Gorsa

GORSA
WAA SADI, WAA SADI SITTI HIN FAKKAATIN..
• Dubbachuun beekkumsa,
• Obsuun wallaalummaa
• Nama kabajuun sodaa sittin fakkaatin

WAA SADI, WAA SADI HIN SE’IN
• Nama beektu hunda fira kee,
• Kan siin lolu hunda diina kee,
• Badiirraa si dhoorkuu hammeenya hin se’in.

WAA SADI HIN HAWWIN.
• Bokokni quufaa mitii,
• Abaarsi eeybaa mitii
• Summiin qorichaa mitii hin hawwin.

NAMA SADI, WAA SADI JETTEE HIN TILMAAMIN.
• Nama koflu hunda gammadaa,
• Nama dureessa hunda arjaa,
• Nama dhabaa hunda doqna jattee hin tilmaamin.

WAA SADI WAA SADIIF JAALADHU
• Aadaan kee eenyummaa keeti,
• Afaan kee mallattoo keetii
• Sabni kee dhiiga keeti jaaladhu.

WAA SADI HUBATTU MALEE HIN SEENIN
o Dubbii keessa hin beekne,
o Bishaan gad fageenya isaan beekne,
o Imala daandii isaa hin beekne hubattu malee hin seenin.