Nyaata Aadaa

Nyaata Aadaa Oromoo


Ummanni Oromoo nyaata aadaa baayyee qaba. Ummanni Oromoo baayyee fi lafa ballaarra kan jiraatu waan ta’eef naannoo adda addaatti nyaata adda addaatu jira. Kan bukkeetti nyaanni Oromiyaa maratti beekkamus baayyetu jira.

Nyaata aadaa Oromoo ballifnee bakka lamatti qooduu dandeenya: nyaata yeroo hunda nyaatamu, fi nyaata akk addaatti nyaatamu. Nyaata yeroo hunda nyaataman kan jedhaman nyaata ummanni Oromoo gannas ta’ee bona, birraas ta’ee arfaasa nyaatu, kan yeroo baayyee mana keessatti qophaawu jechuu dha. Fakkenyaaf, buddenaa baadudhaan/ittoodhan nyaachuu, akaawwii, buddena/maxinoo aannaniin/itittuun nyaachuu fi kkf. Nyaanni akka addaatti nyaatamu nyaata yeroo baayyee hin qophhofne fi kan akka addaatti yeroo muraasa qofa qophaawu. Akka fakkeenyaatti, ancooteen nyaata ayyaanarratti nyaatama. Nyaanni akka cuukoo, qorii, gorsoddoma, fi kkf ammo yeroo fira dubbisuuf deeman kan firaaf/nama jaalataniif fuudhanii dhaqani dha. Nyaanni akkasii kun mana keessatti maatin akka nyaatuuf baayyee hin qophaawu.

Nyaannii aadaa Oromoo baayyeensaa dhadhaa of keessaa qaba. Kun immoo Oromoon loon waan sirriitti qabuuf, dhadhaadhaan nyaata isaa miyeessee nyaata.

Nyaata aadaa Oromoo beekkamaan keessaa:

  • Waadii – foon muramee ibiddarratti waaddame
  • Ancootee – nyaata baayyinaan Oromiyaa Dhihaa naannoo Wallaggaatti beekkamu
  • Baaduu – aannan raasanii dhadhaan erga irraa bahee booda baadun nyaataaf oola.
  • Marqaa – ummata Oromoo biratti marqaan baayyee jalatamaa dha.
  • Caccabsaa – maxinoo kukkutanii dhadhaa baqsanii itti naquun qophaa’a
  • Qoocco – Qooccoon baayyinaan Oromiyaa Dhihaa, Kibba bahaa fi Kibbatti hedduuminaan  beekkamaa dha. Kun qoccoo kan ummata Guraagee biratti baayyinaan beekkamu sana miti.
  • Ittoo – Ittoon waan adda addaarraa qophaa’a: muduraa, foon, midhaan ittoof ta’u kan akka baaqelaa, daangulee, gaayyoo irraa qophaa’a
  • Buddeen (Buddeena) – buddeenni nyaata ummanni Oromoo yeroo baayyee nyaatu yoo ta’u ittoo ykn baadudhaan nyaatama.
  • Chuuco – a sweet flavor of whole grain also known as besso; flavored with butter and spices
  • Cororsaa – Cororsaan baayyinaan Oromiyaa Dhihaa naannoo Wallagga keessatti nyaata jaalatamaa dha.
  • Qorii – baayyinaan akaawwii garbuurraa qophaa’a
  • Cuukkoo – Cuukkoon garbuu fi dhadhaarraa qopha’aa. Cuukkoon nyaata baayyee jaalatamaa dha.
  • Gorsoddoma – kun naannoo Shawaa Dhihaatti (Gindabarat) nyaata beekkamu yoo ta’u qamadii irraa qophaa’a

 

 

images (9)           Cuumboo Nyaata Aadaa Wallaggaa

MARQAA                                                                           CUUMBOO


maddi: https://om.wikipedia.org/wiki/Nyaata_aadaa_Oromoo