Waa’ee Oromoota Goojjam Beektuu Laata – B/Aadaaf Turizimii Oromiyaatiin



Waa’ee Oromoota Goojjam kana beektuu laataa?

Yeroo ammaa Lafti Goojjaam jedhamee waamamu dur durii irra jireessaan Oromootatu irra qubatee jira. Yeroo booda garuu, dhiibbaa mootota adda addaatiin saboonni adda addaa gara kana dhufanii akka qabatan godhameera.

Oromoonni Goojjaam keessa jiraataa turan Oromoota Maccaafi Tuulamaati. Kibbaafi Lixa Goojjaamii kaasee hanga Haroo Xaanaa ga’utti Oromoon Maccaa kan qubate yoo ta’u (naannoo Agawu irraa kan hafe ) gara Bahaatti immoo irra jireessaan Oromoo Tuulamaatu irra jiraata.

Goojjaam gara Kibbaa hanga Haroo Xaanaa ga’utti kan qubatan gosa Oromoo Jaawwii yoo ta’an isaanis Jahan Jaawwii jedhamu.

Jahan Jaawwii kunneen hanga Suudaaniifi Goonder keessa hanga lafa Farxaa Danbiyaafi Fogaraa jedhamutti qubatanii jiru.Gara Kibba Bahaan immoo biyya Daamoot jedhamee beekamu keessa hanga Lumaamee, Dambalaa, Jijigaafi darbees hanga Maccaa ykn lafa Haroo Xaanaa ga’utti qubatanii jiraatu.

Oromoon gosa Tuulamaa immoo Goojjaam gara Bahaa Diimaa, Bichanaafi Mooxaa keessa hanga Gondor Walaqaafi Warrootaa ga’utti Oromoota Maccaa waliin walcina akka qubatan himama. Kanaas Afoolli maanguddootaafi maqaaleen lafaafi gosoota naannoo san qubatanii ni ibsa.

Kanaaf Goondor keessatti maanguddoonni yoo mammaakan “Kan Oromoorraa hindhalanne Tumtuu qofa” jedhu. Aadaa Oromoo keessatti naannoo wan Seera Gadaatiin buluu dhiisanii seera cabsan (morman) gosa tumtuu waan jedhamaniif akka Oromoodhaan walhinfuuneefi addaan fagaatan taasifama.

Oromoonni Goojjaam keessa jiraatan Kun kophaatti ofgurmeessuun garee Afreefi Sadachaan naannoo yeroo ammaa jiraatan: Buree, Wambaaraa, Yilmaafi Dheensaa(Kuttaayee Liban) Daamoot keessatti hammeenya mootummaa Goonderiin isaan irratti godhamaa ture rukutaa turan.

Dhawaata dhawaataan garuu firoomuufi soddoomuu mootummaa Goonderiin walqabatee Aadaa Oromoo kanta’e Sirna Gadaa dhiisuun akkuma Oromoota Daamootaa isaanis mootummaa ofii ijaaruu qaban. Mootonni Goojjaam keessatti beekamaa dhufanis Oromootumma naannoo san qubataniidha.

Qaccee Mootota Goojjaam
Mootii Bakaafaa
Walatta Israa’eel
Oromoo Daamootaa
Gammachuu/Abiddoo
Abeebee
Yosoodeeq ———————-+—————–Walatta
Israa’eel
Raas Hayiluu 1ffaa
Goshuu
Raas Tasammaa
Raas Aadaal (Nugus Takla Haymaanot )
Raas Hayiluu 2ffaa

Qaccee mootota Goojjaam kana yoo’ilaalle dhalootaan mootota Goondariin walitti haamakaman malee humana oromootaan Mootota Goondar ta’uun akka sochoo’aa turan seenaa iraa kan huubatamuudha.

Mootii beekamaan Bakaafaanis Goojjam Diimaa iddoo Yibabaa jedhamutti akka dhalateefi bakka haadha isaa Oromoo Tuulamaa akka ture seenaan ni addeessa. Intalli Mootii Bakaafaa Walatta Israa’eel kan jedhamtu, Yoosoodeeqitti heerumuun Raashayiluu 1ffaa deesse. Intalli Raas Hayiluu 1ffaa Dinqnesh kan jedhamtu Zawudeetti heerumtee Goshuu deesse.

Goshuun immoo Raas Tasammaa godhate. Raas tasammaan immoo Raas Adaal(Nugus Takla Haymaanot) godhate. Raasa Adal irraa kandhalate mootiin Goojjaam kan dhumaa mootiin Goojjam kan dhumaa Raas Hayiluu 2ffaa kan jedhamuudha. Kunis Mootonni Goojjaamifi Goondor dhaloonni isaanii ammam Oromoodhaan akka walitti makame agarsiisa.

Alaqaa Atsemeen seenaa Oromoo akka hintaaneen barreessanis Oromoota Goojjaamiin ilaalchisee yoo’ibsu “Mootonniifi Masaafintoonni Goojjaam Oromoota Amuruuti” jedhee barreessee ture. Kanarraa ka’uun Goojjaamonni harra nuti Oromoodha jechuu yoobaatanillee biyyiifi lafti Oromoo amma illee moggaasa Oromootiin kan waamamaniidha.

Barreessaan Bahiruu Taafilaa jedhamu gara biraatiin Abbaa biyyaa Goojjam kan ture Yoosoodeeq intala Mootii Goondor waanfuudhaniif Oromoonni Gojjam gartokkoon akka mootummaa Gondoritti makaman ibseera. Gojjam gara Bahaa hanga Jaarraa 19ffaatti duraan “Mangista Samaayaat” jedhamee waamamuun beekama.

Jaarraa 17ffaa iraa kaasee naannoo kana kan bulchaa kanturan Oromoota akka turan seenaan dubbata.

Barreessaan Jams Bruce jedhamu akka ibsetti “yeroon ani Gondor ture namni beekamaan Daamoot Dajjazmaach Warenyaafi ilma isaanii Faasil kan jedhamuudha” jechuun jabeessee barreesse.

Dabalataanis Jams Bruce akka gabaasetti “Faasil Sanyii isaa gaafadhee akka naafhimetti abbaan isaanii akka Oromoo Maccaa ta’aniidha” jechuun ifa godha. Malkaa Abbayyaa cee’uun firoota isaanii Gindabarat keessa jiraataniin akka walitti dhufaniifi isaaniinis akka walbaran barreessaan kun ifa godhaniiru.

Walitti dhufeenyi Goojjamootaafi Oromoota Gindabarat, akkasumas mootota Goondor waliin ture kun yeroo rakkoon Goojjamitti cime Oromoonni firoottan isaanii Gindabaratiifi Horroo keessa jiranitti akka baqataaniif carraa gaarii uumee akka ture ni himama.

Kunis Oromoota malkaa Abbayyaa gara gadii turaniifi Oromoota Goojjaam keessa jiraatan gidduutti bara dheeraaf hariiroo gaarii akka uume huubachuun ni danda’ama. Keessattu Oromoota Horroo Guduruu waliin irra caalaa akka maatiitti waliif tumsaa akka turan ni himama.

Walumaa galatti Oromoon Booranaa gara kaabaa kun sirna bulchiinsa sanyiin dhaalamu, Islaamummaafi Oromummaan hundeessuun maqaa Muhammadoochii jedhamuun hanga bara 1916tti turaniiru.

Mootummaan warra Heebanoo Oromoo Walloo qindeessuun weerara warra Goondarootaa qixaan ofirraa dhorkaa turaniiru. Warra yejjuufis deeggarsa guddaa kennaa turaniiru. Garuu akka warra Yejjuu Habashoota aangoorraa ari’anii sirna bulchiinsa ofii jabeessuu irratti hagas cimoo miti. Irra Caalaa mootummaa giddugaleessa qabatanii Itiyoophiyaa bulchiinsa Oromoo gochuuf qabsoo qixxifachiisa kan godhan Yejjoota.

Yejjoonni Sirna bulchiinsa Kiristaanummaan ofgurmeessanii Sanyii bulchinsa Warra Seeh Yookaan Warra Sheek sochoo’aa turan.


Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa
Muddee 10/2010
Finfinnee


Waliif Hiraa<share>
  • 130
    Shares
  • 130
    Shares

AFAAN OROMO - Oromo Language

Blogger, AFAAN OROMO Software Developer

You May Also Like

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *