras jedhamu gonfaa, kennaan kun bifa meeshaafi qarshiitiin maatii ishee heerumtuutiif dhiyaata.

Gabbarri maali?

Gabbarrri Arsii yeroo kennamu(Suuraan keenya)

Gabbarri Oromoo Arsii biraatti bakka guddaa qaba. Dargaggeessi fuudhuu barbaadu tokko maatii intalaaf gabbara fidu malee sirnichi guutudha hin jedhamu.

Amma amma garuu namoonni aadaa duraa irra bahanii humna ol mallaqaafi baasii hin taaneef saxilamaa jiru.

Gabbarri kan dhiyaatu inni fuudhuufi isheen heerumtu (Aagaafi Aageen jechuudha) yoo waliigalaniifi adeemsi jaarsummaa xumurameen boodadha.

Oromoo Arsii biratti Gabbarri yeroo kennamu(Suuraan keenya)

Oromoo Arsii biratti gabbarri dhiyaatu maatiirrayyu darbee firoota intalaafillee gahuu qaba jedhama. Akkoofi akaakayyuu, eessummaniifi soddoonni marti hinkoo isaanii argachuun aadaadha.

Aadaan kun kabaja dubaraafi maatii isheef qaban agarsiisa jedhanii kan deggeran jiru. Gama biraan ammoo ilma harka qalleessa fuudhaaf karoora qabuuf yaaddoodha jedhanii kan mormanis hin dhiban.

Yaada kana namoonni keessa darban akkamitti ilaalu?

Bara 2013 kan fuudhan Obbo Abdiisaan, “Gatii gabbaraa qarshii 95,000fi bullukkoo 35 maatii haadha warraa kootiif kenneera,” jedha. [Abdiisaan maqaa isaanii isa sirrii miti].

Baasiin Obbo Abdiisaan gabbaraaf baase kun kan nyaataafi dhugaatii, waamichaaf, faayaa cidhaaf barbaachisan, kan uffannaafi qophiiwwan biroo barbaachisaniin aladha.

AmaamoteeImage copyrightFAYA OROMIA ART

Fuudhaaf gabbara dhiyeessuun kun miira waldorgommii hawwaasa keessatti uumaa waan deemuuf yeroo irraa gara yerootti qaala’aa deema jedhu namoonni gatii gabbaraa cimaa deemuu isaa morman.

Yeroo hedduu kan tokko godhe inni kan biraan caalaa isaa gochuun hawwaasa keessatti baramaadha.

Obbo Badhaasoonis baasii gabbaraaf baase guddaa ta’uu dubbata. [Badhaasoon maqaa isaa isa dhugaa miti].

Bara 2016 biyya Ameerikaatti akka fuudhe kan dubbatu Badhaasoon, gabbaraaf Dolaara 6,000 akka kenne ni yaadata.

“Kennan gabbaraa kun akka dargageeyyiin fuudha barbaadan tokko tokko fedhii dhaban godhaa jira. Maatiin intala heerumtuu gabbaraaf humna keenyaa ol akka kenninu nu gaafatu.”

Keessumaa ammoo gurbaan fuudhu nama biyyaa alaatii dhufe (diyaasporaa) yoo ta’e kennan gaafatamus ni jabaata, jedha dargagoon Abdurazaaq.

Sabaaba kanarrra kan ka’een namoonni gabbarri akka hafu barbaadaniis jiru.

Loon qabeenya gabbaraaf dhiyaatan keessaa tokkodhaImage copyrightDEA / C. SAPPA

Gabbarri shamarran biratti akkamiin ilaalamaa?

Dammaa Sheyifuddin namni fuudhu tokko gabbara maatiifi firoota dubara fuudhuuf kennuun aadaa bareedaa waan ta’eef itti fufuu qaba jetti.

“Kun aadaa abboonnifi haawwonni keenya asiin gahan waan ta’eef nu biratti kufuu hin qabu.”

Kun yeroo ta’u ammoo jetti Dammaan, aadaa duraniitiin osoo ta’ee gaariidha. Amma wanni aadaa balleessa jiru namoota biyya alaatii dhufanii gabbaraaf mallaqa gudda baasiniidha.

Maatiinis ammoo diyaaspora waan ta’eef qofa intala isaanii heerumsiisu hin qabani; gabbarallee akka malee eeguu hin qaban jechuun haala madaalawaa ta’een ta’uu akka qabu ibsiti Dammaan.

Akka Dammaan jettutti gabbarri dirqamaan ta’ee kan qormaatarra nama buusu ta’uu hin malu. Gaarii kan ta’u kan giidoo ilma fuudhuu ilaalcha keessa galche yoo ta’edha.

“Dirqama gabbaruu qabda kan jedhamus hafu qaba. Yoo diyaasporaan mallaqa guddaan gabbare hiyyeessi hoo maal haa ta’u?”

Wanti guddaan yaadniifi ilaalchi gabbaraa kabaja intala heerumtuufi maatiifi firootasheef akka ibsuutti waan ilaalamuuf hanga isaa caalaa yaada isaatu ergaa qaba waan ta’eef aadaa jajjabeeffamuu qabudha jetti Dammaan.

Ibsiituu Bayaann ammoo gama isheetiin: “Akka intala Arsii tokkootti aadaa itti boonudha. Gabbarri kabaja intalaa qofa osoo hin taane kan waarraa, ardaafi gosaatillee,” jetti.

Gabbararratti maaltu kennama?

Dargaggeessi fuudhuuf qophaa’e gabbaraaf haadhaafi abbaaf uffata, akkasumas obboleessa hangafaaf ammoo raadatu kennama jedhu beektuun aadaa Aaddee Zaaraa Duubee.

Gabbarri bifa qarshiitiinis maatii intalaatiif ni kennama. Kana malees, akka aadaa gabbaraa Oromoo Arsiitti eessumman dabalatee fironni intalaa akkuma akka dhiyeenya isaaniitti bullukkootu kennamaaf

Yeroo intalli manaa baatuu obboleessi hangafaa balbalarraa dhaabbatee Raada qaraxa fudhata. Dargaggeessi fuudhu kun ammoo “Raadni qaraxii siif haa hortu,” jedhee eebbisa.

Obboleessis deebi’see “intalli kee ilmaafi intala siif haa hortu”jedhe eebbisa. Ega obboleessi raada qaraxa fudhatee booda intalli sun heerumuuf qophiidha jechuudha.

Akka aadaatti gabbarri guyyaa cidhaa dura kennama. Yeroo tokko tokko ammoo sabaaba gargaaraatiin guyyaa cidhaa booda kan kennanis jiru jedhu Obbo Baayaan Waaqoo.

Sabaaboota gabbarri yeroo gara garaatti (yeroo cidhaa dura ykn booda) ta’uuf:

  • yoo dargageessi fuudhu sun yeroo sanitti humna ittin gabbaru kan hin qabne yoo ta’e
  • yoo intalli sun fedha isheetiin yookiin hayyama maatiin ala kan heerumte yoo ta’e
  • yoo dargageessi intala butiin kan fuudhe yoo ta’edha.

Yoo intalli fedha isheetiin heerumte yookiin dargaggeessi intala buute fuudheefi bultii ijaarratanii boodas ni tura malee gabbarri hin hafu akka warri aadaa beekan kun jedhanitti.

Kana jechuun gurbaan fuudhe sun jaarsa gara warra soddaatti akka dubbii fixaniif ergata. Maatiin intalaas erga dubbiin dhumatee booda kan gara sirni gabbaratti deeman. Gurbaanis warra soddaa araarfatee gabbarra jedhu.

Yeroo tokko tokko gurba yeroo fuudhanitti dhiyeessuuf humna hin qabu yoo ta’e bubbulee gabbaruu akka danda’u carraan ni jiraata. Turtiin kunis ji’oota hamma waggoota hedduutti ta’uu danda’a.

Obbo Gammadaa Waariyoo haadha warraa isaani bara 1991 kan fuudhan ta’uus garuu gabbara kan kennaan waggoota 19 turanii erga ijoollee horataanii boodadha.

Gabbarri kunis kabaja intala saniifi maatii isheetiif qabu agrsiisa kan jedhameefis kanumaaf jedhu.

 

Gabaasicha kan qindeessee Dhiyeesse BBC Afaan Oromooti

Hub: Suuraalee Heddu nutu itti dabale.


Waliif Hiraa<share>
  • 460
  •  
  •  
  •  
  •  
  •  
  •  
  •  
  •  
  •  
    460
    Shares
  •  
  •  
  •  
  •  
  •  
  •  
  •  
  •  
  •   
  •  

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here