*Durbummaan waan baay’ee haphii ‘ hymen or thin film of
membrane’jedhamu,ulaa afaan qaama saalaa durbaa haguugee kan
argamudha. ‘Hymen’ kun haphii waan ta’eef yeroo baay’ee
qunnamtii saalaa jalqabaa irratti tarsa’a.
‘Hymen’ kun gosa adda addaa qaba, isaan keessaa:
1.haphiifi qaawwa xiqqoo kan qabu (septate): kun gosa
dubartootni hedduun qaban ta’ee qunnamtiisaalaa jalabaa irratti ni tarsa’a, jechuun dhiiga xiqqoo
qaama saalaa keessaa dhangala’a.
2.duudaa ykn qaawwa kan hin qabne(imperforate): kun
tarsa’uudhaaf rakkisaafi yoo tarsa’e ammoo akka malee
dhiiguu danda’a. yeroo tokko tokko tajaajila baqaqsanii
hodhuutiin malee hin tarsa’u.
3.yeroo tokko tokko ammoo uumamaan dubartootni durbummaa
hin qabnes jiru.Kun garuu lakkofsaan baay’ee xiqqoodha
*Dabalataan durbummaan miidhaa adda addaatiin tarsa’uu ykn
baduu ni danda’a
Fakkeenyaaf:-
-Ispoortii ciccimoo akka atileetiksii,isplintii,uta
-Gobaa ykn muka irratti kufuu
-Qorannoo fayyaa qaama saalaa dubartootaa irratti
taasifamuun fi.k.k.f
*HUB: Durbummaan takkaa badnaan ykn tarsaanaan deebi’ee
hin fayyu ykn hin margu!!! Garuu tajaajila baqaqsanii
hodhuu’hymenorrhaphy’ jedhamuun suphuun ni danda’ama.
© Ani kanan jedhu durbaaf durbummaa yoo jenne dhiiraaf
maal jenna? Jecha afaan oromoo hin qabuu laata waan
kun?Yoo hin qabaanne maal jennee haa moggaafnu?
=====HORAA BULAA, DEEBANAA=====
*****Dr. Hiikaa*****