WAA’EE KEENYA

Waa’ee Marsariitii Afaan-Oromoo.com:


Marsariitiin kun Barnoota Afaan Oromoo bifa suursagalee, barreeffamaan, fakkiidhaan Hawaasa Oromoo addunyaa garagaraa keessa jiruufi Jaalattoota afaan kanaa addunyaa guutuu irra jiran barsiisuufi odeeffannoon adda addaa gama aartii, siyaasaas diinagdee,  aadaafi Qorannoolee faayida qabeessa ta’a hayyoota Oromootiinis ta’ee kanneen birootiin qophaa’anii ummataaf gadi lakkifaman akka hawaasa baldhaa addunyaa guutuu irra jiru bira gahu gochuufi keessattuu Guddina Afaan kanaa gama Saayinsiifi Teekinoolojiitiiin akka saffisu gahee isaa bahuuf kan qophaayeedha.

 

Mul’ata:


Dhimmi Aartii, afaaniifi Aadaa Oromoon walqabatu guutuu addunyaatti beekamee, Afaan Oromoo gama qo’annooleefi qorannoolee saayinsawaa keessatti hirmaachuun,  aadaa  Oromoo, Seenaafi aartii keenya addunyaa jabanaa kanarratti dorgomaa ta’e arguufi dhugoomsuudha.

 

Ergama:


Ilmaan Oromoo biyyoota addunyaa garagaraa keessatti walhoranii babaldhachaa jiran, Hayyoota Oromoo addunyaa garagaraa keessatti gumaacha olaanaa bahaa jiran dabalatee hawaasa Oromoo Addunyaa guutuu irra jiraniif Giddugala Barnoota Afaan Oromoo, Seenaa, Aadaaafi Duudhaa Oromoo irratti olkaayan, irratti wal barsiisan, muuxannoo walii hiraniifi irraa baratan uumuudha.

 


Afaan Mallattoodha!

www.afaan-oromoo.com