Afaan Oromoo erga ifatti afaan hojiifi barnootaa ta’ee tajaajiluu eegalee waggoonni lakkaa’amaniiru.
Barumsi afaanichaa ammaan tana caasaalee barnootaa sadarkaa gadiirraa eegalee hanga dhaabbilee barnoota olaanaatti kennamaa jira.
Waajjiraalee mootummaa keessumaa Oromiyaatti afaan hojii ta’ee tajaajilaa jira.
Kana malees ammaan tana miidiyaaleen adda addaa afaanichatti bal’inaan fayyadamaa jiru.
Fayyadamuun akkuma jirutti ta’ee, garuu haalli qubeessa afaanichaafi ittifayyadama jechootaa keessumaa jechoota hirkatoo (maxxantootaa) dhimma xiyyeeffannaa olaanaa barbaaduudha.
Guddina afaanichaa si’eessuufi bu’uurasaas jabeessuuf haala ittifayyadama jechoota hirkatoo buburraa’ee mul’ataa jiru kana gara tokkotti luuccessaa, darbees walitti fidaa deemuun daran murteessaadha.
Xiyyeeffannaan barreeffama kanaas ittifayyadama jechoota hirkatoo, ergifannaafi sadarkeessituurratti.
Jecha jechuun, tuuta sagaleewwan (qubeelee) kanneen hiika kennuuf walta’aniifi oggaa barreeffamanis kan walitti maxxanfamanii katabaman jechuudha. Fakkeenyaaf: siree, huccuu, ilillii, tolche, qorsa, matajaboo, Asgorii, Olaanaa, addadda, waldaafi kkf.
 
Jechi mataasaa danda’eetu qofaatti barreeffama. Jechaafi jecha gidduu bakki duwwaan (tilmaamaan) jiraachuu qaba. Fakkeenyaaf: mana guddaa dulloomaa.
Jechoonni hirkatoofi of danda’oo jedhamanii bakka lamatti qoodamu. Jechoonni of danda’oon qabiyyeefi tajaajilaan addaan bahu.
Jechi fufamtoota duraafi booda ofitti fufata (maxxanfata). Fakkeenyaaf: osoo isa duraa hinxumurin kan biraatti cehuun sitti haahafu. Dhirsaafi niitiin ijaafi adaamii walitti ta’uunsaanii namaaf hingalu.
Jechoota hirkatoo jechuun birkii afaanii isa xiqqaa ta’ee yoo jechatti hirkate, kanneen hiika guutuu kennuu danda’an jechuudha. Yookaan kitaabonni tokko tokko,‘Some words are unable to stand alone as independent forms for phonological preseasons. Such elements, called clitics are short unstressed forms that are pronounced together with another element as if the two were a single unit’ jechuun ibsu.
• Jechoonni hirkatoon akka jechoota biroo yeroo mara of danda’oo miti.
• Unkaaleen akka jechaa of hindandeenye kanneen of danda’oo ta’an jiru.
• Unkaaleen akka dhamjecha hortee ykn uumamtee jecha horsiisuuf ykn jecha haaraa uumuuf kan tajaajilan mti.
• Jechoota hirkatoo jedhaman keessaa kanneen of danda’an nijiru.
• Dhamjechoonni uumamtee garuu of hindanda’an.
• Jechoon hirkatoon otoo hundee hinfilatiin idduma hundatti hirkatu.
 
Afaan Oromoo keessatti kanneen jechoota hirkatoo jedhaman al, -ti,-f, -if, -dha, -illee, immoo, irra, itti, ni, hin fa’i.
Akaakuuwwan hirkattoota Afaan Oromoo lama. Isaanis, hirkattoota duraa ykn duree (‘top or proclitic’)fi boodaa ykn duubee (‘enclitic’) jedhamu.
Hirkatoo dureen hundeerraa gara mirgaatti argamu. Fakkeenyaaf:- nijiru, hindhufne. Bakki itti argama duubee ammoo hundeerraa gara bitaatti. Fakkeenyaaf: Oromoodha, kan Oromooti.
Afaan Oromoo keessatti kanneen yeroo mara hundeerratti hirkatan -dha, -ti, -fi, -f yoo ta’an, irra, isa/ishee, jirafaan ammoo yeroo tokko tokko hirkatu.
Jechoonni hirkatoon haala idileefi al idileetiin fufamanis ni jiru. Fakkeenyaaf: inni mana (alidilee). Inni mana jira (idilee).
 
Jechoonni hirkatoon gareedhaan oggaa ilaalamanis ‘ti’fi ‘dha’ gochima gargaartuudha. Isa/ishee, isaan bamaqoota. -‘fi’n qabsiistuudha. Durduubeewwanimmoo -tti, -irra, -n fa’i.
Walumaagalatti, hirkattoota duraa jecha ittihirkatan waliin ilaaluuf:-
haa- haata’ukaa, haahafu, haatolu, haadeemnu.
hin- hindabu, hincabu, hinsarmu.
Irra-irrajireessa, irradeebii, irraajala, irraamaqe, irraagate.
itti- ittafaa, ittaanaa, ittidhiisi! ittita’e, ittijira, ittimale, ittitaphate,
nan (nin)- nanbeeka (ninbeeka), nanfedha (ninfedha.
ni- nibeekna, nimoona, nita’a, nifedha, nibarbaada, nijira.
waa-waamara beekuun hindanda’mu. Waamalee manni hinaaru.
 
Hirkattoota duraa keessaa: haa-, hin-, itti-… qofaasaaniitti sagalee ta’uun isaanii hubatamee jechatti fufamanii yoo barreeffaman hiika guutuu kennuu danda’u. Haalliifi amalli isaanii qoratamee akkaataan amma ittibarreeffamaa jiran furmaata argachuu mala.
Keessumaa ‘hin’fi ‘haa’n akka jechaatti qofaatti of danda’ee akka barreeffamu Koreen Waaltina Afaan Oromoo altokko ibsaa tureera.
Hirkattoonni kunniin jechoota mataa isaaniitiin hiika qabaachuu baatanis jechoota biroo wajjin dhaabbatanii hiika jechootaa irratti dhiibbaa qabu. Jechi tokko hennaa barreeffamu argaaf kan hintolle ta’ee yeroo dubbifamu sochiin ijaa keessumaa kan ijoollee ilaalcha keessa galuu qaba.
Sababa isaas fakkeenya ittaanuun haa ilaallu.
 Hin nyaatu (sirrii)
 Hinyaatu (dogoggora)
 Haagallu (dogoggora)
 Haa gallu (sirrii)
 
• Yeroo dubbatamu, akka fufamtoota duraatti kan hirkatu nijira. Innis ‘kan’ dha.
Fakkeenyaaf:
1) Kansaa kenniif.
2) Kan ta’uu qabu nita’a.
3) Kan biroo hinjiru.
Hirkattoota duubee
Jechatti yoo fufaman
-f, kanaaf, anaaf, ammaaf, Galgaloof, namaaf. Fuftuun -f’n qabiyyee(‘preposition’) waan taateef nihirkatti.
-dha’n dubbachiistuu dheeraatti hirkatee gala. Fakkenyaaf:- beekamaadha.
-ti, ta’uusaati, Oromiyaaan kan Oromooti.
-fi’n fuftuu (conjuction) taatuyyuu, sagalee tokko qofa waan qabduuf, akkasumas, akkaataa ummanni dubbatu yoo qalbeeffanne qofaatti barreessuun nifilatama kanneen jedhanis jiru.
-fi’ yoo osoo hinfufiin barreeffame mataduree keessatti -f’ guddaa taasisuu feesisa. Fakkeenyaaf ‘Magaalaa Fi Baadiyyaa’.
-f’fi fi’n akkaataa dubbatamanitti (sagaleeffamanitti) sagaleen isaan uumamaan qaban tokko waan ta’eef adda baafachuuf, isa tokkotti (fuftuutti) ‘i’n dabalameera.
Lameenuu qooda garaagaraa waan qabaniif isaan adda baafanna.
 
Lameenuu amala hirkachuu niqabu. Kana jechuunis, jecha isaan itti hirkatantu ‘i’, sagalee ofii dheeressuun ofitti fufatu jechuudha.
Fakkeenyaaf:
1. Anaaf kennuun haaturuu; mee dura isaafi isheetti kenni.
2. Dhirsaafi niitiitu wallolee, walitti araarsi yaa itillee.
3. Obboleessaafi obboleettiitu, ijaafi adaamii walitti ta’an.
4. Fakkeenyaaf ani achuman ture.
Garuu, waatokko hinturre.
Wayita dubbataman amala fufamtoota boodaa kan qaban nijiru. Amala fufamtoota boodaa qabaachuusaanii kan nuuf akeeku sagaleetu (qubeetu) liqimfamee hafa.
-illee har’allee, ammallee, kunillee, tokkollee, ta’ullee….
-iyyuu- “Kanayyuu warri rafnaani jette sareen.” Ammayyuu ittuman jira.
-ishee (ishii) -Kun kansheeti.
Afaan Oromoo keessatti kanneen sagalee tokko qofa qaban ( ‘kaa’, ‘ree, koo…) yeroo dubbataman nifufamu (ni hirkatu).
Fakkeenyaaf:
-kaa akkanakaa! Jedhikaa! Dafikaa! Tolekaa! Maalookaa!
-ree haata’uuree!, mitiiree!, jetteeree!.
-koo Yaadakoo deeggaruun dirqama miti.
-kee – Yaadakee nandeeggara.
 
Xumura
Afaan Oromoo barreessuuf akkaataa hawaasichi ittidubbataa jiru yoo qalbeeffanne gabaabsanii yaada ofii ibsuun barbaachisaa ta’uu hubanna.
Barreeffama keessattis yeroo hirkattoonni fufamanii barreeffaman qubeewwan hafuu qabanis nijiru.
Kunimmoo waraqaa, qalama, yeroofi humna qusachuuf waan gargaaruuf barreessitoota biratti bakka guddaa qaba.
Walitti maxxananii yoo barreeffaman dubbisuuf daran nama gargaara. Ijji nama dubbisuu tokko tokkoo qubeewwanii barbaadee (ilaalee) dubbisuuf hinrakkatu waan ta’eef kanneen hirkachuu qaban walitti maxxansanii barreessuun dansa.
 
Asirratti keessumaa jechoota teknolojii Afaan Oromootiin oggaa qubeessisnu otoo dheeressuu baannee gaariidha. Qubeessaa dheeressinus gabaabsinus jijjiiramni hiikaa fidu tokkollee waan hinjirreef hunda tarreessinee qubeessuurraa otoo of eeggannee gaariidha.
Fakkeenyaaf teenkooloojii jechuurra teknolojii, yuunivarsiitii jechuurra yunivarsitii, jennee haala qubeessaasaanii waaltessinee otoo ittifayyadamnee gaariidha.
Asirratti namoonni Afaan Oromoo akkuma dubbatamutti barreeffama jedhan ni jiru. Kun dhugaa ta’uu danda’ullee, jechoonni ergifannoon akkanaa hamma hiika ykn ergaa jechichaa hinjirreetti calluma jennee qubeelee ittife’uun iddoofi yeroo fixuu malee faayidaa hinqabu.
Kana malees mallattoo eertuu sadarkaa oggaa barreessinu 1ffaa, 2ffaa, 3ffaa akka hayyoota adda addaarraa qoratameetti itti fayyadamaa jiruun, gabaasnee 1fa, 2fa, 3fa… jennee barreessuun iddoo qusachuufi ijatti toluun faayidaa guddaa qaba.
 
Sadarkeessituun kun haala kanaan barreeffamuun jijjiiramni hiikaa dhufu waan hinjirreef gabaabsinee ittifayyadamuun kun qorannaadhaan kan deggarame waan ta’eef iddoowwan hundatti hojiirra ooluu qaba.
Hubanneerra yoo ta’e Ingiliffa keessattis sadarkeessituun kun oggaa barreeffamtu qubeewwan dhumaa lamaan qofatu fudhatamee tajaajilarra oolaa jira; (1st, 2nd, 3rd… jedhame.
Asirrattis namoonni “Afaan Oromoo akkuma dubbatamutti barreeffamuu qaba malee” jedhan jiru.
Kunis dhugaadha ta’us hamma dhama (bu’uura) afaanichaa hinxuqnetti haala ittifayyadamasaa ammayyeessaa deemuun waan danda’amuuf fakkeenyummaa kana fudhatanii hojiirra oolchuun misha.
Barreeffama kana gabbisuuf barreeffama Alamaayyoo Qubee, Sadaasa 2014fi marsariitiiwwan adda addaa fayyadamneerra.

 
Maddi:Gaazxeexaa Bariisaa

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here