Ijoollee Abdii: Seenaa imala ijoollee Oromoo gurguramanii Itoophiyaa haga Afriikaa Kibbaatti

Ganna hedduun dura dubartiin lammii Afriikaa Kibbaa Saandiraa Sheel, Mana Kitaabaa Koorii jedhamu keessa kaataaloogii/baafata wabii irratti jecha 'Ijoollee Oromoo' jedhu ilaalte.

0
315
Beerilee Bookoo- Lovedale'tti 1899

Odeeffannoo jiranis deemtee dubbifte. Seenaa daa’imman Oromoo gabrummaaf gurguramanii. Ijoolleen kunniin eessa turan? Garam dhaqan? Horteen isaanii jiruu?… Egaa akkasiin seenaan ijoollee kanaa himamuu kan eegale.

ALA 1888 fi 1889tti humni galaanarraa Biriteen, doonii waraanaa HMS Osprey jedhamtu gargaaramuun, bidiruuwwan sadii garboota fe’uun gara Baha Giddugaleessaatti geessuun gurguruuf turan to’annoo jala oolchuun, garboota achi keessa turan bilisa baasan.

Lakkoofsi ijoollee Oromoo bidiruuwwan kanneen keessa turanis 204 yogguu tahu, kanneen keessaa ijoolleen Oromoo 64 gara wiirtuu mishinariitti geeffaman.

Garboota kanas iddoo Sheikh Ottman jedhamu kan biyya Yamanitti argamutti geessan, achiis Afrikaa Kibbaatti. Waggoota muraasaan boodas ijoollee kanneen keessaa 17 ka tahan biyyattii deebi’aniiru.

Mishinaroonni Iskootish iddoo Sheekh Otmaan jedhamutti argaman tokkoon tokkoon ijoollee Oromoo 64 kanneen waliin gaaffiifi deebii tolchan.

Ragaan gaaffii fi deebii kanaas haga Dr. Saandraan gaafa sana argatutti, girgijjii (shelf) mana kitaabaa keessa iddoo tokkotti awwaalamee ture.

Tarii seenaan ijoollee kanaa dhokatee hafa turee? Moo ammas seenaa ijoollee kanaa baruuf waggoota 100 ol eegna turre?

Barruu kanaan qabiyyee kitaabichaa, eenyummaa barreessituu, seenaa ijoollee muraasaa fi dhimmoota biroo isin baruu qabdan, gaaffiifi deebii Dr. Sandra Shell waliin taasfinee fi ragaalee kitaabicharraa arganne qixeeffanneerra. Dhiyaadhaa.


Dr. Saandraan dhamaatii waggoota hedduun booda kitaaba matadureen isaa Children of Hope: The Odyssey of the Oromo Slaves from Ethiopia to South Africa jedhu ji’oota muraasaan dura maxxansiifte.

Hiikaa gitaa – Ijoollee Abdii: Imala dheeraa garboota Oromoo Itoophiyaa hanga Afriikaa Kibbaa

Kitaabni kun kitaabota biroo kan seenaa gabrummaa Afriikaa, keessattuu kan Baha Afriikaa seenessan kaan irraa maaltu adda isa taasisa? Ijoolleen kun erga qabamanii kaasee haga gurguramanii, bilisa ba’anitti seenaa jiru nutti hima.

Bishoo Jaarsaa: gatii boqqolloon gurguramte; barsiistuu taate

Bishoo Jaarsaa Lovedale'tti-tilmaamaan 1898ttiImage copyrightSANDRA SHELL
Goodayyaa suuraaBishoo Jaarsaa Lovedale’tti-tilmaamaan 1898tti

Dr. Saandiraa Sheel ijoollee jaalattu keessaa Bishoo Jaarsaan ishee tokko. ”Wal-caalchisuuf natti ulfaatus, cimina ishee hedduun dinqisifadha,” jetti.

Bishoon 1874 dhalatte*. Haatishee Dingatii jedhamu turan. Abbaa fi haatishee bara hamaa ‘Bara Baliyyaa’ jedhamuun beekamu keessa du’an. Erga maatiinshee du’anii booda, garba maatiisaanii nama ture bira jiraachuu eegalte.

Barichi hongee cimaan kan itti hammaate waan tureef, mandara Gobbuu jedhamtu keessa nyaata akka bitaniif namicha tokko waliin ergamte.

Erga iddoo gabaa gahanii booda namtichi gatii boqqollodhaan gurguree deebi’e. Daldaltoonni Axaarii jedhaman gabaadhaa ishee bitanii gara iddoo Warakallaa jalatti argamtu Ancaarroo jedhamtutti geessuun daldalaa biraatti gurguran.

Daldalaan kunis daldalaa biraa Adaalitti argamutti gurgure. Innis Daawwee keessa bahuun Taajuraa geesse. Taajuraan magaalaa qarqara galaanaa Jabuutiitti argamtudha.

Ijoollee kaan wajjin Taajuraatti bidiruurra kaa’anii imala erga jalqabanii booda sagalee dhukaasaa dhagahan. Achis bilisa ba’anii gara Yamanitti geeffaman. Boodarras ijoollee Oromoo kaan waliin, mishoinaroonni Iskootlaand gara Afrikaa Kibbaatti fudhatanii, iddoo jaarmiyaa Lovedale jedhamu keessa galchan.

Waggoota hedduun booda Lovedale keessa barsiistuu taate.

Achuma barataa kan ture Fredrich jedhamutti heerumte. Isaanis walitti ijoollee 4 godhataniiru.

Ilmi intala Bishoo Neville Alexander jedhamu – namoota bilisummaa Afriikaa Kibbaaf qabsaa’an keessaa maqaa guddaa kan qabu ture.

Dr. Neville Alexander- 2008ttiImage copyrightSANDRA SHELL
Goodayyaa suuraaDr. Neville Alexander- 2008tti

Pireezidantii duraanii biyyattii Nelsan Maandelaa waliin Odola Roobin irratti waggoota 10f hidhameellee ture.

Amma Neville lubbuun haa jiraatuu dhabu malee, Saandiraan isa waliin walargitee waahee akkawoosaa haasa’uu isaanitti hedduu gammaddi.

Tolasaa Wayyeessaa – barataa cimaa fi loltuu

Tolasaa Woyyeessaa Lovedale'ttiImage copyrightSANDRA SHELL
Goodayyaa suuraaTolasaa Woyyeessaa Lovedale’tti

Bara 1877tti naannoo Jimmaa iddoo Tibbee jedhamtutti dhalate. Haati isaa Hataatu jedhamu. Abbaan isaa lafa qonnaa bal’aa qabu turan. Akkasumas qotiyyoo digdamaafi hoolota 15 qabu turan.

Gaaf tokko Tolasaan naannoo qe’ee isaaniitti taphachaa ture. Namoonni sadii Tolasaatti siquun ”Fardatu nu jalaa bade. Wayi agartee?” jedhaniin. Innis fardicha akka argee fi garam akka deeme itti hime.

Wayita kana Tolasaan jarreen kana shakkeera.

Battaluma uffatasaa gogaaraa hojjetame achumatti gatuun fiigichatti kute. Garuu jarreen kana fiigichaan jalaa bahuu hin dandeenye, reebanii qaqqaban. Ukkaamsanii caakkaatti galchan.

Jarri kun gara iddoo Goda Waraabessaa jedhamutti geessuun daldaltoota garbaatti gurguran.

Achis daldaltoonni kunniin gara gabaa Billootti geessan, kunis Goda Waraabeessaa irraa deemsa torban lamaati.

Achii booda akkuma ijoollee kaanii naggaadota Axaariitti gurgurame. Boodarras erga daldaltoota hedduutti gurguramee booda, iddoo qarqara galaanaa Araayitoo jedhamtutti bidiruun ceesisan.

”Tolasaan barataa cimaa ture,” jetti Saandraan.

Tolasaan Waraana Anglo-Boer kan bara 1899- 1902tti godhamerratti, gama Biriteen hiriiruun, konkolaachisaa tahuun tajaajileera. Iddoo waraanaa turerraa gara jaarmiyaa itti guddate – Lovedale’tti waahee muuxannoo isaa xalayaa barreessaa turuu ni dubbatti Saandraan.

Waraanni, namni nama ajjeesuu, fardeen dhukaasanii ajjeesuun daran garaasaa hammeessaa akka ture barreessaa ture.

Achiin boodas Tolasaan gara biyyaatti deebi’uun hojii Afaan hiikuu hojjeta ture. Kanaanis wayita daandiin baaburaa inni jalqabaa Jibuutiirraa- hanga Finfinneetti ijaarame keessa afaan hikuun tajaajilaa tureera.

Berilee Bookoo – Intala Mootii

Beerilee Bookoo- Lovedale'tti 1899Image copyrightLOVEDALE COLLECTION
Goodayyaa suuraaBeerilee Bookoo- Lovedale’tti 1899

”Berileen intala mootii turte, bareedina ishee jechaan ibsuun na dhiba,” jetti Dr. Shell.

Berilee Bookoo 1875tti dhalatte. Haatishee Turungii jedhamti. Maqaa iddoo dhaloota ishee haa beekuudhaa baattuyyuu, biyyi koo Laga Gibeetti dhihaata jetti.

Abbaanshee abbaa qe’ee (chief) kan turan yogguu tahu, guddinni lafa qonnaa qaban naanna’anii xumuruuf guyyaa tokko fudhata.

Horii baayyees horsiisu, mana isaanii keessaaa garba tokko qabu.

Gaaf tokko warri ‘Sidaamaa’ qe’ee isaanii tasa weeraruun, maatiisaanii hunda fudhatan. Achiis mana ‘Sidaamaa’ tokkotti ji’a tokko erga tursisan booda gar Daldalaa Guduruutti geessuun gurguran. Daldalaan kunis garboota hedduu qaba ture.

Namtichi kunis Taajuraatti, daldaltoota Adaalitti gurgureen. Achiis ijoollee durbaa 22 fi dhiiraa 28 waliin bidiruun galaanarra imala eegalan.

Imalli isaanii xumuramee qarqara galaanaa wayita gahuuf jedhan, bidiruun Ingilaand dhukaasa itti bane. Akkuma taate bidiruusaanii gara lafatti olbaasanii keessaa baqachuun daggalatti guyyoota lamaaf dhokatan.

Bosona baqatan keessaa qabamanii gara magaalaa Hodeidah jedhamtutti fiduun gurguran. Namni Berilee bite Abba Grant jedhama. Innis doolaara 175’n bitee bilisa baase. Gara giddugala mishinarii iddoo ijoolleen kaan jiranitti geesse.

Ijoollee garbummaa bilisa bahanii waliin jiraachaa turan- Liiban Bultumitti heerumte. Abbaa manaashee fi ijoollee isaanii lama wajjin biyyatti deebi’an.

Liiban erga biyyattii deebi’ee booda galmee jechootaa Afaan Oromoo -Afaan Ingiliizii irratti hirmaachuun dhugoomseera.


Barreessituun kitaaba kanaa Sandra Shell eenyu?

Biyyattii kibba Afriikaa Zimbaabweetti kan dhalatte Saandraa Sheel (PhD), hojiishee kan eegalte qorattuu mana kitaabaa keessaa tahuuni.

Yeroo ammaa jireenyashee Afriikaa Kibbaa, magaalaa Keeppi Taawonitti kan godhatte hayyuun kun, kitaabota hedduullee barreessuun maxxansiteetti.

Yeroo ammaa Yunivarsiitii Rhodes keessa Senior Research Associate (Cory Library) tahuun tajaajilaa jirti.

Dr. Sandra ShellImage copyrightSANDRA SHELL
Goodayyaa suuraaDr. Sandra Rowoldt Shell

Akkuma lammiilee Afriikaa Kibbaa hedduu waa’ee Itoophiyaa fi keessattuu waa’ee uummata Oromoo waan hedduu waanin beeku hinturre kan jettu Saandiraan, erga Mana kitaabaa Koorii keessatti waa’ee seenaa ijoollee kanaa dubbiste garuu, waa’ee saba kanaa baruuf fedhii hedduu horatte.

Waa’ee eenyummaa ijoollee kanaa wantin beeku hinturre kan jettu Saandraan, waa’eesaanii waahila koo gaafadhe jetti.

Innis gabaabumatti seenaasaanii isheetti hime. Ergasiis waggoota hedduuf xiyyeeffannoo qorannoo ishee dhimmumma seenaa gabrummaa ijoollee Oromoo kanaa gooteetti.

Manni kitaabaa Koorii kunis galmee ijoollee kanaa kan keessa kuufamee jirudha.

Gara xumura 2018ttis kitaaba Children of Hope maxxansisteetti. Fudhatama gaarii akka argattes dubbatti.

Kun garuu yeroo hunda miti kan jettu Saandiraan, erga 2011 seenaan ijoollee kanaa miidiyaa gubbaatti bahee, hanguma namoonni daran ishee jajjabeessaan jiranii, muraasni ammoo yaada ‘fokkisaa’ tahes keennaniif turan. Garuu ”isaan kanaaf jedhee imala koo gara fuuladuraa hindhaabu. Inuman itti fufa,” jetti.

Saandraan seenaa ijoollee kanaa himuu keessatti hayyoota Oromoo fi hawaasa Oromoo biyyoota garagaraa jiran waliin yeroo yeroon walitti dhufeenya gaarii qabdi.

Akka fakkeenyaafis Piroofesar Makuriyaa Bulchaa fi Pirof. Mohaammad Hasan waliin hojjetteetti. Hojii isaanis irra deddeebiin waabeffatteetti.

Horteen ijoollee kanaa eessa jiru?

Dr. Saandraan hortee ijoollee gabroota Oromoo kanneenii qunnamuuf carraa argatetti. Kunis hedduu akka ishee gammachiisu dubbatti.

2013tti hortee Tolasaa Wayyeessaa kas tahe Biruuk Tarrafaa jedhamu waliin Ameerikaa, Baaltimooritti walarguu isaanii yaadatti. Guyyaa sana gammachuurraa kan ka’e bo’aan ture jetti.

Horteen Tolasaa biroon Durii Birhaanuu jedhamtu 2016tti Afriikaa Kibbaa, Keeppi Taawon dhuftee torban sadii waliin dabarsineerra jetti.

Hanga ammaatti kanneen lamaan qamaan haa argattu malee, maxxanfamuu kitaaba kanaan booda kanneen biroos argachuuf abdii qabdi.

‘Callisa garmalee’

”Waa’ee uummata Oromoo namootatti wayita haasa’u namoonni hedduun eenyu akka ta’an quba hinqaban. Seenaan Oromoo hawaasa addunyaa biratti himamuurratti ‘Callisni dimshaashaa garmalee’ tureera,” jetti Saandraan.

Kanaaf seenaa ijoollee kanaa qorattee gara waltajjiitti fiduun, uummanni idil-addunyaa waa’ee uummata Oromoo akka beeku gochuu ture fedhiin ishee.

‘Alergii isa olaanaa’

Barreessaan seenaa Jon R. Edwards waan jedhu, ”xumura jaarraa 19ffaatti Itoophiyaan waanta biyya alaatti ergitu keessaa garboonni isa guddaa turan”.

Ergamtoonni Minilik 2ffaa garba bulchiinsa Shawaa (Shoa Kingdom) isaa keessa darbu tokkoon tokkoon isaanii irraa qaraxa guuraa turan. Kana malees garbi mootummaa isaa jalatti gurguraman tokkoon tokkoof qaraxni biraa ni guurama ture.

Maallaqa kanarraa guuramuus warra Faransaay irraa qawwee itti bitataa turan jetti. Kanumaanis ALA 1889 tti barcuma mootummaa qabatan.

‘Bara Beeliyyaa’

Ijoollee kanneen keessaa harki 30 abbaafi haadha hin qaban ture. Kanaafis sababni inni guddaan beela hamaa seenaa Itoophiyaa keessatti isa hamaa tahe ‘Bara Beeliyyaa’ jedhamu kan bara 1887’rraa eegalee biyyattii darare akka tahe dubbatti Saandraan.

Bara hamaa kanaanis roobni bara 1887tti caame, bara 1992tti irra deebiin roobe. Waggoota shan guutuuf hongee guddaan lubbuu hedduu balleesse.

Ijoollee kana keessaa tokko kan turte Bishoo Jaarsaa waan yaadattu, abbaa fi haatishee dhibee bara sana hongee waliin dhufe sanaan lubbuu dhabuu dubbatti.

Kana malees hongee kanaan walqabatee dhukkuba horii babal’ateen, horiin harki 95 tahu biyyattiirraa dhabamuu ragaaleen ni mullisu.

Seenaa waloo ‘Prosopography’

Sandiraan kitaaba kana keessatti seenaa ijoollee kanaa akka gareetti himuu barbaadde?

Abbaan manaa ishee qorataa seenaa garbaa kan turan yommuu tahu, qorannoon isaas yeroo hedduu mala baayyina lakkoofsaa (quantitative historian) irratti kan xiyyeeffatedha.

Abbaan manaashees seenaa ijoollee kanaa wayita ilaalu, ijoolleen kunniin hundi af-gaaffii walfakkaataa gaafataman.

Ijoollee 64’n kanniin namoota shantu gaaffiidfi deebii waliin tolche. Kanneen keessaa sadi namoota Afaan Oromoo akka dansaatti hasawuu kan beekanidha.

Namoota kanneen keessaa namni Gabruu Dastaa jedhaman, jireenya ijoollee kanneen keessa shoora guddaa qabu ture.

Abba Gabruun boodarra kantiibaa Magaalaa Harar ta’aniiru.

Seenaa ijoollee kanaa ija ogeessa seenaan wayita ilaalan, seenaan ijoollee 64’n hunduu haga tahe walfakkaata.

Kanaaf seenaa ijoollee kanniin tokko tokkoon himuu mannaa, akkuma waligalaatti waahee seenaa gabrummaa ijoollee Oromoo kanneenii fi garboota kan Gaanfa Afrikaas himuu qabna jenne.

Akka gareetti muuxannoo qaban, seenaa qooddtan, akkaataa keessa dabran fi kanneen biroo ilaaluun barbaachisaadha.

Dokumantiin argame kunis kan adda isa taasisu, amma dura seenaa gabrummaa keessatti seenaan ijoollee lakkoofsaan hagana gahan iddoo tokkotti argamuu isaati.

Kunis gaaffilee kanneen akka: garaagarummaa ijoolleen durbaa fi dhiiraa gidduu jiru

Akka gareetti ilaalu isaaniitiin argannoowwan argatan keessaas fakkeenyaan ennaa kaastu Dr. Sandra Shell, ”Ijoolleen durbaa afur ijoollee moototaa turan. Yookaan ammoo abbootiin isaanii bulchitoota naannichaa turan,”

”Kunis [bara sana] yoo maatii soreeyyii tahanirraas dhuftu, yookaan maatiin kee qabeenyaa hinqaban taanaan, carraan gabrummaaf saaxilamuuf qabdu walqixa,” Kunis baayyee akka ishee ajaa’ibsiise dubbatti Saandiraan.

Karoora fuuladuraa

Kitaabni kun dubbistoota Itoophiyaa bira akka gahuuf hojjechaa akka jirtuufi dhiyenyattis gara itoophiyaa imaluun waahee kitaabichaa akka dubbattu beeksifteetti.

Kana malees kitaabichi Afaan Oromoo fi afaanota biraatti akka hiikamuufillee nan hojjedha jetteetti. Mirga kitaaba kanaa kan qabu Ohio University Press akka taheefi isaantu waan kanarratti murteessa jetteetti.

Namoota hedduurraayis seenaan kitaaba kanaa haala fiilmiin yoo hojjetame haalaan bareeda akka tahes yaadni akka dhiyaatuf ni dubbatti.

Kana malees yeroo ammaa barreeffamoota seenaa ijoollee dhuunfaa gaggabaaboo torba barreessitee xumuraa akka jirtus natti himteetti.

”Hojiin koo kanaan dhagaa bu’uuraa akkan kaa’etti natti dhagahama. Seenaan Oromoo ka biroo hedduu akka jiran hojiilee koorraa baruu danda’eera,” jechuun seenaawwan hin himamne biroon akka jiran dubbatti.

Tarree maqaa ijoollee Oromoo

Ijoollee dhiiraa   Ijoollee dubraa
Aguchello Chabani Isho Karabe Agude Bulcha
Amanu Bulcha Katshi Wolamo Asho Sayo
Amanu Figgo Kintiso Bulcha Ayantu Said
Amayew Tiksa Komo Gonda Berille Boko
Badasa Nonno Liban Bultum Berille Nehor
Badassa Wulli Milko Guyo Bisho Jarsa
Baki Malakka Mulatta Billi Damuli Diso
Balcha Billo Nagaro Chali Damuli Dunge
Bayan Liliso Nuro Chabse Dinkitu Boensa
Daba Tobo Rufo Gangila Fayissi Gemo
Faraja Lalego Sego Oria Galani Warabu
Faraja Jimma Shamo Ayanso Galgalli Shangalla
Fayissa Hora Tola Abaye Halko Danko
Fayissa Murki Tola Lual Hawe Sukute
Fayissa Umbe Tola Urgessa Jifari Roba
Gaite Goshe Tolassa Wayessa Kanatu Danke
Galgal Dikko Wakinne Nagesso Meshinge Salban
Gamaches Garba Wayessa Gudru Soye Sanyacha
Gilo Kashe Wayessa Tikse Turungo Gudda
Gutama Tarafo Wayessa Tonki Turungo Tinno
Guyo Tiki   Wakinni Ugga
Hora Bulcha   Warkitu Galatu

Barreessituu kitaaba kanaa kan taate Dr. Sandra Rowoldt Shell yeroo nuu kenniteef hedduu galatoomfanna.

*Baroonni hundinuu Akka Lakkoofsa Awurooppaatti taa’an.

*Baroonni seenaa ijoollee keessatti eeraman, tilmaamaan taa’an.

 

Gabaasin kan BBC Afaan Oromooti.


Waliif Hiraa<share>
  • 460
  •  
  •  
  •  
  •  
  •  
  •  
  •  
  •  
  •  
    460
    Shares
  •  
  •  
  •  
  •  
  •  
  •  
  •  
  •  
  •   
  •  

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here