Oromoo Ormaa: ”Yeroon Oromoon itti tokkoomu gaheera”

Ummanni Oromoo ummata guddaa biyya Itoophiyaatiin alalleen, biyyoota garaa garaa keessatti hedduminaan ni jiraata.

0
95
Haajii Kullisa Boonaa - jaarsa biyyaa hawaasa Oromoo Ormaa


Dhiheenya BBC Afaan Oromoon, Oromoota Keeniyaa bulchiinsa Taanaa Riivar yookiin ‘Taanaa Rivar Kaawuntii’ jedhamu keessa jiraatan waliin turtii taasiseera.

Gaaffiilee ummanni Oromoo kunneenis attamiin gara kana dhufan? Bara meeqa asi jiraatanii fi eessa irraa ka’an? Jedhaniif deebii argachuuf, jaarsaa fi bakka bu’aa Oromoo Ormaa kan ta’an Haajii Kullisa Boonaa dubbifneera.

Godaansi ummata Oromoo kun Itoophiyaarraa bakka amma jiraatuutti taasisee ganna hedduu dura akka ta’e, Hajii Kullisa Boonaa ni dubbatu.

Akkaataa itti lafa jireenyaa isaanii kan duraa Meegga irraa ka’un as gahanis yoo ibsan: ”Nuti Itoophiyaadha kan goddanne ganna 523tiin dura. Tulaa Saglan ykn Meegga irraa kaanee Moyaal dhufnee, gara ammaa jiraannu kanatti dabarre.”

Akka maddeen dubbifne BBC’tti himanitti, warri Tulaa Saglan Booranaa qoteellee warra kana ta’ulleen himu.

 

Akka aadaatti hayyuun duri biyyaa bahe hin fagaattu, bakka murtaa’ees malee. Haa ta’u malee, gosi tun godaanu feena jette yaada dhiheeffate hayyuun dhowwan. Abbaan Gadaa gaafasi Abbayyii Baabboo Orroo jedhu, jechuun akkamiin godaansaaf akka eegalan himu jaarsi biyyaa kun.

Achii warri Boranaa hayyuu tokko (Jiifa) kan maqaansaa ‘Kottee Gooloo Waataa’ jedhamu obboolleeyyan keessan dhaqqabiitii deebiisi jechuun Oromoota godaanaa turan (Wardaa) itti ergan jechuun himu Hajii Kullisa.Namni akka warri Wardaa hin godaannee amansiisuuf dhaqees, guyyoota torbaaf isaan waliin turanilleen lakkii hindeebinu, nuti isiin irraa Orminee nuti Orma jechuun maqaa ofiitti moggaasanii diduun goodaanan jedhaniiru.

Akka Hajii Kullisa irra hubanneetti, maqaan Orma jedhuu kunis erga Oromoon Wardaa biyyaa bahanii booda kan baheefiidha. ‘Ergasii maqaa isaanii duraa Wardaa irraa gara Ormaatti geedaramu. Wardaa Oromoodha’ jedhu jaarsooliin hawaasa kanaa.

Daandii Ormaan qaxxaamuruun lafa amma jiraatu ittiin gahe

Bakki Wardaa jalqaba irraa ka’ees Itoophiyaa lafa Melbanaa jedhamu fi Godina Booranaa ammaa keessa iddoo osoo Meeggaa hingahiin argamu ta’u Hajii Kullisaan himu.

Isaan boodas hayyuun akkana jechuun raage jedhu Haaajii Kullisa, ”Nuti waliin dhalannee obbooleeyyan. Dandeettanii nurraa hin ormitan. Mee gargar teenyee wal ijibbaanna. Kanaafuu deemaa halaala teenyee wali yaa ilaallu. Godaantanis yoo ganni 512 geessuu, ijoolleen lama ni dhufu. Isaanis gurbaa Wardaa diimaa fi gurbaa Boranaa gurraachattu wal nubarsiisa,” jechuun raajan.

”Oromoon Wardaas akkanaan godaantee gara lamaatti gargar baatee. Inni duraa kan garee Anna Akkar dura deemu yoo ta’u, kan lammeessoo ammoo kan Anna Bakkeetiin ogganaman turan. Isaan lamaanuu warra Wardaati. Lafti awwaalcha namoota Oromoo gadaansisan lamaanu Anna Akkarrii fi Anna Bakkee amma har’aatti illeen jiraachuu isaa himu. ”

Mana jireenyaa Ormaa keessaa

Haa ta’u malee, gosa Oromoo Wardaa godaanee kana keessaa gosti Karrayyuu jedhamu Booranatti hafuun hanga har’aattis achuma akka jiran himama. Tulaan Saglan Booranaas keenyaa” jechuun maqaa saglaniituu tarreessuu Haajii Kullisa.

”Gareen Anna Akkar dura deemu gara galaana saalaluu (Gara biyya Sudaanitti) qajeelan. Haa ta’u malee, gaafasi bokkaan cimaa waan tureef, lolaafu bahuu dadhaban. Kanaafu deebi’uun karaa Elwaaqi kan amma ‘kaawunti Maandeeraatti’ argamtu qaxxaamuruun Booranaa ummata jalqabaa keessa achi jiraatuutti baate. Achi keessa darbuunis Boorana Waajjir qubatuutti godaanan,” jechuun haala godaansaa Ormaa dubbatu jaarsi biyyaa kun.

Dhiibbaa adda faffaca’un fide

Akka Haajii Kullisaatti, ”Gareen inni lammeessoo kan Anna Bakkeetiin ogganamuu ammoo, karaa Dhaaddacha Warra Abbi bahuun galaana Saalalu qaxxaamuranii lafa Waam jedhamuufi kan amma Somaalee keessatti Jubaa Laand jedhamuun beekamtu seenan.”

Haa ta’u malee, booda keessa gosti biraa lafa biyya garaa garaa irraa dhufuun bakka isaan dursa qabatan erga qubataniin booda, waraana isaan irratti banuun miidhaa baayyee isaan irraan gahuulleen himu jaarroliin.

Gaala

Kanumaanis wal qabatee Gadaa dabalatee aadaan Oromoo Ormaa duraanii baayyee hafaa dhufusaalleen himu.

Kana qofas miti, sababii dhiibbaatiin Oromoon Wardaa hedduun illeen gara Somaaleetti geeddaramuun afaanii fi amantii geeddarachu himu jaarsi kun.

Raajiin himame maal irra gahee?

Ammas Ormi erga Itoophiyaarraa godaane ganna 523 guuteera. Walumaa galattis wayita ammaa kanatti Oromoon 200,000 ol ‘Kaawuntii Taanaa Riivar’ kana keessa akka jiraatan maddeen ni agarsiisu.

Raajiin bara sanatti himamee turees dhugoomu himu Hajiin.

Ijoollee gama lamaanu dhalachuun Ormaafi Boorana walitti akka fidan himameef keessaa gama Wardaatii isaanumti Haajii Kullisa ilma gama Booranaatii dhufe waliin ta’uun waggaa 10’n dura Boorana deemuun Oromoo achi jiru dubbisuu isaanii himaniiru.

Akka abbootii isaanii irraa odeessatanittis, Oromoon saddeeti jedhu. ”Isaanis Oromoo Shawaa, Arusii, Walloo, Wallagga, Jimma, Gujii, Boranaa fi Wardaa. Kan biraalleen ni jiraatti ta’a garuu jaarsooliin akka aadaa fi hidda dhaloota keenyaa hindaganneef kana nutti himan,” jedhu Haajiin.

Isaan keessaayis angafni Oromoo Boorana. Kanaaf abbaan gadaas Boorana irraa kan mudaman jedhu.

Kana booda hoo maaltu yaadame?

Barri namni itti akka wal barbaadu raajii himaan dubbatamee sunis amma kan gahee fakkaatti jedhu bakka bu’aan Oromoo Ormaa Haajii Kullisa. Kanaafis ”Kunoo haaluma raajii gannaa 512 dura himameetiin, anu asii ka’uun Itoophiyaa Boorana dhaquun gurbaa Dirreetti dhalate kan Oromoo Booranaa waliin Booranaa gaafadhee deebii’eera,” jedhaniiru.

Guyyaa Boorana gaafachuuf Itoophiyaa deemanittis, jaarsooliin Booranaas bara kanatti ijoolleen lama akka walitti nu deebiisan raajiin himamuusaa abbootii keenya irraa hubanneera. Ammas isumatu raawwate. Kana boodas Oromoon tokko taatii nuun jedhan jechuun guyyaan tokkummaa Oromoo dhiyaachuu himan.

”Duraan gargar bannee. Amma wal baranneerra. Oromoon as jiruufi kan Itoophiyaa, akka wal baranii walitti dhufaniin barbaada. Akka wal baranii walitti diraman feena. Yeroon Oromoon itti tokkoomu guyyaanis geettee jirti,” jechuun hawwii tokkummaa Oromoof qaban BBC’tti himaniiru.


Maddi BBC Afaan Oromooti


Waliif Hiraa<share>
  • 460
  •  
  •  
  •  
  •  
  •  
  •  
  •  
  •  
  •  
    460
    Shares
  •  
    19
    Shares
  • 19
  •  
  •  
  •  
  •  
  •  
  •  
  •   
  •  

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here