Obbo Ibsaa Guutamaa: Yeroo cehumsaa Afaan Oromootiin akka baratamuuf quuqamaan hojjenne

Yeroo mootummaa cehumsaatti Ministira Barnootaa ta'uudhaan kan tajaajilan Obbo Ibsaa Guutamaa turtii BBC'n wajjiin

0
195

Yeroo mootummaa cehumsaatti Ministira Barnootaa ta’uudhaan kan tajaajilan Obbo Ibsaa Guutamaa turtii BBC’n akkaataa Jalqabbii barnoota Afaan Oromoofi dhimmoota hedduu biroorratti taasise kunooti.

BBC: Dhaloota Fidalaafi Dhaloota Qubee yeroo jettan dhaga’amtu. Maal jechuudha?

Obbo Ibsaa: Hawaasni Oromoo gulantaalee sirna Gadaatiin bakka garagaraatti qoodama. Waggaa saddeet saddeetin qoqqoodama. Gulantaa walfakkaataa wagga saddeetii keessa kan jiru Hiriyaa jedhama.

Hiriyaan yeroo olsiqaa deemu inni gara oliimmoo bakka gadhiisaafii deemuu qaba. Akkasitti deemeetu hanga Lubaatti gaha.

 

Yeroo kana Lubni bakka gadhiiseefii bahaa deema jechuudha. Yoo akkanatti waljalaa siqaa deeme malee inni gara gadii jiru ukkaamamee, walnyaatee akka volkaanoo gaaf tokko yoo dhoohe hundumtuu ni bada.

Kanaafuu nuti warri Dhaloota Fidalaan baranne Dhaloota Qubeetiif bakka gadhiisaa deemuu qabna. Nuuf yeroon kuni yeroo itti gorsa kenninu yookin aara galfannudha.

Kanaafuu warri lafaa dhufu bakka qabachuu qabuun jedha. Amma aadaa keenyaan deemaa hin jirru. Akka alagaan nuuf kaa’etti ijaaramnee deemaa jirra. Kanaaf bakka waliigadhisuun kuni kan hin baratamneef. Haalli kuni geeddaramee bakka walii gadhiisuun dirqama taha.

BBC: Waa’ee ministeera barnootaa hoggantanii maal yaadattu?

Obbo Ibsaa: Ministeera barnootaa ta’uun wagga tokkoofin tajaajile. Turtii waggaa tokkoo kanatti bara itti aanutti manneen barnootaa naannoo Oromiyaa keessa jiran hundi barnoota Afaan Oromootiin akka barsiisan kitaabota qopheessaa turre.

Ji’oota afur hin caalle keessatti qopheesinee xumurre. Pirojektii kanaaf beektonni Oromoo hundi birmataniiru. Keessumaa barsiisonni hojii kooti jedhanii halkaniifi guyyaa hojjetaniiti saffisaan kan qophaa’e.

Utuu mootummaan hin jigiinis hojii kana galmaan geenye. Kitaabolee qopheessuu, maxxansuu, rabsuun manneen barnoota kennuun jalqabame.

Afaan Oromootiin barsiisuun osoo yeroo sana quuqamaan hin jalqabamne tahee sadarkaa kanarra hin gahu ture. Yeroo cehumsaa sanatti qaamni hundi xiyyeefannaansaa siyaasa kan biraa waan tureef nuti yeroo hojii kana saffisaan hojjennee xumurru haala mijataa arganne.

Osoo yeroo sana qalbiin namaa siyaasa dhiisee gara kenya ilaalee danqaa guddaatu uumama ture. Afaan Oromootiin barnoonni akka jalqabuuf yerootu kenne. Yeroo sanatti osoo hin fayyadamnee rakkisaa taha ture.

BBC: Aangoo ministeera Barnootaa akkamitti gadhiistan?

Obbo Ibsaa: Yeroo ABO’n mootummaa cehumsaa keessaa bahe ani walgahii UNESCO tokko irratti hirmaachuufin biyya alaan ture.

Osoon achi jiruuyi kan ‘mootummaa cehumsaa keessaa baaneerra, ofii keetii murteessi waan gootu, deebi’uufi achitti hafuu’ kan jedhu naaf dhaaman.

Akka yeros natti himanitti Mallas Zeenaawwiin Obbo Diimaafi Obbo Leencoo waameetu ‘ani eegumsa isiniif gochuu hin danda’u, biyyaa bahaa’ jedheen.

Yeroosuma viizaa biyya adda addaa xumurameefii ABO biyyaa baasan.

Anis ergan kana dhagaheen booda lamuu hidhamuu waan hin barbaanneef achuma biyya alaattin hafe. Hanga ammaa kunoo wagga 26 oliif biyyuma alaatin ture.

Kanaafuu, nuti warri Dhaloota Fidalaan baranne Dhaloota Qubeetiif bakka gadhiisaa deemuu qabna.Obbo Ibsaa Guutamaa, Hayyuufi qabsaa’aa

BBC: Walaloo ‘Itoophiyaawii maannew’ maalirraa kaatanii barreessitan?

Obbo Ibsaa: Yeroo Hayilasillaasee nuti Ijoollee turre. Warraaqsa dargaggoota addunyaa keessa jirra. Yeroo ilaallu naannoo keenyatti cunqursaatu baayyata, sabni tokko saba kan biraarratti tuulamee, inni kaan tuffatamee jira.

Kanaafin ‘Itoophiyaa, Itoophiyaawii…’ jechaatii deemuun garuu sabni kaan kan akka Oromoo, Aanyuwaak fi kan biroo dhuguma Itoophiyaadhaayii? Kan jedhu gaaffii kaasuufin barreesse. Gaaffii kanaafis deebiin argamuutu irra jira kan jedhudha kaayyoonsaa.

BBC: Gaaffii walaloo sanaatif amma deebiin argameeraa?

Obbo Ibsa: Ani ofii kootiif yeroo sanayyuu deebii isaa nan beeka. Itoophiyaawiin eenyu akka ta’e yerosuu deebii argadheera. Garuu hamma yoonaatti namni gaaffii sanaaf deebii kenne hin jiru.

BBC: Haala yeroo Oromiyaa maal jettu?

Obbo Ibsaa: Wanti amma mul’atu nama gaddisiisa. Nuti kan dhufne nagaadhaan qabsaa’uuf.

Mootummaan olaantummaa seeraa kabachiisna, cehumsa kanaan gara dimokiraasitti baana jedheeti. Kuni waan guddaa biyya kana keessatti jedhamee hin beeknedha.

Dhuguma olaantummaa seeraatu kabajama taanaanimmoo akka barbaannetti uummata gurmeessinee, mirgaafi dirqamasaa barsiifnee sodaafi doorsisa malee hojjechuu dandeenya jechuudha.

Amma yeroo nuti gara Oromiyaa dhufnummoo rakkinatu jira. Maaliif akka rakkoon kuni uumame, eenyuufi eenyu gidduutti akka ta’eyyuu waanuma odeefamurraa kan hafe hin beeku.

Dhugaan jiru garuu uummati keenya kallattii garagaraa jiru buqqa’aa, du’aa fi rakkoof saaxilamaa jiraachuudha.Nageenyi bu’uu qaba. Nageenyi cehumsa kana milkeessuuf durfannoo jalqabaa waan ta’eef.

BBC: ABO isiniif maali?

Obbo Ibsaa: Ani ABO dha. Jireenyikoos, hamma dhumaattis ABO dha. ABO’n meeqas haa tahu, abbaan barbaades ciratee haa fudhatu, ABO’n tokkichuma mataakoo keessa kan jiru.

Isa lafa jiru miti. Inni lafa jiru baayyeedha. Kunis sunis kankooti jedhee kan maqaa itti mogaafate baayyeedha.

Garuu, ABO’n salphaa miti Oromoodhaaf. Ijoollee baayyee itti wareege, waggoota shantamman darban wareega guddaatu bahe. Beektota keenya meeqa dhabne, jaallan koo warran beeku meeqatu dhume? Ana malee kan hafe jirayyuu natti hin fakkaatu.

Kana kana yeroo ilaaltu ABO ebeluu, jettee waan asiifii achi qabdu miti. ABO’n Ayyaana Oromoo keessaa tokko jedheen fudhadha ani. Namni sababa ABO tiin hin tuqamne tokkollee hin jiru, qe’een maqaa ABO tiif hin miidhamne tokkollee hin jiru.

BBC: Afaan Oromoo Afaan hojii Federaalaa akka ta’uuf haaldureen barbaachisu maali?

Obbo Ibsaa: Oromoon saba guddadha. Mootummaan kuni kan magaala guddoosaa qabu Oromiyaa keessaayi kanaaf Oromoon bu’aasaa argachuu qaba.

Magaalasaa keessa ta’ee afaan isaatiin hin dubbatamu taanaan rakkisaadha. Afaan Oromoo afaan Federaalaa ta’uu dhabuusaatiin ijoolleen Oromoo hojii Federaalaa hin argattu.

Waan baayyee keessatti warra kaan waliin walqixxee hin hirmaatan jechuudha.

Madaallii kamiinuu yoo ilaalames afaan kamiiniyyuu gadi miti Afaan Oromoo. Maaliif biyyasaa keessatti afaan Federaalaa hin taane kan jedhu sammuu Oromoota hundaa keessa jira.

Kanaafuu afaan Federaalaa ta’uu qabaadha malee halduree waan jedhamu homaa hin barbaachisu.

BBC: Konfiransii irratti hirmaachuuf gara biyyaa deebitanii maalif hidhamtan?

Obbo Ibsaa: Yeroo sana dhaabbonni biyya keessa jiraniifi ABO’n Paarisitti walgahiitu ture. Walgahii kanarratti murtee tokkorra geenyee turre. Murteen kunis konfiransii guddaa biyyatti gallee qopheessina kan jedhudha.

Dhaabbileen hunduu, Wayyaanee dabalatee kanumarratti waliigallee gara biyyaatti deebine.

Dhaaba ABO dura bu’ee kan dhufe ana ture. Biyya dhufee gara mana kiyyaan deeme. Mana kiyyatti loltoonni hedduun dhufanii na fuudhanii deemuun mana hidhaa nagalchan.

Torbee sadiif erga na hidhanii booda na gadhiisan. Walgahii sana dhaabni keenya hin fudhannu waan jedheefin hidhaadhaa baanan bakka hayyu duroonni keenya jiran Landan deeme.

BBC: Obbo Leencoo Lataa akkamitti isin hiiksisuuf dhufan ture?

Obbo Ibsaa: Obbo Leencoon yeros waan isa tuqe hin beeku. Ani yakkaanin hidhame. Biyyattiitti waayi balleeseera jedhameetin hidhame.

Yakkarrattimmoo nama bakka hin buutu, yoon ani yakka hojjedhe anumatu itti gaafatama jechuudha. Isaan dhufuu isaanii karaarra yeroo gahan dhageenye. Jaala keenya tokkotu akka dhufaa jiru natti hime.

Akkamittiin akkas taha jedheen ofgaafadhe? Obbo Leencoonis kana wallaalanii miti waatu tuqe jedheetuman yaade ani. Obbo Leencoonuu yeros waatu na tuqe jechaa ture.

 

Jarri namaaf hin hiltu, xayyaararraa buustee nama keenya guddaa kana fiddee mana hidhaa buuste. Jarri nama xinnaafi guddaa kan jedhu hin beektu.

Dhufnaan buufata xiyyaaraatii fidanii mana hidhaa na biratti dabalame jechuudha.

BBC: Dhufaatiin isaanii maal fayyade?

Obbo Ibsaa: Homaa waan fayyade hin qabu ni balleesse malee. Waan baayyeetu bade dhufaatii isaaniitiin.

Yeroo sana ani hidhamuukootti nama baay’eetu ka’ee ture. Mana murtii yeroon jalqaba dhaqe, guutuunsaa nama keenya duwwaadha ture.

Kanaaf yeroo itti warraaqsa guddaa itti uumuun dandahamu ture. Obbo Leencoon dhufnaan dubbiin dhume. Hoggannii kee dhufee harka kennatee jennaan maaltu haferee? Homtuu hin hafne.

BBC: Miidiyaa hawaasummaa ni fayyadamtuu?

Obbo Ibsaa: Duraan ‘website’ tokkon qaba isarrattin waan sammuu koo keessa jiru yaada garagaraa barreessaan ture. Ammammoo erga ‘facebook’ dhufee achirraa odeefannoo nan argadha, ofiikoofis yaada mataa kiyyaa yeroo tokko tokko nan barreessa.

BBC: Umrii keessan kana booda jiruun maal hojjechuuf yaaddan?

Obbo Ibsaa: Hanga ammaa kitaabota hanga afurii barresseera. Ammaan boodas dhimmoota yeroon mana hidhaa turee kan afaan Ingiliffaan barreesse gara Afaan Oromootti hiikaan jira. Mata dureewwan adda addaa irratti barreessufis yaadan qaba. kanuma kana jechaan itti fufa.

Madda: Gaaffiifi Deebii BBCn Jaal Ibsaa Guutamaa waliin godherraa


Waliif Hiraa<share>
  • 460
  •  
  •  
  •  
  •  
  •  
  •  
  •  
  •  
  •  
    460
    Shares
  •  
    36
    Shares
  • 36
  •  
  •  
  •  
  •  
  •  
  •  
  •   
  •  

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here